Ayyaana Qilleerratti qaala’iinsi gatii akka hinuumamneef hojjechaa jirra

Finfinnee: Ayyaana Qillee sababeeffachuun qaala’iinsi gatii omisha qonnaa akka hinuumamneef hojjechaa jiraachuu yuniyeenotni qonnaan bultootaa ibsan.

Yuniyeenonni Qonnaan Bultootaa Amboofi Liiban ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, yuniyeenotni kunneen Naannoo Oromiyaafi Oromiyaan alatti omisha qonnaa gatii madaalawaan dhiyeessuun rakkoo qaala’insa gatii omisha qonnaa furuuf qooda fudhattoota adda addaa waliin hojjechaa jiru.

Dura taa’aan BoordiiYuniyeenii Qonnaan Bultoota Liiban Obbo Alamuu Rafeeraa akka jedhanitti, yuniyeenichi dhaabbata aantummaa ummataafi omisha qonnaa qulqullinaafi baay’inaan gabaa biyyattiitif dhiyeessuun beekamtii qabuudha.

Yuniyeenichi waldaalee bu’uuraa 122fi miseensota kuma 41fi 500 akka qabu eeranii, ayyaana Qilleetiif zayitii, midhaanota agadaafi biilaa dhiyeessuuf waldaalee bitattoota Finfinnee waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuniyeenichi ayyaanarratti qofa osoo hintaane, yeruma hunda waldaalee bitattoota Finfinneetiif omishaalee qonnaa dhiyeessaa jiraachuu himanii, Finfinneetti qixa barbaadamuun omishasaa dhiyeessuu akka danda’uuf mootummaan iddoo manakuusaa itti ijaarratu akka mijessu gaafataniiru.

Hojigaggeessaa Ittaanaan Yuniyeenii Amboo Obbo Mangistuu Guutuu gamasaanitiin akka jedhanitti, yuniyeenichi dhiyeessiirratti muuxannoo baroota hedduufi kaappitaala qarshii miliyoona 600 ol kan qabuudha.

Qala’iinsa gatii furuuf omisha dhiyeessuu qofa osoo hintaane baay’inaan omishuun murteessaadha jedhanii; yuniyeeniinsaanii gama oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuutinis makaanaayizeshinii qonnaatiif wantoota barbaachisan qonnaan bultootaaf dhiyeessuun, sanyii filatamaa baay’isuufi beelada sanyii filatamaa dhiyeessuun hojjechaa jiraachuu Obbo Mangistuun ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You