Waliigaltee araaraa mallatteeffame hojiitti hiikuuf mootummaan kutannoo qaba

Finfinnee: Waliigaltee araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin mallattaa’e hojiitti hiikuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoo kan qabu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa haasaa kaleessa marii Gumii Balal mataduree, “Walwaraansarraa gara Nageenya Waaraatti” jedhuun waajjira Pirezidaantii naannichaatti gaggeeffamerratti taasisaniin akka jedhanitti, Oromiyaatti dhimmi nageenya waaressuu ni jalqabame malee hingoolabamne. Ummataafis ta’ee mootummaaf dhimmi nageenyaa ajandaa ijoodha.

Walwaraansa taasifameen namni hedduun kan wareegameefi qe’eesaarraa buqqa’uu  yaadachisanii; Oromoon sirna Gadaa keessatti akkaataa waraana itti gaggeessan akkuma qabu akkaataa waraana itti dhaabaniifi  rakkoo yeroo waraanaa mudaterraammoo itti dandamatan seera qaba jedhaniiru.

WBO faana araara buusuuf kan ittii dubbatan Afaan Oromoo, sirni ittiin dhimma araaraa kana gaggeessan sirna Gadaafi araarsuuf kan gidduu seenemmoo Abbootii Gadaati jedhanii; waraana booda namni deebi’ee walitti fayyuufi waliin jiraachuu qaba. Kana gochuuf immoo duudhaa sirna  Gadaa keessaa tokko kan ta’e sirni gumaa fala bakka bu’iinsa hinqabneedha jechuun ibsan.

Walwaraansa taasifame keessatti mana walirratti gubuu, gocha suukanneessaa walirratti raawwachuun akka tures yaadachiisanii, aadaa dhiifamaa abbootii keenyarraa dhaalletti dhimma bahuun hariiroo kaleessa namoota dhuunfaa gidduu ture deebisanii fayyisuutu barbaachisa, yoo kana hintaane dhangala’uun dhiigaa ittifufuu danda’a jedhaniiru.

Gorsaan pirezidaantii naannichaa Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa gamasaanitiin waraana dhaabuun qaamolee hidhannoon socho’an deebisanii hawaasatti makuuf jechoota fayyadamnurraa kaasee of eggannoo cimaa taasisuutu barbaachisa jedhan.

“Ani warra hidhatanii socho’an faana yoommuun haasa’u waraana furadhun jedhaan malee waraana hiikkadhu hinjedhuun” jedhanii; qaamolee hidhatan karaa nagaa  hawaasatti makuuf fedhii, kutannoofi deeggarsi qooda fudhattootaa barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Walwaraansa dhaabuuf gaheen miidiyaa olaanaadha; rakkoo siyaasaa caalaa miidiyaan bosonaa nama baasuufis ta’ee bosonatti nama galchuuf humna qaba jechuun eeranii; akkaataan dhimma araaraa itti seenessinu nagaya waaraa fiduuf murteessaadha jedhaniiru.

Waliigalteen araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO giddutti mallatteeffame keewwata 13 kan qabuufi akkaataa ittiin naannichatti waraana dhaabuun loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin ummatatti deebisanii makuun danda’amurratti ifatti kan barreeffameedha jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You