Otoo ispoortiin ammayyaa biyya keenya hinseeniin dura bal’inaan adeemsifamaa kan turan ispoortiiwwan aadaa turuunsaa kan yaadatamuudha.
Ogeessonni ispoortichaa qorannoo taasisaniin addunyaarratti ispoortiiwwan aadaa 287 qorannoon bira gahaniiru jedhama. Biyya keenyatti ispoortiiwwan aadaa hedduun jiraatanis haala qabatamaan hawaasni kan hordofaa jiru 11dha.
Ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gombisa fardaa, wal’aansoo, korboo, qillee, saddeeqa abbaa boollaa 12fi 18fi kkf ummatni keenya keessumaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaan yeroo haara galfannaasaanii akka hordofan taasifamaa jira.
Mootummaa naannoo Oromiyaattis Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa waliin ta’uun ispoortiin kun hawaasa naannichaa biratti bal’inaan akka hordofamu taasisuu erga jalqabee oolee buleera.
Sochii ispoortii kanaa ilaalchisuun gaafdeebii gaazeexaan Bariisaa Ittigaafatamaa waajjira Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Obbo Abdiisaa Taayyee waliin taasise kunooti.
Bariisaa: Sochin Ispoortii aadaa naannoo Oromiyaa akkamiin ibsama?
Obbo Abdiisaa: Ispoortiin aadaa akkuma beekamu bu’uura ispoortii ammayyaati. Yeroo addaddaatti Oromiyaan aadaa, seenaafi duudhaa hedduu qaba.
Aadaafi seenaa inni qabu kana ammoo hawaasa bal’aa guutuu Itoophiyaa sabaaf sablammootatti agarsiisuudhaaf hojiin duras hojjetamaa ture.
Ammas federeeshinii ispoortii aadaa biiroo wajjin hojjechaa jira. Isa keessaa tokko ammoo dorgommiiwwan ispoortii aadaa gaggeessuudha.
Dorgommii ispoortii aadaa yoo jennu wal’aansoo, saddeeqa, korboo, qillee, gombisa fardaa, sharxii, taphoota saddeeqaa abbaa boolla 12fi 18, xiyyaafi kkf taphoonni adda addaa jiru. Taphoonni mana keessaa ammoo Shaabuubbii jedhamanii qoodamuudhaan gaggeeffamaa jiru.
Yeroo baay’ee naannoon Oromiyaa guutuu sadarkaa Itoophiyaatti tapha aadaa yoo agarsiisu ispoortii aadaan olaantummaan xumuraa jira. Ispoortiin kun yeroo ammaa hawaasa ganda baadiyyaa keessa jiru biratti olaantummaadhaan gaggeeffamaa jira.
Dorgommiin kan gaggeeffamu sadarkaa gandaatii kaasee hanga godinaatti, godinniifi magaalonni ammoo taphattoota qaban dorgomsiisanii sadarkaa biyyaaleessaatti hirmaachisu.
Bariisaa: Ispoortii kanaan qophiin keessan kan baranaa maal fakkaata?
Obbo Abdiisaa: Guddinni ispoortii aadaa yeroodhaa gara yerootti babal’achuun dabalaa jira. Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa wajjin xiyyeeffannaa kennuun sadarkaa gandaarraa hanga guutuu Oromiyaatti hawaasa keenya jiddutti dorgommii gaggeessaa jiru.
Haaluma kanaan baranas shaampiyoonaa ispoortii aadaa marsaa 30ffaafi agarsiisa feestivaala aadaa Oromiyaa marsaa 17ffaaf qophiirratti argama. Shaampiyoonichis kan gaggeeffamu Amajji 15 bara 2017 wal ta’iinsa godina Arsii Lixaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin magaalaa Shaashamanneetti, akka biyyaattimmoo Hosaa’inaatti gaggeeffama.
Ispoortichi dhaloonni aadaasaaniifi duudhaasaanii akka beekan gochuuf dargaggoota guddattoota umrii 13 gadi ta’an hirmaachisuun hojjetaa jirra. Ispoortichi mana marii ispoortii aadaa naannootiini sochii isaa kan taasisu. Yeroo ammaa kana Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaafi godina Jimmaa keessatti caalaatti hojjechaa jirra.
Walumaagalatti godinaafi magaalaatti pirojektiiwwan 14 yeroo ammaa kana hojjechaa jirra, Gujii, Harargee Lixaa, Arsiifi kkf mana maree ispoortii deeggaramanii akka hojjetan taasifneerra.
Bariisaa: Manneen barnootaa keessatti sochiin misooma ispoortii aadaa maal fakkaata?
Obbo Abdiisaa: Ispoortichi sadarkaa gandaatii kaasee gaggeeffamaa kan jiru irri jireessi manneen barnootaattidha. Ispoortiin kun mana barumsaatii yoo ka’e guddinnisaas ni ariifata. Bal’inaan bakka bu’aas horachuuf gargaara.
Godinaalee kanneenitti kutaa afurii gaditti barnnoota aadaa kan jedhamutu kennamaa jira. Keessumaa meeshaalee aadaa torbanitti yeroo jaha oomishuurraa kaasee meeshaalee omishanitti fayyadamaa jiru.
Keessumattuu godinaalee Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaafi Jimmaa keessatti wanta raajiitu jira jechuudha. Wanti namatti tolu ispoortiin aadaa dubartoota hirmaachisuudha. Dubartoonniifi dhiironni walqixa akaakuu ispoortii kanarratti qooda fudhatu.
Bariisaa: Ispoortiin aadaa kun dargaggoota qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota hirmaachisuu keessatti maal fakkaata?
Obbo Abdiisaa: Akkuma dura jenne ispoortiin aadaa ka’umsi isaa qotee bulaafi horsiisee bulaadha. Ijoolleen amma manneen barnootaarratti hojjene jennu kunis maatiisaaniirraa waan argan achitti hojjechaa kan jiranidha.
Akaakuun ispoortii aadaa akka Itoophiyaatti kan qoratamee jiru 287 yoo ta’u 11 qofarratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra. Achi keessaa kan naannoo Oromiyaa saddeet qofarratti hojjechaa jirra. Gosoonni ispoortii aadaa kunniin ammoo olaantummaan naannoo keenyatti beekamoofi kan itti injifataa jirrudha.
Manguddoonni Saddeeqa wayita taphatan, farda yoo gulufsiisan sharxii yoo taphatan, wal’aansoo taphataniifi taa’anii taphachiisan muxannoo guddaa qabaachuurra darbanii dabarsuu keessattis shoora olaanaa taphatu.
Bariisaa: Ispoortiin aadaa kan hawaasaati jedhama, walitti dhufeenyi hawaasa kana wajjin qabdan hammami?
Obbo Abdiisaa: Dhugaa dubbachuuf akka baay’ina ummata keenyaatti hojjeechaa hin jirru. Bara darbeef barana hoggansi biiroo, itti gaafatamaan federeeshinii ispoortii aadaa xiyyeeffannaa kennerraa ka’uun hojiiwwan gurguddaatu hojjetamaa jira. Kanaaf hanga mana barumsaa, qonnaan bulaafi horsiisee bulaatti gadi haa bu’u kan jennuuf. Nutis ammaan tana akka baay’ina ummataafi bal’ina naannoo keenyaatti hin hojjenne.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaan walqabatee ispoortiin aadaa bakkatti laafe hinjiruu laata?
Obbo Abdiisaa: Nuti akka naannoo Oromiyaatti godinaalee 21fi bulchiinsa magaalaa 23 qabna. Godinaaleefi magaalonni aanolee qaban irratti seeraan hojjechaa jiru. Ispoortiin aadaa waa’ee enyummaati, eenyummaa wajjin walqabatee kan hojjetamu waan ta’eef gama kanaan rakkoon hinjiru.
Fakkeenyaaf godina Jimmaatti ispoortiin aadaa barana gaggeeffame bulchaarraa kaasee hoggansi qindeessituu, abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee eebbisuun ispoorticha gaggeessaa turan.
Hanga ammaatti godinaalee 11fi magaalonni jaha walumaa galatti 17 dorgommiisaanii gaggeessanii xumuruun shaampiyoonaan ispoortii aadaafi agarsiisa feestivaalaa gaggeeffameera. Walumaagalatti guddina ispoortii aadaa naannoo Oromiyaa biyyaarra dabarree addunyaatti beeksisuuf ciminaan hojjetaa jirra.
Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif galatoomaa
Obbo Abdiisaa: Isinis galatoomaa.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017