Har’a jalabultii ayyaana Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoositti argamna. Har’i Mudde 26 bara 2017 yoo ta’u, ayyaanichi Mudde 29 bara 2017 sirnootaafi qophiilee adda addaatiin kabajama.
Nutis, dubbistoota keenya amantii Kiristaanaa hordofan maraan Baga Waaqayyo Ayyaana ifa dhalootasaatiitiin isin ga’e jechaa Ayyaanni Dhalachuu Ilma Waaqayyoo Kiristoos Araarri Waaqayyoo ammam guddaafi daangaa kan hinqabne ta’uu nama yaadachiisa.
Inni utuma Waaqa ta’ee jiruu ilmaan namootaa humna cubbuufi gaaddisa du’aa jalaa birmaduu baasuuf nama ta’ee gara biyya lafaa kana dhufe. Akkuma Yohaannis Qulqulluun barreesse, sagalichis nama foonii ta’e, nu gidduus buufate. Ulfinasaa isa ayyaanaafi dhugaadhaan guutes argine (Yoh 1:14).
Waaqayyorraa fagaachuun dukkaana keessa jiraachuudha. Haa ta’u malee namni Waaqayyo ofitti araarfatee garasaatti deebi’uuf waan ga’umsa hinqabneef Waaqayyo ofumasaatiif karaa araaraa qopheesse. Kanaanis, akkuma raajichi dubbate, Sabni dukkana keessa jiru ifa guddaa arge, kanneen gaaddisa du’aa jala kan jiraniifis ifni ba’e (Isa 9:2).
Araara keessaa ifatu ba’a, jaalala keessaas abdiitu burqa. Dhiifamniifi Araarri karaa jireenyaati. Kanaafis keessumaa bara ammaa kana biyyi keenya hafuura waldhabdeetiin qabamtee, yeroo yaadni jibbaa dagaagee, miirri ijaaba’annaa babal’achaa jiru kanatti waa’ee araaraafi dhiifamaa yaaduun daran nurraa eegama. Rakkinni kun harka guddeessaan tasgabbiidhaan waliin mari’achuudhaan gara walhubannaatti dhufuun dadhabamuurraa kan maddeedha.
Akkuma hubannu haalli biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu waljalaa fooyya’aa jiraatus yeroowwan dheeraaf gammachiisaa hinturre. Keessumaa waraana Oromiyaa keessa turre mariifi araaraan hiikamuun daran nama gammachiisa.
Geggeessitoonni mootummaa kutannoodhaan akka haalli gaariin kun uumamu gochuusaaniif galata guddaa qabu. Kana malees obboleewwan dhiiga walii dhangalaasuun akka dhaabatuuf keessumaa ummanni Oromoo dhala namaa akka sangaatti waanjoodhaan camadee, farda luugamee…dirreetti bahuun watwaataa tureera.
Dhalli namaa rakkoolee hawaasummaasaatiif furmaata ni barbaada, barbaaduus qaba. Garuu kan furmaata argachuu danda’u giraabaan gamatti bal’iseefi fageessee yaaduufi mil’achuu danda’e, garraamummaadhaan gara Uumaa Isa waa hunda danda’uu ilaale qofa.
Ayyaanni Dhalachuu Kiristoosis ayyaana dhala namaa gara haqaa, dhugaafi gaarummaatti waamuudha. Ogummaa dhalli namaa dandeettiisaatiin bira gahuu hindandeenye; yeroo tokko tokko ammoo dhugaa tasumaa yaadachuun hindanda’amne karaasaa kan namaaf ibsamuudha.
Ayyaanni kun namoonni hundi ofiif duwwaa utuu hinta’in waliif jiraachuun akka malu kan nama yaadachiisuudha. Waan qabanirraa walii hiruudhaan, harkaqal’eeyyiifi rakkattoota yaadachuudhaan, ayyaanichi kan hundaa akka ta’u gochuun barbaachisaadha.
Maaltu nuuf haa godhamuu qofa otoo hintaane warra kaaniifis maal haa goonu haa jennu. Warra dahannoo hinqabneef dahannoo haa taanuuf. Warra qoollifataniif fira haa taanu; sababiinsaas Ayyaanni Dhalachuu Kiristoos kanuma barsiisa waan ta’eef.
Ayyaanicha sirnaan kabajuuf lubbuu dhala namaatiif kabajni haa kennamu. Miira ofittummaa keessaa haa ba’amu. Guutummaa biyya keenyaatti walajjeesuun haa dhaabatu. Nageenyi haa babal’atu. Lammiilee beel’an, dheebotan, daaran, miidhamaniifi dhukkubsatan haa gargaaraman, haa jajjabeeffaman; ayyaanni Dhalachuu Kiristoos fakkeenya namoota kaaniifis jiraachuu waan ta’eef.
Ayyaana gaarii!
BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017