Itoophiyaan kophee qaamolee nageenyaa guutummaatti biyya keessatti omishaa jirti

Finfinnee: Itoophiyaan kophee qaamolee nageenyaa kanaan dura alaa galchaa turte yeroo ammaa guutummaatti biyya keessatti omishuun bakka buusaa jiraachuu Wiirtuun Qo’annaafi Misooma Gogaafi Bu’aalee Gogaa beeksise.

Hojigaggeessaan wiirtichaa Obbo Zulfikar Abbaa Jihaad ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan omishaafi omishtummaa indastirii gogaatiif potenshaala guddaa qabaattus indastirii damichaarraa galii argachuun isheef malu argachaa hinturre.

Akka ibsasaaniitti, indastirii gogaatif xiyyeeffannoon barbaachisu kennamuu dhabuun, rakkoon hojmaata mijataa dhabuu, hanqinni qindoomina qooda fudhattootaa, rakkoon sharafa alaa, hanqinni teknolojiifi hanqinni galteewwan indastirii gogaafaa sababoota guddina damichaa duubatti harkisaa turaniidha.

Hudhaalee kanneen bu’uurarraa furuuf imaammata indastirii fooyyessuufi tarsiimoo haaraa indastirii gogaa kan waggaa 10 bocuun hojiitti galamuu eeranii, hudhaalee damee indastirichaafi indastiriiwwan akaakuuwwan biroo furuuf mootummaan Mana Maree Indastirii waajjira Ministira Muummeetiin hogganamu hundeesseera jedhaniiru.

Manni marichaas qooda fudhattoota kallattiidhaanis ta’e alkallattiin misooma indastirii faana hariiroo qabanirraa kan hundaa’u ta’uu himanii, manni marichaa hudhaalee hedduu damee indastirii keessatti mudatan furaa kan jiruufi hundaa’uunsaas bu’aa sosochii Itoophiyaan haa omishtuuti jedhaniiru.

Erga sosochiin kun jalqabamee raawwiin indastirii gogaa fooyya’aa jira. Bara bajataa 2016 bu’aaleen gogaa kanaan dura alaa galaa turan kan doolara miliyoona 165tti tilmaamamu biyya keessatti omishuun bakka buusuuf karoorfamee bu’aalee gogaa doolaara miliyoona 152.7tti tilmaamamu omishuun biyya keessatti bakka buusuun danda’ameera jedhan.

Bara bajataa 2017 kurmaana tokkoffaa keessatti omisha doolaara miliyoona 65.2 baasu bakka buusuuf karoorfamee omisha doolaara miliyoona 51 baasu bakka buusuun danda’ameera. Kamalees bara bajatichaa keessa hanga dhumaa Sadaasaatti alergii damee indastirii kanaatirraa doolaara miliyoona 29 argachuuf karoorfamee doolaara miliyoona 10.2 argachuun danda’amuus ibsaniiru.

Gadi bu’uu raawwii alergii kanaatif Agowaa keessaa ba’uun Itoophiyaa sababa ijoodha jedhanii; osoo Itoophiyaan Agowaa keessaa hinbaafamiin dura gabaan alergii gogaa Itoophiyaa inni guddaan Ameerikaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Bakka gabaa Ameerikaa Itoophiyaan hariiroo dippilomaasii dhiyeenya kana biyyoota Afrikaa Bahaa faana uumaa jirtuun omisha gogaa biyyoota akka Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaafi biyyoota birootti erguun jalqabameera. Kanarraa kan ka’e ji’oota dhufan keessa alergii sektarichaatirraa galii guddaan ni argama jedhamee eegama.

Omisha bu’aalee gogaatif keemikaalotni akaakuu 60 ta’an kan barbaachisaniifi dhibbantaan 90 ol alaa galaa turuu himanii, hanqinni keemikaalota kunneenis baroota hedduuf hudhaa guddaa sektarichaa ture jedhaniiru.

Ji’oota shanan darbanitti hojiirra ooluu kan jalqabe Labsiin Dinagdee Gooroo hanqina sharafa alaa furuun, keemikaalota kunneen dabalatee galteewwan indastiriif barbaachisan guutuudhaan sektarichi akka dadammaqu taasisaa jira. Yeroo ammaa guutummaatti hanqinni sharafa alaa furmaata argateera jechuun nidanda’ama. Baay’ina osoo hintaane gogaa qulqulluu dhabuufi hanqinni maallaqa hojiraawwachiiftuu dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoodhaan hojjetamuu qabaniidha jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You