Qeerroofi qarreen Oromoo, Oromoofi Oromummaa cunqursaan itti hammaate ofirra qolachuuf qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa hanga aarsaa lubbuu gaafatu kaffalaa tureera.
Keessumaa cunqursaa sirni moototaa Oromoo dabalatee sabaafi sablammiirratti qaqqabsiisaa ture afaan, aadaa, eenyummaa, lafasaaniifi amantiisaaniirratti qaqqabsiisaa ture daran hammaataa waan tureef qabsoon fincila diddaa gabrummaa yeroo yeroon akka gaggeeffamu ta’aa kan ture yoo ta’u, shoorri dargaggoonni qabsicha keessatti taphataa turan olaanaadha.
Fincila diddaa gabrummaa dargaggootaan gaggeeffamaa ture hordofee sirnoonni moototaa, Dargiifi ADWUI dabareesaanii eeganii hundeedhaa akka buqqa’u taasisaniiru.
Sirnoota darban kanneen buqqisuuf wareegamni qaaliin kaffalamaa tureera; dargaggoonni hedduun bosona seenanii qabsoo hidhannoos gaggeessaa turaniiru.
Haata’u garuu waldhabdee yaadaas ta’e ilaalchaa mariin fixu waraanaan walfixuun sirrii waan hintaneef gaaga’ama walwaraanaatiin muudatu hir’isuun dimokraasii babal’isuuf waraana osoo hintaane yaada kaasuun ammayyummaa ta’uu qondaaltota siyaasaatiin ka’aa tureera.
Seenaa Itoophiyaa keessatti haala kanaan dura hinbaratamneen mariin biyyaalessaa yaadonni gara garaa waltajjii ajandaa walittiqabuu tibbana sadarkaa Oromiyaatti adeemsifamerratti ka’an garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa waraana kaasisaa turan marii, ilaafi ilaameedhaan furuuf tattaaffiin jalqabame jajjabeessaafi ammayyaa’aa ta’uu dargaggoonni maricharratti hirmaatan nikaasu.
Dargaggoo Zallaqaa Taaddasaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Sulula Fincaa’aarraa maricharratti kan hirmaate yoo ta’u, mariin akkanaa dhabamuurraa kan ka’e dargaggoonni qabsoo hidhannoof bosona seenaa turuu kaasa. Dubbii mariin fixu waraana kaasanii walfixuun Oromoofi gola Oromoo gaaga’aa dinagdeesaa golgoleessaa deegaafi gadadoof isa saaxilaa tureera jedha.
Waraanni lafee cabsa, qorqalbii jaamsa, qaama hir’isa. Garuu mariif dursa kennuun dubbii gabaabsa, nageenya waaraa mirkaneessa jedhee, kun ta’uu dhabuurraa kan ka’e akka dargaggoonni bosona seenuun wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu akka kaffalanis ta’eera jedha.
Jaarraa 21ffaa kana keessa waldhabdee karaa dimokraatawaan mariin furuun fala waan ta’eef waraana kaasuun qabsoo yeroon itti darbeedha jedha. Oromoon akka Oromootti dimokraatawaadha jedhama.
Dhugaadha sirna Gadaa keessatti guddatee uumaasaafis ta’e uumama lafarraaf kabaja guddaa qaba. Ormas hammatee, kaan harma hoosisuun, guddifachaan, moggaasaan Oromoomsee lafallee hiree jiraachisaa ture.
Kunimmoo duudhaa ganamaa itti guddate waan ta’eef eenyumarra ummata dimokraasiif dhiyoo ta’e waan ta’eef waraanarra mariifi araaraaf bakka guddaa kenna.
Duudhaan waldhabdee mariin fixuu kun seenaa Itoophiyaa keessatti takkaa hojiirra oolee kan hinbeekne yoo ta’u, amma mootummaa jijjiiramaatiin jalqabamuunsaa Oromoofis ta’e Itoophiyaaf milkaa’ina guddaa nageenyi amansiisaa itti mirkanaa’u ta’uu dargaggoon kun ni ibsa.
Bu’uuruma kanaan dargaggoonnni yaada, dhimmi Oromiyaafi biyyakoo na ilaallata jedhuun marii biyyaalessaarratti hirmaachuun gaheesaanii bahachaa jiru.
Dargaggoonni keenya warra mul’ataan socho’aniidha. Hamma haala yeroofi egeree biyya keenyaatiif warra wabii ta’uufi waardiyyaa dhaabatu taanetti garaagarummaa yaadaa bosona nugalchu mariin akka fixnuuf haalli mijataan jira. Bu’uuruma kanaan yaadni dhorkaa tokko malee ka’aa, mallis dhahamaa jira. Kunimoo imala jijjiirama biyya keenyaatiif wabii ta’ee tajaajila jedha.
Dargaggoon Oromoo gaaffiilee hedduu kan dinagdee kan hawaasummaafi kan siyaasaa qaba. Gaaffiilee kanneeniif mariin kun mala tokko jechuun ibseera.
Qabsoon yeroo dheeraaf akka Oromiyaatti gaggeeffamaa ture dhimmoota abbaa biyyummaa Finfinnee, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuu, saamicha lafaa maqaa daangaa babal’ifannaan Oromoo qoraa jiru fa’i.
Hudhaaleen kunniin qabsoo waraanaa kanaan dura qaqqabaa tureef madda waan ta’eef mariin kun isaan kanallee kan of keesstti hammatedha jedha.
Dhimmoota kanneen karaa waraana hinkaassisneen furuun osoo danda’amuu dhiibbaa cunqursitootarraa ka’een gatii kaffalaa turreerra kan jedhe dargaggoon kun; sirna jijjiiramaa kana keessa qabsoon karaa dimokraatawaa gaggeeffamuu eegalamuunsaa jijjiirama guddaa egeree biyya keenyaafis bu’uura milkaa’inaa ta’ee kan tajaajilu ta’uu dubbata.
Dargaggooni keenyas qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo dimokiraatawaatti akka fuulleffatan karaa kan saaqu waan ta’eef sochichi dargaggoota biratti kan jajjabeeffamudha jechuunis ibseera.
Gaaffiin seeraa dhimma Oromoofi Oromummaarratti xiyyeeffate dhoksaan osoo hintaane ifaafi bilisaan ka’aa kallattiin xiyyeeffannoo akka kennamuu qabu ta’uunsaa kan nama jajjabeessu; ijaarama sirna dimokraasii itti jiramuufis wabii guddaa ta’ee kan tajaajiluudha jedha.
Dargaggoonni Oromoo gaaddisa Odaa jalatti sirna Gadaatiin ijaaramaa waan guddataniif dimokirasiif haaraa miti kan jettu ammoo Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Limmuu Galiilaarraa kan dhufte Shamarree Galatee Dassaaleeti.
Mariin biyyaalessaa haala kanaan dura hinbeekamneen akka biyyaatti eegalamuun gaaffii keessa keenyaa dubbannee akka furru kan taasisudha jetti.
“Mariin waraana hambisa, gaaga’ama baraara. Waan kanaan dura waldhabdee mariidhaan furuun hinaadeffamneef fuulli qeerroofi qarree gara qabsoo hidhannootti akka fuulleffatu godhaa tureera.
Sirnoonni darban kan itti abaaraman keessaa caalmaa yaadaarra meeshaa waraanaan biyya bulchaa ummata qe’eefi qabeenyasaarratti gabroomsuun jibbi akka hammaatu taasisaa turaniiru.
Dhaloonni qe’eef qabeenyasaarratti harqoota gabrummaaf boquusaa hinkennu jechaa turemmoo bosona galuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa turuun eenyumaafuu ifa” jetti.
Qabsoon hidhannoo filannoo isa dhumaa; fincila diddaa gabrummaaf taasifamudha kan jette Shamarreen tun, gama kanaan jaarraa tokkoofi walakkaaf Oromoon mirgasaa, daangaasaa eenyummaasaa kabachiifachuuf kufee ka’aa turuu himti.
Kanas ta’e sana sirnoonni Oromoo dabalatee sabaafi sablammii yeroo dheeraaf cunqursaa turan wareegama qaalii obboleeyyan keenyaan hundeedhaa buqqa’aniiru kan jette Shamarree Galateen; rakkoo qawwee kaassisu mariin furuuf mari’achuun kan nama jajjabeessu ta’uu kaasteerti.
“Bara Oromoon biyya bulchaa jiru kana keessa sirni dimokraatawaa qeeqaafi yaada darbees gaaffii qaban karaa dimokraatawaa kaasuun eegalamuun dhugumattuu Oromoon uummata sirna dimokraatawaa Gadaadhaan guddatedha isa jedhuuf agarsiistuu guddaadha.
Mariin kun bifa kutaalee hawaasaa kudhan hirmaachiseen sadarkaa biyyaatti yoo gaggeeffamu sabaafi sablammiileen gaaffiisaanii dhorkaa tokko malee akka kaafatan isaan taasiseera.
Akka sirnoota darbanii sabni guddaan kun saba xiqqaa jedhamee walqooduun osoo hinjiraatiin hunduu walqixa yaadasaa mariif dhiyeessee furmaata akka eeggatu ta’aa jira.
Dimokraatawaa ta’anii gaaffii ofii dhiyeeffachuun sabaafi sablammiin walqixa ta’ee waltajjii tokkorratti dubbachuun seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa yoo ta’u, warreen qabsoo hidhannoof bosona seenanillee ilaalchasaanii akka geeddaratan kan godhe waan ta’eef kan jajjabeeffamudha” jetti.
Dargaggoo Miftaa Abbaadhibbaa Godina Jimmaa, Aanaa Sigmoorraa marii biyyoolessaarratti hirmaachuuf kan dhufe yoo ta’u, marichi dhaloota egereef wabii jaalalliifi tokkummaa ittimirkanaa’udha jedha.
“Dhaloonni amma jiru gaaffii waggoota 150f abbootiin keenya nutti kennan deebisiisuuf warra dura hiriiru yoo taanu, waraanaan osoo hintaane ilaaf ilaameen furuuf warra jalqabaa ta’uu keenyaan carraa guddaadha.
Haata’u garuu dhimma Oromoofi Oromiyaarratti gaaffii kaasuu qofa osoo hintaane furmaanni waaraan dhaloota nuduuba jiru kan boqochiisu akka ta’uuf hawwiikooti.
Gaaffii baroota dheeraa abbootiin keenya dabarsanii nutti kennan dhaloota ittaanutti warra dabarsu osoo hintaane dhaloota furmaataa taanee nageenya amansiisaa warra dhaalchisu ta’uu qabna.
Dhimmoonni Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa, abbaa biyyummaa Finfinnee samichi lafa Oromiyaarratti maqaa daangaa babal’ifannaan hammaataa jiru daangaa akka qabaatu feena.
Kun yeroo jedhamu Oromoon sabaafi sablammiif jibba qabaatee osoo hintaane walqixxummaan akka jiraatu, hunduu akka hireessatti gaheesaa akka argatu saamichiifi alseerummaaan akka dhaabatu Itoophiyaan hundaaf haadha taate akka ijaaramtu kan godhudha malee tokko irra inni kaan jalatti akka dhiitamu jechuu miti” jedheera.
Walumaagalatti haala kanaan dura hinbaratamneen mariin biyyaalessaa karaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachiseen keessumaa dargaggoonni utubaa biyyaa ta’an bilisummaan dhimmi biyyakoo na ilaallata yaada jedhuun seenaa Itoophiyaa keessatti haala kanaan dura hinbaratamneen qabsoon marii ilaafi ilaamee eegalamuun qabsoon hidhannoo gara qabsoo caalmaa yaadaatti akka jijjiiramu kan taasise, nageenya waaraa biyyaa mirkaneessuufi Itoophiyaa hundaaf taatu ijaaruu keessatti shoora guddaa waan taphatuuf kan jajjabeeffamudha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017