Dhalachuun Yesus Kiristoos kiristaanotaaf dhoksaa gadi fagoo akka qabudha hordoftonni amantichaafi tajaajiltoonni kan ibsan. Nutis Ayyaana guyyaa yaadannoo Yesus Kiristoos Kibxata dhufu kabajamu ilaalchisuun tajaajiltoota faarsaadhaan tajaajilan keessaa Faarfataa Phaawuloos Taganyi dhoksaa ayyaanichaa akka nuu ibsuuf affeerreerra. Yaadasaas akka armaan gadiitti dhiheessina.
Dhalachuun Yesus Kiristoos kiristaanotaaf hiika gadifagoo qaba. Seenaa dhala namaa, seenaa addunyaa kanaa ayyaana jijjiiredha. Dhalachuu Yesusiin Kiristoos seenaa lakkooftuu kaalaandarii addunyaallee jijjiiree, waggaa araaraafi nagaa jedhamee akka waamamu ta’eera.
Kanaaf dhaloonni isaa kiristaanoota qofaaf osoo hintaane sanyii namaa hundumaa, diimaas ta’u gurraacha, Afrikaa ta’u Eeshiyaa, Ameerikaa haa ta’u Awurooppaarratti sanyii Addaam jedhamee kan waamamuufi hafuurri funyaansaa keessa jiru hundaaf hiika addaa qaba.
Jiraachuun dhala namaa kan abdii itti godhateedha. Akka waliigalaatti kan haala salphaan ilaalamuufi hubatamu miti; hubannaafi beekumsa gadifagoo barbaada.
Waa’een dhalachuu Yesus Kiristoos hiika addaa keessumaa kiristaanootaaf niqaba. Kanarraas ijoolleerraa kaasee hanga jaarsoliitti wantoota irraa baratamu qaba. Inni jalqabaa rakkina keessatti abdii nu barsiisa. Dhalachuunsaa abdii namatti hora. Sababnisaas Maariyaamiifi Yoseef akkaataa isaan Yesusiin itti argatan rakkisaa ture.
Bulchaan biyya Yihuudaa Owugistoos jedhamu ajaja namni biyyicha keessa jiru akka lakkaa’amuuf baase hordofuun maqaasaanii galmeessisuuf Yoseef kaadhimaasaa ulfa guutuu taate qabatee biyya Naazreet irraa ka’uun haala ulfaataa keessaa darbuun gara Beeteliheem deeme.
Yommuu Beeteliheemiin ga’anis iddoon boqotan hinturre. Hoteelli hinjiru, mana firaa itti boqotanis hinqaban. Haala kana keessatti Maariyaam ciniinsuudhaan qabamte. Inni kun Yoseefiif rakkina guddaa ture; Maariyaamifis akkasuma. Da’umsaaf qophooftee manaa hinbaane waan ta’eef qorumsa keessatti Yesus dhalate. Kanaafi dhalachuun Yesus rakkina keessatti jireenya dhala namaaf abdiitu dhalate kan jedhamuuf. Kunis yeroo dukkanaa keessatti ifa arguu, cimina qabaachuu nama yaadachiisa.
Inni biraan dhalachuun Yesus gad of deebisuu nu barsiisa. Yesus gaafa dhalatu mootii ta’ee dhalate. Seenaa biyya lafaa keessattis isa malee mootii ta’ee namni dhalate hinjiru; kana duras hinturre, sichis hinjiraatu.
Yesus garuu mootii ta’ee utuu jiruu dallaa horii keessatti bakka hinmijannetti dhalate. Maariyaamiifi Yoseefis mucaa raajiidhaan mootii ta’ee dhalatu kana maal jennee dallaa horii keessa ciibsina jedhanii hin yaadne. Mootiitu fiixee aangoofi beekumsaarra jirutu gad of deebisee bakka gadi deebi’aatti dhalate.
Kanaaf ayyaanni dhalachuu Yesus kan nutti agarsiisu guddaa godhanii of ilaaluufi, of bokoksuu dhiisuu, waan yaraarraa ka’uu, waan xiqqoo fakkaatu tuffachuu dhiisuu, waan qabnurratti eenyummaa keenya murteessuu dhiisuu irraa baranna.
Inni biraan ammoo jaalalaafi mararfannaa of keessaa qaba dhalachuun Yesus. Kunis ofittummaa malee wal jaalachuu, walfudhachuu, walsimachuu, waldanda’uu nibarsiisa. Waaqayyotu nama jaalatee nama ta’e. Jaalala namaa barbaadee, hariiroo qabaachuus barbaade, Waaqayyo inni qulqulluu mudaa hinqabne. Nama gadi deebi’aa cubbamaa jedhamee beekamuufi waamamu, nama kufe, dogoggoree cubbuudhaan Edan Gannat keessaa ari’amee ba’e kana wajjin jiraachuuf dhalate. Kunimmoo jaalalaafi mararfannaa inni dhala namaaf qabu agarsiisa.
Dargaggoonnis kanarraa walmararfannaafi waljaalachuu isa jedhamu kana ayyaana dhalachuu Yesus jedhanii dubbachuurra darbee amaleeffannaafi adeeffannaa Yesusiin kabajuu qabu. Waaqayyotu nama ta’ee namatti adeeme. Cubbuun diina Waaqayyo nama godha. Namni immoo cubbuu hojjetee diina Waaqayyo ta’e. Waaqayyoo isa kanatti deeme jechuudha. Lafa bu’ee adeemee diinasaa hammate, gidduu dhufee bule.
Inni biraan tokkummaafi nageenya. Macaafa Qulqulluu Luqaas: 2 irratti, misiraachoo guddaan Waaqarraa tiksootatti dubbatamuusaa ibsa. Sagaleen sun halkan qixxa lamaan, qorraafi dukkana keessatti dubbatame. Dukkanni deemsaafis hojiifis hintolu. Kana keessa bineensi nama miidhu jiraachuu mala. Tiksoonni loon isaanii tiksaa turan haala kana keessatti “hinsodaatiinaa” jedhan. Gaafa Yesus dhalate sanas ergamonni Waaqayyo nagaa labsan.
Addunyaan amma waan nama sodaachisuun guuttee jirti. Ba’aa galli namaa sodaa ta’eera. Namni nyaataa sodaata. Inni kun kaansarii natti ta’aa laata, akkas na godhaa laata jechaa sodaata. Qaala’inSa jireenyaa qofa osoo hintaane hammi sodaallee dabaleera. Kanaaf misiraachoo ergamoonni dubbatan sana yaadatanii ittiin jiraachuu barbaachisa. Yesus sanyii, qomoofi nama hundumaaf ta’a. qoricha ta’ees dhalate. Qoricha sodaa, qoricha yaaddooti jechuudha.
Gaafa Yesus dhalate ergamoonni Waaqarraa tokkummaa labsu turan. Tiksoonni kunneen sodaadhaan akka hinbittinoofneef sagaleen dhufeef. Sodaan tokkummaa namaa, maatiifi biyyaa diiga. Akkasumas tokkummaa namni uumaasaa waliin qabullee nama harkatti balleessa. Kanaaf ayyaanni dhalachuu Yesus kun garaagarummaafi jibba kana hunda adamsee nama keessaa buqqisee hawaasa keessatti tokkummaa akka guddifatu kan nama hubachiisuudha.
Kana malees ayyaanni kun arjummaafi galatallee nama barsiisa. Yeroo ayyaanaa kanatti namoonni biyyoota gara lixaa kennaa walii kennuun ayyaaneeffatu. Kennaa gati jabeessas ta’u xiqqaa walii kennuun jaalalaafi kabaja walii qaban walitti agarsiisu. Waaqayyo kennaa guddicha Yesusiin ilmasaa tokkicha dhala namaaf kenne.
Akka waliigalaatti ayyaanni Dhalachuu Yesuus hiika gadi fagoo kan qabuufi kanneen kan nu hubachiisuudha. Kanas dhaloota godaa kaasanii barsiisuun murteessaadha. Anis tajaajila Mucaa Kaayyoo Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus, Biiftuu Booleetti barsiisuu eegale, gara Ameerikaa yommuun deemellee itti fufee wangeela cinaatti afaan, aadaafi eenyummaa isaanii beekanii akka guddataniif hojjetaan ture.
Dhumarrattis ummata biyyattii hundi hindarbituu meeqa keessa darbanii baga Yaadannoo Dhalootaa Yesus Kiristoos nagaan geessan jechuun barbaada. Ayyaana nagaafi jaalalaa akka ta’uun hawwa. Waaqayyoof Waaqarratti hooqubaan, lafarratti ammoo nagaan namoota hundaaf haa ta’u.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017