Godina Baaleetti dammi tooniin 3500 omishame

Finfinnee: Baaleetti ji’oota shanan darbanitti dammi tooniin 3500 omishamuu waajjirri qonna godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Aliyyii Mahaammad turtii Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, godinichi omishaafi omishtummaa dammaatiif mijataafi poteenshaala guddaa qaba.

Aanaalee godinichaa hunda keessatti hojiin misooma dammaa hojjetamaa jira jedhanii; erga inisheetiviin misooma dammaa mataduree, “Oromiyaa galaana dammaa nitaasisna” jedhuun bara 2013 jalqabamee as godinichatti damma baay’inaafi qulqullinaan omishuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Jalqabuu inisheetivichaa dura gaagurri ammayyaa godinichatti hinbeekamu ture; erga inisheetivichi jalqabamee karaa mootummaafi deeggarsa dhaabbilee mitmootummaatiin qaamolee omishaniif deeggarsaafi gatii madaalawaadhaan dhiyaachaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa darbe gaagurri ammayyaa kuma 55 ol dhiyaachuu yaadachiisanii; bara bajataa kanammoo gaagura ammayyaa kuma 88 dhiyeessuuf karoorfamee ji’oota shanan darbanitti gaagurriwwan kuma 32 ol dhiyaateera jedhan.

Gaagura ammayyaa akka qopheessan gochuuf hojidhabdoota waldaadhaan gurmeessuunifi xaawulaa dhiyeessuun gatii xiqqaa ta’een qonnaan bultootaaf akka dhiyeessan taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu eeranii, karaa kallattiis ta’e alkallattiin hojiin misooma dammaa namoota hedduuf carraa hojii uumaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa kana damma toonii kuma 6900 omishuuf karoorfamee ji’oota shanan darbanitti damma toonii 3500 omishuun danda’amuu himanii; inisheetiviin maaddii guutuus omishtummaa misooma dammaatiif haala mijataa uumeera jedhaniiru.

Bu’aa damee kanarraa argamu dabaluuf dhaabbilee mitmootummaa biyya keessaafi jaarmiyaalee idiladdunyaa garaagaraa waliin ta’uun qaamolee omishaniif leenjiin hubannoo cimsu kennamaa jira jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You