Adeemsa ijaarsa biyyootaa keessaatti garaagarummaan yaadaa kan baratame ta’us walhubachuufi waldhaggeeffachuun garaagarummaa jiru mariidhaan furuun biyya ijaaruu keessatti biyyootni milkaa’an muraasa.
Akka seenaan biyyoota adda addaa ibsutti garaagarummaan yaadaa gara walwaraanuutti ce’uudhaan walwaraansa waggoota dheeraa booda gara mariifi araaraatti dhufuudhaan biyya tasgabboofteefi guddina dinagdee saffisaa galmeessistu ijaaruuf kanneen sochiirra jiran danuudha.
Haata’u malee biyyootni guddachaa jiran keesummaa biyyootni Afrikaa garaagarummaa mariidhaan furanii nageenya biyyootasaanii mirkaneessuu keessatti boodatti hafuurra darbee dinagdeen duubbatti harkifatee rakkoo hamaaf saaxilamaa kan jira danuudha.
Itoophiyaanis sirna ijaarsaasheerraa ka’uun garaagarummaan yaadaa gara humnaan sirna jijjiiruutti ce’ee sirnoota dhufaa darbaa humnaan jijjiiraamuudhaan madda walitti bu’iinsaa ta’ee ittifufeera.
Naannolee biyyattiitti keessumaa Amaaraafi Oromiyaatti mari’atanii rakkoo jiru waliin furuun hafee afaan qawween furmaata argachuuf gaaga’ama lubbuu lammiilee nagaafi barbadaa’uu qabeenya nama dhuunfaafi waloof qaqqabsiisuun erga rakkoo nageenyaafi dinagdee ta’ee bubbuleera. Gochoota saamichaafi ajjeechaan, dhiibbaa mirga namoomaa dararamaa turaniiru, jirus.
Mootummaanis rakkooleen kunneen akka furamaniif irra deddeebi’ee qaamolee seeraan ala hidhatanii socho’aa turaniifi waamicha dhiyeessaa tureera ammas ittifufeera.
Kana qofas miti akka biyyaattis nagaa waara’aan akka bu’uuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa labsiidhaan hundeeffamee waldhabdee yaadaa bara dheeraa obboleewwan walirraa fageesse walitti fiduuf erga ajanadaalee marii walitti qabuu eegalee bubbuleera.
Yeroo ammaas ajandaaleen gaaffiilee hawaasaa ta’an Oormiyaa dabalatee naannolee 10fi bulchiinsoaa magaalaa lamatti walitti qabamuudhaan ajandaa marii biyyaalessaaf komishinichatti dabarfamee akka kennatan ta’eera. Kan naannoo Amaaraafi Tigraayis haaluma walfakkaatuun akka raawwatamu odeeffannoon komishinicharraa ba’u ni mul’isa.
Komishinichi yeroo raawwiisaa keessatti yaada qaamolee bosona seenuun hidhannoo qabatanii jiranii qaama marii biyyaalessaa taasisuun walwaraansi obboleewwanii akka dhaabatauuf qaamolee kunneeniif irra deddeebi’ee waamicha taasisaa tureera.
Bu’uuruma kanaan Waraanni Bilisummaa Oromoo rakkoo jiru karaa nagaan furuuf mootummaa naannoo Oromiyaa wajjin walii mallatteessuun hojiin fakkeenyummaa qabu mul’ateera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhimma kana haala kamiin hunduu qooda fudhachuudhaan walwaraanni obboleewwanii dhaabatee nageenyi waara’aan akka bu’uuf waltajjii qaamolee dhimmichi ilaallatu, marii Gumii Balal marsaa 40ffaa mataduree “Walwaraansarraa gara nageenya waaraatti” jedhuun dhimmamtoota hirmaachisuun geggeeffameera.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa haasaa maricharratti taasisaniin, imalli wal waraanasaa irraa gara nageenya waaraatti ce’uuf hirmaannaa qaamolee hundaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
Nagaan waa hundaa oli. Nagaan utubaa jiruufi jireenyaa waan ta’eef hirmaannaa qaamlee hundaa gaafata jedhaniiru. Yoo hundumtuu itti hirmaate nagaa waaraan bu’e Oromiyaan qe’ee nagaafi marabbaa, ulfoofi ulfinaa taati. Kanaaf hundumtuu waan irraa eegamu ba’uu qaba.
Nagaa waaressuufi fedha dhuunfaafi gareerraa adda ba’uudhaan gara gaaffii ummataatti ce’uuf murannoo gaafata. Kanaafi, immoo adeemsa waraana dhaabuun gara waliigaltee nagaatti dhufuun isa duraati. Haaluma kanaan mariin garaagarummaan yaadaa jirurratti mar’achuun nageenya waara’aa fiduuf beekumsa xabboo mareefi marabbaa ganamaa ummatni Oromoo qabu fayyadamuun hirmaannaa hundaa gaafata.
Qaamoleen waliigaltee mootummaa waliin mallateessan nagaa ummatasaaniifi dararama ummatarra ga’aa jiru hubachuun ilaafi ilaameen mar’achuuf taa’uun bilchina. Ta’us mariin geggeeffamu warra hafeefis fakkeenya ta’ee karaa dararama ummataa furuun shira tokko malee mar’atamuu qaba.
Qaamoleen dhimmi kun ilaallatu hundis qaamolee waliigaltee walii mallatteessan lamaan qofatti dhiisuurra ga’eesaanii ba’uudhaan warra galaniif galata dhiyeessaa warra hafaniif waamicha dhiyeessuun barbaachisaadha.
Ergaan ummanni Naannoo Oromiyaa tibbana iddoowwan adda addaatti hiriira bahuun dabarses waanuma jechaa jirru kana kan of keessaa qabuudha. Ummanni waanjoo baatee waraanni ni ga’a, nagaan haa bu’u jechaa jira; warra gara nagaatti deebi’an galateeffachaa warra hafaniif waamicha dhiyeessaa. Kanaas sagaleefi watwaannaan ummataa kun gurra argchuu qaba, fedhiinsaas eegamuun irra jiraata.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017