Daandii nagaa bu’uura nageenya waaraa

Dhimmi fedhii misoomaafi ijaarsi nageenyaa dhimmoota addunyaa qoraa jiran keessaa warra ijoodha. Lamaanuu walsimanii deemuu baannaan sochiin guddina misooma biyyaa gama hundaan taasifamutu gufata.

Rakkoolee gama kanaan dhufaniif biyyoonni guddinarra jiran daran saaxilamoodha. Biyya misoomaan badhaatee labata ittaanuuf ceetu ijaaruun kan danda’amu dirree nageenya amansiisaa qabu keessatti. Nageenyi jiruufi jireenya dhala namaa hundaa ta’uu bira darbee bu’uura waantota maraati. Utubaa jabaan biyya tokkoo nageenya; qabeenya waloo qaama hundaatisi.

Bu’uuraaleen misoomaa saffisaafi qulqullina olaanaan hojjetamanii tajaajila barbaadameef ooluu kan danda’an yoo nageenyi waaraan jiraateedha. Qaamoleen yaada kennan tokko tokkos kanuma mirkaneessu.

Jiraataan magaalaa Kamisee Obbo Mahaammadkabiir Abduu nageenyi faayidaa damdaneessaa qabaachuu dubbatu. Nageenyi boorofnaan ijaarsi bu’uura misoomaa hin yaadamu jedhaniiru. Sababa boora’uu nageenyaan ijaarsi hospitaala magaalaasaanii waggaa lama dura xumuramuun kan irra ture hanga har’aatti osoo hinxumuramiin harkifachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Guddina misooma magaalaarratti dhiibbaa guddaa uumuus nidubbatu.

Kanaaf hunduu barbaachisummaa nageenyi misoomaaf qabu hubachuun hojii nageenya waaressuu keessatti qooda fudhachuu feesisa jedhu. Waldhibdeen amma deemaa jiru hojii bu’uura misooma gufachiisuu bira darbee hariiroo hawaas-dinagdee diigee rakkoo walxaxaa geessisuu waan danda’uuf qaamoleen hawaasaas irratti dammaquun nageenyaaf dursa kennuu qabu jechuun dhaamaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa, Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Obbo Addisuu Barrihuuni nageenyi bu’uuraafi wabii waan hundaati jedhu. Hojjetanii of jijjiiruuf, bahanii galuuf sochii guyyuu dhala namaa keessatti gumaachi nageenyi qabu olaanaa ta’uu ibsu.

“Sochiin gama hundaan gaggeeffamu kan milkaa’u nageenyi yoo jiraateedha; bakka nageenyi hinjirre misoomni, dimokraasiifi tasgabbiin hinjiru” jedhu.

“Sadarkaa bulchiinsa keenyaatti bakkeewwan tokko tokkotti nageenya booressuun adeemsa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gufachiisuuf sochii farreen nageenyaa taasisaa turan laayyoo hinturre” jedhu. Kun akkuma jirutti ta’ee hojii qaamoleen nageenyaa gubbaa hanga gadiitti jiran nageenya waaressuuf qindoominaan hojjetaniin kaayyoon qaamolee kanneenii fashalaa’uusaati kan himan.

Haala qabatamaa amma jiruun bulchiinsichatti bu’uuraaleen misoomaa adda addaa jalqabamanii sababa boora’uu nageenyaatiin addaan citanii turan haala saffisaafi qulqullina qabuun hojjetamanii tajaajila barbaadameef akka oolaniif ciminaan hojjetamaa jiraachuus ni ibsu.

Daandiin Harawaacaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Arxummaa Fursiifi bulchiinsa magaalaa Caffaa Roobit walqunnamsiisu ijaarsisaa boora’uu nageenyaan harkifatee turuu himaniiru. Ogeessotaafi konkolaachiftoota loodarii ijaarsa daandiichaarratti hirmaatan irras miidhaan dhaqqabee turuu kaasaniiru. Ta’us yeroo ammaa hawaasa bal’aa hirmaachisuun hojii hojjetameen ijaarsi daandichaa gara xumuraarra gahuu himaniiru.

Akka ittigaafatamaan kun jedhanitti haalli nageenyaa amma jiru waan fooyyee qabuuf daandichi yeroo dhihoo keessatti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’a.

Nageenya waaressuuf hojiiwwan kutaalee biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti hojjetaman yoo ilaalle gatiin nageenyaaf kaffalamu akka hubannu nu taasisa jedhaniiru.

Sochii hawaas-dinagdee akka biyyaatti taasifamaa jiru cimsuuf ummanni bal’aan mootummaa waliin qindoominaan hojjachuun nageenyaafi misooma amansiisaa fiduun biyya waantota hundaan badhaate ijaaruu keessatti qooda fudhachuun barbaachisaa ta’uus addeessaniiru.

Obbo Addisuun, nageenya amansiisaa haalaafi bakka kamittuu lafa qabsiisuun biyya tasgabbii qabdu ijaaruun dhaloota dhufu dhaalchiisuun murteessaa ta’uu hubachiisaaniiti odeeffannoon ‘AMC’ biraa argame kan agarsiisu.

Kun otoo kanaan jiruu akkuma kan Oromiyaa, Naannoo Amaaraattis hidhattoonni waamicha nageenya fudhatan Giddugala Leenjii Haaromsaa Saraabaatti simatamaniiru.

Hidhattoota waamicha nageenyaa mootummaafi ummataa fudhatan kanneeniif jaarsoliin biyyaafi hoggantoonni mootummaa bakka argamanitti taasifameera.

Giddugalli Leenjii Haaromsaa Saraabaa Godina Giddugaleessa Goondaritti kan argamu yoo ta’u; qaamolee kunneen akka hawaasatti makamaniif leenjiin kennamaafii jira.

Egaa, tarkaanfiin akkanaa dheebuu nageenyaa ummataafi biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf Amaaraattis ta’e Oromiyaatti karaan nagaan nageenya waaressuu keessatti shoora olaanaa akka qabu hubatamee cimee ittifufuu qaba.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You