ULMAA: Kitaaba imala sirna ulmaa duudhaasaatti deebisu

Oromoon aadaa eenyummaasaa ibsan dabareedhaan walharkaa fuudhaa dhalootatti dabarsuun beekama. Aadaafi duudhaalee ciccimoo Oromoon qabu hedduu keessaa sirna kabajaafi kunuunsa dubartii deessuun walqabatu, Ulmaa akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama.

Sirni cimaan kun yeroo ammaa sababoota adda addaan kutaalee Oromiyaa garagaraatti dagatamaa jira. Keessumaa naannawa magaalaatti sadarkaa irraanfatamuurra ga’eera. Dhalootni har’aa babal’ina teknolojiin walqabatee taateewwan aadaa yeroo dubartiin Oromoo deessu raawwataman aadaa biraatiin liqimfamaa jiraachuu Kitaabni mataduree Ulmaa jedhuun Gaazexeessituu Gaazexaa Bariisaa Saamraawiit Girmaatiin barreeffame hubachiiseera.

Duudhaan hawaasichaa irraanfatamaa jiru kun akka bakkasaatti deebi’uuf waan argiteefi carraa hojii ogummaa isheen uumeefitti fayyadamuun odeeffannoo sassaabbatte kitaaba sirna deessuu Oromoorratti xiyyeefate barreessitee Mudde 20, bara 2017 Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti bakka keessummoonni waamichi taasifameef argamanitti eebbifamuun dubbistootaaf dhiheessiteetti.

Barreessituun kitaabichaa Gaazexeessituu Saamraawiit Girmaa digrii jalqabaafi lammaffaa ogummaa jornaalizimiifi kominikeeshiniitiin Yunivarsitii Finfinneerraa fudhachuun hojii gaazexessummaarratti bobbaatee muuxannoo waggoota 15 akka qabdu sirna eebba kitaabichaarratti ibsiteetti.

Kitaaba sirna dubartii deessuurratti xiyyeeffate kanas kan barreessiteef sirni kun yaadatamaa dhalootatti akka darbuuf barreeffamaan kaa’uuf ta’uu eertee, qorattootaafis madda odeeffannoo lammaffaa ta’uu akka danda’u ibsiti.

Kitaabichi hojii ogummaa gaazexessummaa keessa taateefi maatii horatte gaggeessaa haalota ulfaatoo keessatti kan barreessite ta’uu himteetti. Kitaabichis boqonnaawwan sadiitti qoodamuudhaan qabiyyeefi kaayyoo barreeffamichaa ibsan waraqaa fuulawaan 80 irratti katabamee dubbisaaf ifa ta’eera.

Waliigalaan kibaabichi duudhaaleefi aadaa Oromoo godinaalee naannawa ittiguddattee Godina Wallagga Bahaa irraa ka’uun, kan godinaalee Wallagga Lixaa, Qellem Wallaggaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Booriif Buunnoo Beddellee giddugaleeffachuun taateewwan qabatamoo duudhaalee haawasicha keessaa mul’atan gara barreeffamaatti jijjiiruun dhiyeessite.

Kaayyoon kitaabashees aadaa kabajaa Oromoon dubartii deesseef qabu irraanfatamaa dhufuun sirnoonni tokko tokko maqaasaaniiyyuu jijjirrachuu himtee, fakkeenyaaf sirni da’umsaaan dura deessuu eebbisuu jedhamu jecha (‘Babyshower’) jedhuun bakka bu’aa dhufee achii dhufteensaa dagatamaa waan jiruuf gara duudhaasaa ganamaatti akka deebi’uuf yaaddee akka barreessite ibsiteetti.

Kitaabichi afoolawwan, weedduuwwan deessuuf weeddifaman walaloofi yeedaloosaa eeggatee duudhaasaatti akka deebi’uuf akkasumas ogbarruu Oromoo guddisuufi beeksisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.

Sirnoota deessuu wajjiin walqabatanii taasifaman keessaas da’umsaan booda sirni shananii isa tokko ta’uu kaastee, kanaanis dubartootni tokkummaa isaanii cimsuun mirga dubartootaafi daa’immanii kabachiisuuf, aadaasaaniis jabeeffachuuf waltajjii murteessaadha. Jireenya hawaasummaa cimsuu keessattis shoora olaanaa qaba. Nutis dhimmoota ijoo kitaabichi boqonnaawwansaa sadan keessatti qabate cuunfinee akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Walumaagalatti boqonnaawwan kitaabichaa aadaa Oromoorratti xiyyeeffachuudhaan sirna kabajaa dubartii deessuuf taasifamuun walqabatee taateewwan da’umsa duraa, wayita da’umsaafi da’umsa booda jedhamuun duraa duubaan dhiyaateera.

Qophii da’umsa duraatiin deessuu gara mana haadhaatti geessuu, qophii mana ofiitti taasisuu, nyaata sirna da’umsaa keessatti beekamu midhaan marqaafi shaameta qopheessuu akkasumas, shaameta garagalchuu (deessuu eebbisuu) boqonnaa tokkoffaa keessaatti bal’inaan ibsameera.

Taateewwan boqonnaa tokkoffaa keessatti ibsamanis duudhaasaanii eeggatanii adeemsaafi naamusa ittiin raawwataman mataasaanii qabu. Godinaalee Oromiyaa lixaa barreessituun irratti xiyyeeffatetti taatewwwan raawwataman daran walfakkaatu.

Taateewwan eeraman kunneen keessaa shaameeti maalirraa akkamitti akka qophaa’u, shaameta garagalchuun maal akka ta’e haala dubbisaaf tolutti suuraan dabaalamee ibsameera.

Haaluma kanaan guyyaa da’umsaatu ittaana. Taateewwan Guyyaa kana geggeeffaman keessaa Askutii/ Ashkutiin boqonnaa lammaaffaa keessatti ibsameera.

Ashkutiin guyyaa deessuun deessu (ofkaltu) sirna marqaa marqanii nyaachuun gammachuu ibsataniidha. Aadaan kun godinaalee Oromiyaa Lixaa (Wallaggaa Bahaa, Wallagaa Lixaa, Qellem Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Booriifi Buunnoo Beddellee)tti walfakkata. Taateewwan kunniin akkuma haala qabatamaa duudhaa sirnichaatiin kan raawwatamu ta’uunis eerameera.

Taateewwaan guyyaa da’umsa booda shanan, salgan, harka fuudhii (harka fuudhaa), Ulmaa bahuu, kunuunsa deessuufi taasifamuufi mana abbaa warraatti deebisuun boqonnnaa sadaffaa keessatti ibsameera.

Taateewwan boqonnaa kana keessatti eeraman haala ittiin raawwatan mataasaanii qabu. Hiikaan mataduree kitaabichaa Ulmaafi deessuun guyyaa meeqaaf turtii Ulmaa qabaachuu akka dandeessu bal’inaan eerameera.

Barreesituun kitaabichaa aadaan deessuu kabajuufi faarsuu Oromiyaa Lixaa kana fakkaata jechuun yaadashee gara goolabuutti fiddeetti. Aadaan Oromoo irratti xiyeeffattee barreessite godinaalee Oromiyaa biroottis aadaan deessuu kabajuufi faarsu bareedaan akka jiru beekamus bal’ina aadichaafi sabichaan bakka tokkotti dhiyeessuun waan sirrii hintaaneef gara fuulduraattii akkuma walfakkeenyasaatti walittifiduuf hojmanee koo egereeti jechuun ibsiteetti.

Weedduuwwan sirna Ulmaarratti weeddifaman kitaabicha keessatti eeramanis ta’e kanneen biroon suursagaleedhaan waraabamanii haala dhalootaaf darbuu danda’aniiin taa’uu akka qabanis dhaamteetti.

Waajjiraalee Aadaafi Turizimii Aanaaleefi godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagaa Lixaa, Wallagga Bahaa, Qellem Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Jimmaafi Buunnoo Beddalee akkasumas namoota dhuunfaa dhimmicha ibsuu danda’an madda odeeffannoo godhachuudhaan kan barreeffame ta’uun kitaabicharratti eerameera.

Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti qorataan aadaafi duudhaa Obbo Leeniin Quuxoo yaada kitaabicharratti kennanniin kitaabichi yaa’iinsa yaadaa eeggatte sirna Ulmaa naannawa eeramee sirriitti kan ibsuudha jedhan.

Gulaalaan kitaaba Ulmaa Gaazexessaa Natsaannat Taaddasaas kitaabichi akka Oromoo Maccaatti turtii dubartiin tokko gaafa deesserraa eegale hanga boqonnaashee xumurtee ala ba’uu jalqabdutti yeroo jiru duraa duubaan sirriitti kan ibsuudha. Qabiyyeen yaadaa kitaabicha keessatti dhiyaatan duraa duubasaanii eeggachuun sirna deessuu Oromoo Maccaa haala hawwataafi aadaa hawaasichaa ibsuun dhiyaateera jedha.

Kitaabichi taateewwan yeroo dubartiin tokko da’uu jala geessuufi erga deessee booda hanga Ulmaa baatutti raawwatamaniifi weedduuwwan walduraa duubaan kitaabicha keessatti ibsameera.

Akkasumas nyaatawwaniifi dhugaatiiwwan deessuuf qophaa’anis taaticha faanaa waan ibsuuf aadaa nyaata Oromoo ibsuufi beeksisuu keessatti barreeffamichi shoora olaanaa qaba. Kitaabni Ulmaa sirna ‘Baby shower’ jedhamuun akka aadaa warra aadiitti fudhatame aadaa Oromoo keessa kan jiru ta’uu kan hubachiiseedha.

Akka aadaa Oromootti dubartiin tokko yeroo da’uu jala geessu akka nagaan hiikamtuuf ni eebbisu, hunduu hawwii gaariis ni dhiyeessa. Dubartiin ulfaa tokko yeroo ji’a saddeetiifi walakkaa guutterraa kaasee sirni deessuu eebbisuu akka adeemsifamu kitaabichi nama hubachiisa. Sirna kanarratti dubartoonni marqaa marqanii erga nyaatanii booda deessuuf akka nagaan hiikamtuuf Waaqa kadhatu, duwaayii godhuuf akkasumas ni eebbisu.

Erga deessee booda marqaa Ashkutiitu marqamee nyaatama. Sirna kanarratti dhiirriifi ijoolleen durbaa hinhirmaatan. Sababnisaas guyyichi guyyaa bilisummaa dubartootaati jedhamee waan amanamuuf. Dhiphinaafi rakkina deessuurra ga’u ilaaluun ijoolleen durbaa heeruma akka hinsodaanneef yaadamee ijoolleen durbaa sirna Ulmaarratti akka hinhirmaanne kitaaba Ulmaa keessatti ibsameera.

Inni biraan ammoo guyyaa shananiiti. Guyyaa kun sirnoota deessuuf geggeeffamu keessaa guyyaa ho’aadha. Guyyaa kana dubartoonni baalota qoricha aadaa foolii gaarii qaban lagaa kutanii deessuu dhaqna ittiin dhiqu. Baalonni kunneenis ulmaayee, damaakasee, urgeessaa, ancabbiifi kkf’dha. Sirni dhanna dhiqaa kun dubartiin dadhabbii akka baatuufi akka dhannishee bakkatti deebi’uuf yoo ta’u, isa amma ‘massage’ jedhanii ammayyoomsaniif bu’uura ta’uu kitaabni Ulmaan eereera.

Gaafa kanas weedduuwwan “illaancookoo, Sunqoo Sunqoo jette Maaramoo, Leelleewoo, Ammawoo tariifi kkf’n jedhamaniin kan dabaalamu ta’uu bal’inaan kitaabicha keessatti ibsameera.

Waliigalaan kitaabi kun duraa duuba yaa’iinsa yaadaa kan eegeefi bakka muraasarratti xiyyeffachuudhaan aadaafi duudhaa hawaasichaa ifa baasuun qorattootaafi artistoota dhimma kanarratti hojjechuu barbaadaniif ka’umsa gaarii kan ta’uudha.

Aadaan bareedaan kun dhalootatti akka darbuufillee galtee ta’uun duudhaa hawaasaa sababoota garagaraatiin bakkasaanii gadhiisan deebisuuf (‘cultural restoration’) shoora olaanaa qaba.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You