Itoophiyaan biyyoota sululli qiinxamaan guddaa Afrikaa bahaa keessa qaxxaamuru keessaa ishee tokko waan taateef amalootni naannolee sulula qiinxamaa kanatti baramaa ta’an hundi kutaalee Itoophiyaa sululichatti dhihaatanii argaman keessatti mul’achaa akka turan Yuunivarsiitii Finfinneetti qorataan saayinsii kirkira lafaa Pirofeesar Ataalaay Ayyalaa ni ibsu.
Amaloota naannolee sulula kanaatti baraman keessaa isaan gurguddoon immoo dho’iinsa voolkaanoofi kirkira lafaa akka ta’e kan himan Pirofeesar Ataalaay, kanaaf kirkirri lafaa yeroo ammaa irra deddeebiidhaan uumamaa jirus amaluma uumamaa kana malee sababoota adda ta’e kan hinqabne ta’uu dubbatu.
Akka ibsasaaniitti; yeroo ammaa haalli kirkirri lafaa kun itti mul’achaa jiru baay’atee ykn sababoota dabalataa horatee osoo hintaane, keessattuu magaalota akka Finfinneetti gamoowwan guguddoon baay’inaan ijaaramuunsaaniifi namnis heddumminaan achirra jiraachuunsaa miira kirkira lafaa kana haalaan akka hubatuuf isa gargaareera.
Yeroo kirkirri lafaa mul’atu nama sochiirra jirurra nama taa’ee ykn rafee jirutu miira kirkira lafaa sana sirnaan hubata. Yeroo hedduu gamoo namootni irra jiraatan ykn ni taa’uu, ta’uu baatanis nidhaabatu ykn ni ciisu malee yeroo hedduu sochii irraa hin jiraatan.
Kanaafuu, haalota akkanaa kanatu miira kirkira lafaa kana sirnaan akka hubatuuf nama gargaareeti malee kirkirri lafaa bifa kanaan dura hinbaramneen yeroo ammaa kana haaraan biyyattiitti mul’achaa jiru tokkollee hinjiru jedhan.
Sababni biraan yeroon keessa jirru kun yeroo ummanni baay’inaan teknolojii akka marsariitii hawaasaafaatti fayyadamaa jirutti waan ta’eef nama 100 keessaa miira kirkira lafaa kana namni tokko qofaanis yoo hubate, namoota hafaniif karaalee marsariitii hawaasaa kanaan waan dabarsuuf dhimmichi nama hundaa biratti ajandaa ta’uu danda’e jedhu.
Marsariitima hawaasaa kanarratti oduun kirkira lafaa kana ijaarsa hidha guddichaatiin walqabsiisuuf taasifamus kijiba dhugaa irraa fagaate ta’uu hawaasni hubachuu akka qabu qorataan kun ni dhaamu.
Itoophiyaatti keessumaa Naannoo Affaaritti yeroo dhiyoodhaa as kirkirri lafaa irra deddeebiin mudachaa jiraachuufi Finfinneefi magaalota kaanittis dhag’amuunsaa gabaafamaa jiraachuun ni yaadatama.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017