Mariin eegalame dinagdee rakkoo nageenyaatiin miidhame bayyanachiisaa jira

Waldhabdee garaagarummaa siyaasaa akka biyyaatti jiru bu’uura godhatee uumameen hawaasni bahee galuun, daldalee dinagdeesaa cimsuun rakkoo hawaasummaa keessattis walcina akka hinhiriirreef rakkoon nageenyaa hudhaa guddaa ta’ee ture.

Rakkoo nageenyaa akka Oromiyaatti mudataa tureen miidhaa qaamaa qaqqabaa tureen ala dinagdeenis miidhamee dhimmi jiraachuu gaaffii keessa galee turuun ifa.

Walwaraansi qabeenya barbadeessa, lubbuu balleessa, imala guddina lammiileefi biyyaa duubatti harkisa. Adeemsa keessammoo waan eeggattummaafi hirkattummaa babal’isuuf waldhabdee ilaafi ilaameen ykn mariidhaan furuuf tarkaanfiin fudhatameefi duubdeebiin mul’achaa jiru dinagdee biyyaa bakkatti kan deebisuudha jedhu hirmaattonni marii biyyaalessaa damee daldalaa bakka bu’uun argaman.

Kutaalee hawaasaa marii biyyaalessaa waltajjii ajandaa walitti qabuu sadarkaa Oromiyaatti tibbana Adaamaatti adeemsifamerratti hirmaatan keessaa daldaltoonni isaan tokko. Kutaan hawaasaa kun rakkoo nageenyaa kanaan dura akka Oromiyaatti mudatee tureen sochiin daldalaa hudhaa keessa galuu kaasu.

Kanarraa kan ka’e daldalanii of jijjiiruun olii gadi socho’anii carraaquun yaaddoo uumee waan tureef dameen daldalaa miidhamuun egereen jiruufi jireenyaa yaaddoo uumaa turuu hawaasa daldalaa bakka bu’uun kan hirmaatan Aadde Duulee Malaakuu nihimu.

Aadde Duuleen Godina Wallagga Lixaa, Mandiirraa dhufuun marii biyyaalessaa naannoo Oromiyaarratti kanneen hirmaatan keessaa tokko yoo ta’an, bayyanachuu dinagdeef mirkanaa’uun nageenya waaraa murteessaa ta’uu turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Nageenyi waaraa mirkanaa’uu dhabuurraa kan ka’e akka fedhan olii gadi deemanii daldaluun jireenyasaanii injifachuuf carraaqqiin taasisaa turan mijataa hinturre.

Hawaasni dhiyeessiiwwan gara garaa bitatus ta’e inni gurguru haala mijataa dhabuurraa kan ka’e dinagdeensaanii miidhaaf saaaxilamuu kaasanii, inni dafqee bulus miidhamaa ture jedhu.

Haata’uutii waamicha mariitiin waldhabdee furuu mootummaan taasise hordofuun nageenyi bakkatti deebi’aa jiraachuu darbees dinagdeensaanii bayyanachaa jiraachuu dubbatu.

Rakkoon nageenyaa hammaachuun daldalaa, faddalaa, dafqee bulaa kutaa hawaasaafi biyyas kan miidhu waan ta’eef balballi mootummaa mariif baname nagaafi dinagdee kufe bayyanachiisaa jira.

Tarkaanfichi daldaltootaafi omishtootaan ala kutaalee hawaasaa hundaaf gabaa tasgabbeessuu keessatti bakka olaanaa qaba jedhu Aadde Duuleen. Yeroo ammaatti sochiin hawaasaa haala gaariirra jiraachuu isaaniifi maamiltoonnisaanii walitti dhufuun bittaafi gurgurtaa gara garaa raawwataa jiru.

Dinagdeen laamsha’ee tures amma jijjiirama agarsiisaa kan jiru yoo ta’u; egeree dhalootaaf abdii guddaadha. Bu’uura guddina dinagdee tokkoof kanneen murteessitoota ijoo ta’an keessaa mirkanaa’uun nageenya waaraa isa tokko. Yeroo ammaa fedhiin daldalanii waa buufachuu, inni bitatus akka humnasaatti waan barbaade gabaarraa argachuuf nageenyi isa ijoodha.

Qilleensi nagaa yeroo ammaa bubbisuu eegale hojii daldalaatii bu’uura buusaa jiraachuufi daldaltoonnis ta’e dhiyeessitoonni haala gabaa dur turetti deebi’aa jiru.

Rakkoon nageenya qaqqabaa ture dahoo godhachuun alseerummaan damee daldalaarratti qaqqabaa ture keessumaa omisha miliqsuun ummata jeejessuuf yaaluun gatii humnaa olii dabaluun abdii kutachiisuun qaqqabaa tureera.

Tasgabbiin dhibuun hattoota daldala seeraan alaarratti bobbahan fayyadamaa taasisaa turuu kan kaasan Aadde Duuleen hordoffiifi to’annoo gama mootumman amma taasifamaa jiruun fooyya’insi mul’ataa jiruun jijjiiramoonni jiran jajjabeessaa ta’uu kaasu.

Daldaltoonni seeraan alaa babal’achuun daldaltoota seera eeganii hojjetan miidhaaf kan saaxilaa ture ta’uu kaasanii; sochichi alkallattiin duroomuuf kan kaayyeeffate, hawaasa hojjetee galii xiqqaan of gargaaru kan miidhu daldaltoota gibiraa amanamummaan kaffalan mogolee kan buusuudha jedhan.

Rakkoon nageenyaa kun mariidhaan furamuu eegaluun omishtoonniifi bitattoonni kallattiin akka walargan gidduseentummaan faddaalaa akka citu, gibirriifi taaksiin miliqus hordoffii jala akka seenu kan taasisu ta’uu eeru.

Gibiraafi taaksiin miliquun dinagdee biyyaa qofa miti sochii carraa hojii lammiileef uumuuf taaasifamullee kan gufachiisu waan ta’eef miidhaa hammaataa qaqqabsiisaa tureera.

Nageenyi bu’uunsaa daldaltoonni akka garaasaanii socho’aniifi akka hojjetan; inni gurguratus gatii madaalawaan akka gurguratu hordoffiin mootummaa akka cimu kan taasisu, kanamalees alseerummaa damee daldalaa qoruun dinagdee miidhu akka dhaabatu taasisa jedhu.

Kanaaf ani akka daldaltuu tokkootti nageenyi waaraa bu’uu eegaluusaatti gammaachuu guddaan qaba kan jedhan Aadde Duuleen; ittifufiinsa akka qabaatuuf ammas irratti hojjetamuu akka qabu obboleeyyan bosona jiranis maariif gurra kennuu akka qaban dhaamu.

Akka isaan jedhanitti nageenyi waaraan dhabamuun fayyadamummaan daldaltoota seeraan alaa akka mirkanaa’u kan taasisu; hawaasa bal’ammoo kan miidhu waan ta’eef dhimmi nageenyaa ammallee dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabuudha.

Marii gaggeeffamerratti kutaaleen hawaasaa kudhan argamaniiru. Hunduu hudhaa dameesaa kaafateera. Bu’uurri rakkoo kana hundeedhaa furuu nageenya waaraa mirkaneessuudha. Yoo akkas ta’e dinagdeen lammiilees ta’e kan biyyaa mirkanaa’a. Tarkaanfii mariidhaan waldhabdee furuu eegalame kanaan sochiin daldalaa cimuun bakkatti deebi’aa jira. Kun kan nama gammachiisuudha.

Hojjetanii ofis ta’e biyya jijjiiruuf nageenyi jiraachuun murteessaadha. Nageenyi waaraan mirkanaa’uu dhabuun immoo kufaatii dinagdee kan saffisiisu, eeggattummaa kan babal’isudha kan jedhan ammoo Aadde Kuulanii Guddinaa Tumsaati.

Waldhabdee garaagarummaa yaadaan walqabatee mudatu hunda keessatti hawaas dinagdeen lammiilee akkasumas kan biyyaa miidhamuu akka dandahu ifa. Rakkoo gama kanaan dinagdee keenya gaaga’uu danda’u kana furuuf immoo waldhabdee marii ilaafi ilaameen furuuf yaaluun ammayyummaadha jedhu.

Bu’uuruma kanaan marii biyyaalessaa jiruun dinagdeen golgolaahee ture nibayyanata; sochiin hawaasa daldalee ykn hojjetee dinagdeesaa cimsuuf taasifamus nidabala.

Mariin waldhabdee furuuf waamicha dhiyaate hordofuun waraanni bosonaa qe’eetti deebi’uun ummata gammachiisaa jira, gammachuun kun ittifufiinsa akka qabaatuuf ammallee irratti hojjetamuu qaba jedhu.

Hawaasni sochii daldalaarraa fagaatee ture, inni qotu, inni dafqee bulu of kennee hojjetee ofis maatiisaas biyyasaas utubuu dandaha, haata’uutii garuu nageenyi boora’uun walqabatee miidhaan dinagdeefi haawaasummaarra gahe hammaataa ture.

Rakkoo mariidhaan furamaa jiru kana hordofee fuulli hawaasaa ifaa akka jiru; kanamalees kaka’umsi hojiif namootarraa calaqqisu kan nama gammachiisudha jedhu Aadde Kuulaniin.

Hawaasni keenya irrajireessi qonnaan bulaadha. Yoo nageenyi kutaa hawaasaa kanaa hinmirkanoofne isa qofa osoo hintaane dinagdee biyyaatu balaaf saaxilama. Tarkaanfiin waldhabdee mariidhaan furuu yeroo ammaa gama mootummaafi WBO fudhatamaa jiru kan nama jajjabeessu; hojiif kan nama kakaasu, tarkaanfii jijjiirama nama dhuunfaafi biyyaa saffisiisu waan ta’eef kan jajamudha jedhu.

Hawaasni dhama’ee bulu rakkoo nageenyaan hojiisaarraa adda bahuun, dinagdeen duubatti kan isa deebisu eeggattummaa kan babal’isu waan ta’eef ammallee dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabuudha.

Abbaa Gadaa Tasfaayee Tuujjoos Godina Shawaa Kibba Lixaa; Walisoorraa dhufuun marii biyyaalessaarratti kanneen hirmaatan keessaa isaan tokko yoo ta’an nageenyi waaraan dhabamuun dinagdee lammiilee laamshessee eeggattummaaf saaxilaa turuu kaasu.

Hawaasni irrajireessi qonnaan ykn dhama’ee kan buludha. Rakkoo nageenyaa qaqqabaa ture bu’uura hojjetanii of jijjiiruuf yaaliin jiru gadaanaa turuu kaasanii, kun immoo hawaasni deegaafi eeggattummaa jalatti akka kufuuf sababa ta’eera jedhu.

Ta’us waldhabdee mariin furuuf waamicha mootummaan dhiyeesse hordofee WBO’n qe’eetti deebi’uun hawaasnis nagaan bahee galee hojiisaa hojjetee dinagdeesaa miidhame akka bayyanachiisuuf sababa ta’eera.

Yeroo ammaatti sodaafi yaaddoon hafee hunduu dhama’ee of jijjiiruutti jira jedhanii; kanneen bosonatti hafanis garaagarummaasaanii mariidhaan furachuun imala guddina dinagdee biyyasaanii keessatti qooda akka fudhatan kanamalees hawaasa deegaaf saaxilames baraaruu waan ta’eef dagatamuu akka hinqabne kaasaniiru.

Walumaagalatti nageenyi boora’uun dinagdee lammiileefi kan biyyaa kan miidhuufi eeggattummaa babal’isu waan ta’eef rakkoo nageenyaa farra jijjiiramaa ta’e kana hundeerraa furuuf aadaan marii gabbachuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You