Bishooftuu: Barmaatilee daa’immaniifi dubartootarratti miidhaa geessisan qolachuufi balaaleffachuuf Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa hojiilee hedduu hojjetaa jira.
Keessumaa seektarootaafi dhimmamtoota addaddaa waliin ta’uun dhimmicharratti hojjetaa jira. Dhimmi kun xiyyeeffannaa akka argatuuf sosochii qopheessuun hojii hubannoo uumuurratti hojjetaa kan ture yoo ta’u, baranas ji’a Sadaasaa keessa guutuu Oromiyaatti sosochiin ji’a tokkoof ture adeemsifameera.
Qaamuma sosochii kanaa kan ta’eefi dhiibbaan dubartootaafi daa’immanirra ga’u abbootii Gadaatiin akka balaaleffatamuuf hojjetamaa kan ture yoo ta’u, Gamtaan Abbootii Gadaa dhimmicharratti gadifageenyaan erga mari’atee booda Kamisa darbe tumaalee garagaraa labseera. Tumaalee kunneenis akkaataa sirna Gadaafi araddaalee odaawwan Oromootiin hojiirra kan oolan ta’u.
Walittiqabaan Gamtichaa Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa tumaalee tumaman Bishooftuu, Galma Aadaatti yommuu labsan akka jedhanitti, Oromoofi sabaaf sablammiileen Oromiyaa keessa jiraatan kamuu tumaalee miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’an hinraawwanne adabbii sirni Gadaa itti muru raawwachuurra darbee jiruu hawaasummaa kamirrattuu hinhirmaatan.
“Bu’uuruma kanaan namni daa’ima gudeede orma yoo ta’e korma afuriifi goromsa sadii; yoo abbaa, obboleessaafi fira ta’e ammoo hawaasa fuulduratti huccuun irraa baafamee dhaabatee, salphatee hawaasa keessaa ari’ama. Namni shamarree akkasumas dubartii abbaa warraa qabdu gudeedeefi shamarre butes akkaatuudhuma araddaan itti muretti kan adabamu ta’a. Adabbii kanas yoo namni yakkichi raawwate baqateefi humna dhabe qomoosaatu gumaa kanfala” jedhu.
Akkasumas, namni daa’ima baatee karaarratti ittiin kadhatu, humnasaaniitti akka malee fayyadamu, kan hojii humnaaf daddabarsu, kan dhokseefi wantoota miidhaaf isaan saaxilan raawwate bu’uura araddaatiin kan gumaa kanfalu ta’uu eeraniiru. Kan kittaansiseefi huba qoonqoo mursisellee adabbii hawaasni itti mure kan baasu ta’uu ibsu. Kana malees namni dubartii reebu, qaama hir’isuufi miidhaawwan addaddaa irraan ga’e gumaa kan kanfalu ta’uu dubbatu.
Kanaan malees abbaa Gadaa dabalatee, jaarsi biyyaa dhimmoota kanneen akka buttaa, reebichaafi miidhaa daa’immaniifi dubartootarra ga’uun walqabatee gumaan kanfalamu akka hafuufi araaraan xumuramuuf jaarsummaa deemellee akkaataa araddaatiin waan sirni Gadaa irratti mure kan adabamu ta’uu hubachiisu.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Daa’immaniifi Dubartootaa Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa gamasaaniin, tumaaleen Gamtaa Abbootii Gadaatiin tumaman kunneen dhiibbaawwaniifi miidhaawwan daa’immaniifi dubartootarra yeroodhaa gara yerootti bifa jijjiirratanii babal’achaa jiran qolachuuf faayidaa olaanaa akka qabu himanii, kanas safuufi duudhaa ummata Oromoo hojiitti hiikuun hojiirra kan oolu ta’uu dubbatu.
Seera abbootiin Gadaa tuman kanatti ummanni yoo sirnaan bule rakkoo daa’immaniifi dubartootarra qaqqabaa jiru xiqqeessuufi dhabamsiisuun akka danda’amu eeranii, keessumaa hojii biiroonsaanii xiyyeeffatee hojjetu tumsuu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf raawwiisaarratti hunduu tumsuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017