Imalli badhaadhinaa yaadamarra kan ce’e gocha qabatamaa lammilee maraammartoo hiyyummaa keessaa gara milkaa’inaatti ceesisudha.
Imala kana milkeessuuf karoora xiiqii tarkaanfilee haaraan dabaalameen bu’aawwan guguddoon magaalota Oromiyaatti keessatti galmaa’aa jiru.
Hojiiwwan inisheetiivii garaa garaa magaalota Oromiyaa keessatti dhuunfaan hojjechuu irraa hanga karaa gurmaa’een misoomsuutti hojii hojjetameen milkaa’inoonni argamaa jiru.
Magaalota keessatti misoomni beelladaa kan akka horsiisa lukkuufi booyyee, horii aannanii, furdisaa horii, qurxummiifi omisha dammaatiin bu’aan gaggaariin argamaa jira.
Kanaanis magaalotni iddoo gurgurtaa qofa osoo hintaane iddoo omishaa taasifamaa jiru. Hojii misooma qonnaa magaalota Oromiyaa keessatti babal’achaa jiruun qaala’iinsi gabaa to’achuu irratti milkaa’inni mul’achuun cinaatti nyaata madaalamaa omishuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisuun carraa hojii uumuufi galii dabaluuf haala kan mijeessedha.
Mootummaan milkaa’inoota argamaa jiran kana cimsuun badhaadhina maatii irraa jiraattota magaalaa fayyadamoo taasisuuf bara 2017 keessa kilaastara beelladaa 138,800 ijaaruun omishaafi omishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Haaluma kanaan magaalota Jimmaa, Aggaaroofi Maattutti inisheetivotni ijaarsa kilastarootaa haala saxaxaafi sadarkaa isaa eeggateen adeemsifamaa jiraachuu odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Bariisaaf erge ni agarsiisa.
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017