Ramaddiin koreewwan haaraa federeeshinichaa raawwatame

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa Yaa’ii Idilee 20ffaa dhiheenya kana gaggeesseen koree haaraa federeeshinicha waggoota afran dhufaniif gaggeessan filateera.

Filannichaan Komaandar Silashii Sihin Oromiyaarraa pirezidaantii federeeshinichaa ta’uudhaan filatamuunsaa ni yaadatama.

Koreen raawwachiiftuu hojii kunis walga’iisaa jalqabaa dheengadda gageeffachuudhaan qooddii hojii taasifateera. Haaluma kanaan Injinar Geetuu Garramawu Dirre Dhawaarraa dursaa Ittaanaa pirezidaantii, Atileet Masarat Daffaar Finfinneerraa Pirezidaantii Ittaantuu ta’uun ramadamaniiru.

Akkasumas Aadde Ababaa Yooseef Naannoo Amaaraarraa qabduu maallaqaa, Obbo Biniyaam Miruts Tigraayirraa walitiqabaa koree kominikeeshinii, Doktar Tizaazuu Mosee Finfinneerraa walittiqabaa koree naamusaafi komii dhaggeeffattuu, Obbo Admaasuu Saajjii Naannoo Giddugala Itoophiyaarraa walittiqabaa koree qorannoofi qo’annoo, Aadde Saaraa Hasan Oromiyaarraa walittiqabduu koree qabeenya walittiqabduu, Doktar Daafraa Mahaammad naannoo Somaaleerraa walitiqabduu koree yaalumsaafi farra dawaa jajjabeessituu, Atileet Yamaanaa Tsaggaayeefi Balaayinash Oljiraa ammoo bakka buutota atileetotaa ta’uun ramadamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You