– Magaalotatti barsiisotni 3253 lafa mana jireenyaa argatan
Finfinnee: Baadiyyaa Oromiyaatti bara bajataa 2017 hirmaannaa ummataatiin barsiisota 8843f manni jireenyaa ijaaramee yoo kennamu magaalotatti barsiisonni 3253 lafa mana jireenyaa argachuusaanii Biiroon Barnoota Naannichaa ibse.
Biirichatti Daarektarri Qophii Karoora hordoffiifi gamaggamaa Obbo Hasan Idiris ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaatiin waggoota sadan darbanii eegalee hojiileen misooma barnootaa hedduun hojjetamaa jiru.
Hojiilee hojjetaman keessaa tokko hojii barsiisotaaf haala mijaa’aa uumuudha jedhanii; pirezidaantii naannichaarraa kaasee hoggansi olaanaan sadarkaa sadarkaadhaan jiru rakkoo mana jireenya barsiisotaa furuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Hojii hojjetamaa jiruunis bara bajataa darbe magaalotatti barsiisotni 6451, bara bajataa kana keessammoo hanga ammaatti barsiisotni 3253f lafa mana jireenyaa argachuu ibsaniiru.
Nyaatni barsiisotaa akka eegalamuuf kallattii kaa’amee iddoowwan tokko tokkotti hojiitti hiikamaa jira jedhanii, harkifannaa adeemsa lafa mana jireenya barsiisotaa dhiyeessuurratti mul’achaa jiru furuufis biiroonsaanii Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Pirezidaantiin Waldaa Barsiisotaa Naannoo Oromiyaa Obbo Waaqwayyaa Toleeraa gamasaanitiin akka jedhanitti, rakkoo mana jireenya barsiisotaa furuuf waldaansaanii erga sochii eegalee waggoonni hedduun lakkaa’amaniiru.
Dhiibbaa waldichi taasiseen bara 2008 Manni Maree Ministeerotaa gaaffii waldichi dhiyeesse deebisuuf murtoo murteesseen dambiin ittiin raawwatamu bahee naannooleedhaaf gadi bu’ee hojiitti galame. Gaaffiii waldichaa deebisuuf murtoo manni maree ministeerotaa dabarseen dambiin ittiin raawwatamus bahee naannoleef gadi bu’ee hojiitti galame.
Oromiyaatti barsiisonni kuma 300 ol akka argamaniif waldichimmoo miseensota kuma 235fi 492 akka qabus eeranii, qorannoo waldichi bara 2014 taasiseen barsiisotni kuma 125 ta’an mana jireenyaa akka hinqabne adda baafameera jedhan.
Bara 2008 kaasee hanga ammaatti barsiisota kuma 53fi 776 qofatu iddoo mana jireenyaa argate jedhanii; rakkoo mana jireenya barsiisotaa furuuf kallattii gaariin gadibu’us raawwiirratti hudhaa guddaan jiraachuu pirezidaantichi ibsaniiru.
“Rakkinicha furuun walqabatees hoggansa akaakuu saditu numudate, isaanis hoggansa osoo haalli mijaa’aan hinjiraatin rakkinicha furuuf hojjetu, hoggansa barsiisotaaf lafa mana jireenyaa kennuuf lafa dhabee rakkatuufi hoggansa utuma ilaalcha barsiisaa maaltu adda godha jedhuun utuma haala mijaa’aa qabu rakkinicha furuuf fedhii hinqabneedha” jechuun ibsaniiru. Rakkinicha furuuf waldichi hojii dhiibbaa uumuu gara fuulduraattis cimsee kan ittifufu ta’uu Obbo Waaqwayyaan ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017