Naannichatti callaa midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaala miliyoona 49.9tu eegama

Finfinnee: Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti omisha qonna gannaa bara 2016/17 irraa callaa kuntaalli miliyoona 49.9 akka eegamu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Usumaan Suruur ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, omisha qonnaa ganna baranaarraa callaa midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaala miliyoona 49.9 argamsiisuuf sassaabbiin midhaanii xiyyeeffannoofi bal’inaan gaggeeffamaa jira. Gamaaggama sassaabbiin boodaa biirichi gaggeesseen waliigala hanga kuntaala miliyoona 50tti callaan argamuu akka danda’u mul’isa.

Akka ibsasaaniitti, naannichi fayyadamummaa dinagdee ummataa mirkaneessuuf sosochii mataduree “Qonna qindaa’aa badhaadhina maatiif” jedhuun gaggeessuun qindoominaan hojiin milkaa’ina qabu galmaa’aa jira.

Sosochii gaggeeffameenis teknolojiifi guddistuu callaa fayyadamuudhaan qonna kilaastaraa akkamitti gaggeessuun akka danda’amurratti xiyyeeffannoon akka kenname ibsaniiru. Bu’aan argamaa jirus bu’aa ida’ama sosochii kennameen hubannoo uumameefi qindoomina hoggansaafi qaamolee qooda fudhattoota naannichaati jedhaniiru.

Bakka omishni gannaa irraa sassaabame qonna bonaatti jijjiiruun bu’aa argamaa jiru ittifufsiisuuf Fulbaana 24/2017 sosochii qindaawaa misooma qonna naannicha hundaa hammate gaggeeffameera. Sosochichis ajandaalee garagaraa haala yeroo qonnaa giddugaleeffachuun gaggeeffamuu ibsaniiru.

Yeroo sassaabbii sababeeffachuudhaan omisha qisaasa’uurraa bilisa ta’eefi sirna sassaabbii omishaa qulqullina omishaarra dhiibbaa hingeessifne ajandaa isa jalqabaa ta’uu ibsaniiru. Ittaansuudhaan sosochiin qophii qonna bonaa bara 2017 gaggeeffameera.

Haaluma kanaan sosochiin maaddii guutuu, kunuunsa biqiltuu ashaaraa magariisaatiin dhaabamanii kunuunsuu, omisha mi’eessituufi bunaa cimsuurratti duraa duubaan gaggeeffameera. Dabalataanis qindoominni waldaalee naannicha keessatti argaman murteessoo waan ta’aniif sosochichi qindoomina waldaaleetiin akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Naannichi agroo ikoloojii gammoojjii, badda dareefi baddaa qabaachuu eeranii; sassaabbiin omishaa marsaa jalqabaa naannawa gammoojjiitti Onkoloolessa 1-30tti, badda dareetti Sadaasa 1-Mudde 15tti, baddaatti Mudde 15-Amajjii 15tti qoodamuudhaan qaamolee hawaasaa hunda hirmaachisuun akka sassaabamu ta’eera. Bakka maashinariin gaggeeffamuttis abbootiin qabeenyaa naannichaafi naannolee ollaa gatii madaalawaadhaan akka kireessan taasisuun qisaasa’uu omishaa hambisuuf hojii bal’aan hojjetameera.

Omishni utuu hinqisaasa’in sassaabamuun omishaafi omishtummaa dabaluuf gumaacha olaanaa akka qabu eeranii; hojii qindaa’aa hanga ammaatti hojjetameen naannawa gammoojjiitti sassaabbiin %100 xumurameera, badda dareetti %70 ol sassaabameera. Akkuma agroo ikolojii jiruufi omishi bilchina fixachaa deemuun sassaabbiin naannawa baddaatti ittifufa jedhaniiru.

Bu’aa argamaa jiruun bakkeewwan tokko tokkotti callaa boqqolloon hektaara tokkotti kuntaala 70 hanga 110fi qamadiin kuntaala 30 hanga 70 argamaa jiraachuus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You