Adaamaa/Ciroo: Haalli nageenya Godina Shawaa Bahaa kanaan dura ture ummatarratti miidhaa qaqqabsiiseera. Ummannis miidhaa sababa rakkoo nageenyaatiin irra gahaa ture bahee ibsachuun humnoota seeraan ala hidhatanii socho’aniif waamicha nagaa taasisisuu bulchaan godinichaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo himan.
Obbo Abbaabbuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif waajjirasaaniitti kennaniin akka jedhanitti, humnoonni seeraan ala hidhatanii socho’aa turan waamicha nageenyaa ummanniifi mootummaan taasisaniif dhaga’anii gara qabsoo nagaatti deebi’aa jiru.
Godinichatti hanga torban darbeetti humnoonni hidhatanii bosona turan 72 waamicha nageenyaa taasifameef fudhatanii gara nageenyaatti deebi’aniiru. Kanneen bosonatti hafanis guyyaa guyyaan deebi’aa jiraachuufi haalli nageenya godinichaa yeroo ammaa daran fooyya’uu himu.
Humnoonni kunniin gara nageenyaatti deebi’uun waamicha nageenyaa ummanniifi mootummaan taasisaniif dhaga’uu, kabajuufi rakkoo nageenyaa ummatni keessa ture hubachuusaanii agarsiisa kan jedhan Obbo Abbaabbuun, rakkoo nageenyaa mariifi marabbaan furuun dhimma yeroon gaafatu ta’uus eeraniiru.
Rakkoo nageenyaa mariin furuun qabsoo karaa nagaa taasifamu ta’uu himanii, qabsoon karaa nagaa taasifamu lubbuu gabbaruu kan hingaafanneefi qabeenyi barbadaa’uu kan hambisu ta’uus eeraniiru.
Godinichatti rakkoon nageenyaa furamaa jiraachuun walqabatee manneen barnootaa kanaan dura sababa rakkoo nageenyaatiin cufamanii turan 38 keessaa yeroo ammaa 27 banamuufi qonnaan bultoonni sababa rakkoo nageenyaatiin lafa qonnaasaanii hojjetaa hinturres hojiitti deebi’uu dubbatu.
Nageenya godinichaa haala amma jiruun yoo ittifufe nageenyi amansiisaan yeroo gabaabaa keessatti guutummaatti kan mirkanaa’u ta’uus himaniiru.
Gama biraatiin Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Obbo Toofiiq Ahmad gamasaaniitiin akka jedhanitti, rakkoon nageenyaa hojiilee misoomaa gufachiisu keessa hinjiru.
Kana jechuun rakkoon nageenyaa tasumaa hinjiru jechuu miti. Humnoonni daangaa ce’anii rakkoo uuman darbanii darbanii waan mul’ataniif oppireeshinii cimaan yeroo yeroon adeemsifama jechuun ibsaniiru
Humnoonni hidhatanii socho’an gara nageenyaatti akka dhufaniif karaa mootummaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi abbootii amantiitiin yeroo garagaraa waamichi nagaa taasifamaafii jiraachuu himanii, humnoota waamicha nageenyaa hinfudhanneefi halkan halkan dhokatanii saamaniifi rakkoo nageenyaa uumanirratti mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa jiraachuus himaniiru.
Nageenya godinichaa caalaatti mirkaneessuuf sadarkaa aanaatti milishoonni baay’inaan leenjifamaa jiraachuu himanii, lakkoofsi miliishoota ganda tokko keessa jiran 20 irraa gara 75tti guddachuus eeraniiru. Humnoonni nageenyaafi ummannis qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017