Gabbaraafi Geega’oo Sikkoo Mandootti

Oromoo Sikkoofi Mandoo biratti aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti sirnootni Gabbaraafi Geega’oo jedhaman sirnoota kennaan ittiin kennamuudha.

Gabbarri karaa ittiin dargaggeessi maatii intala irraa fuudhuutiif maallaqa yookan qabeenya, akkasumas loon kennuudha. Aadaan gabbaraa kun Oromoo Sikkoo Mandoo biratti waggoota hedduurraa kaasee hanga ammaatti kan ittifufe ta’us, moggaasniifi akkaataan itti adeemsifamu garuu barsiifataan kan dhufedha jedhu maanguddoonni.

Jechi “Gabbara” jedhu bu’uurrisaa kan hawaasa Oromoorraa madde miti. Yeroo durii sirna bulchiinsa ‘Baranbaraasiifi Ciqaa Shuum’ sana bulchitootaaf dammaafi waan adda addaa kennuudhaan gabbarutu ture. Barmaatilee keessa gara kanatti dhufee fuudhaafi heeruma keessa akka seenetu himama.

Akka aadaafi duudhaa Oromootti kennaan cidhaaf walii kennamu durirraa kaasee kan jiru ta’ullee maqaa ‘Gabbara’ jedhu kanaan ibsamaa akka hinturres maanguddoonni ni ibsu.

Akka aadaa fuudhaafi heeruma Oromoo Sikkoo Mandootti kennaan warri gurbaa warra intalatiif kennu Gabbara yemmuu ta’u, Geega’oon immoo kennaa maatiin intalaa misirroota mana bahaniif guyyaa cidhaa sana kennuudha.

Geega’oon kennaa guyyaa heerumaa maatiin intalasaatiif kennu kun, loon, harree, meeshaa manaa waan itti nyaatamurraa hanga sireetti kan of keessaa qabuudha. Maatiin intalaa guyyaa heerumaa san erga qabatanii booda kennaa qopheessanii intalasaaniif kennu. Geega’oon kun loon, meeshaa manaa, uffata ishee, uffata mucaa fuudhuu, kan haadhaafi abbaa mucaa uffisanii kennuus kan dabalatuudha.

Geega’oodhaaf Oromoo Arsii biratti durii kaasee kennamaa kan ture hanga loon 25 kan gahu akka ture kan himamu ta’us, gidduudhaan garuu hanga loon 100tti guddatee akka tures ni yaadatama. Yeroo ammaa garuu haala jireenyaa wajjin hammi beellada kennamuu akka xiqqaateefi irra caalaan uffataafi meeshaalee manaarratti fuulleffachaa akka jirus hubachuun ni danda’ama.

Maatiin intalasaa heerumsiisuuf gaafa Gabbara fudhatu gaafa cidhaa ykn guyyaa intaltisaanii heerumtu Geega’oo akka kennu ofitti amaneeti. Yoo Gabbara gaarii fudhate dirqama horii ykn loon Geega’oo kenna. Yoo walbira qabnee ilaallu garuu Gabbaratu irra nama miidha.

Gabbara yoo qabaatte gabbarta. Yoo dhabde haadha warraa dhabda jechuudha. Gabbara nyaatee kan horii irraa hambisus jira. Geega’oon yeroo kennamu waan miira dorgommii ofkeessaa qabuufii maqaa ofii olkaasuuf jecha baasii Gabbara sanii ol ta’utu kennamaa jira.

Jiraataan Magaalaa Baatuu Maanguddoo Useen Galatoo garuu warra Gabbara kennurra kan miidhamu warra Geega’oo kennuudha ilaalcha jedhu qabu.

Akka yaadasaaniitti; Baasii Gabbaraafi Geega’oo yoo walbira qabde warra Geega’oo kennutu miidhama. Maaliifi yoo jette yoo Gabbara guddaa kenne warri sun Geega’oo jabaa ykn heddu irraa eega. Akka aadaa naannawa keenyaatti namni Gabbaraan heerumsiise Geega’oo caalchisee deebisuu qaba waan jedhutu jira. Kanaaf, maatii intalaatu baasii caalu baasa.

Yeroo ammaa gatiin Gabbaraa guddateera jedhanii kan namootni dubbatan baasiin warra gabbaruu sun baasii warri intalaa bifa Geega’ootiin kennu yoo walakkaa ta’edha.

Geega’oon jiraachuun barsiifata mucaan yoo intala fuudhu gabbaree waan fuudhuuf akka waan baasii baasee biteetti akka hin yaanne godhas jedhu.

“Maallaqa fudhatee yoo micayyoo warra saniif kennee callise sun aadaa miti. Xiinsammuu intalaatiifis gaarii hinta’u. Kanaafuu, Geega’ootu kennama. Maallaqni gabbaraan dhufe caallifamee ijoollee bultii ijaarrataniif bifa meeshaa, uffataafi qabeenya biraatiin deebi’ee kennamuu qaba waan ta’eef sirni kun raawwatama.

Misirroonni gaafa mana misirrittii gahan weedduu weeddisanii Geega’oo jabaa akka abdatan ittiin ibsuun ergaa yoo dabarfatan;

“Nama gurraa nama gurraa har’a guyyaani

Akka oduun jette jennaa nama gurraa

Warri kan foolatu kenna nama gurraa nama gurraa” jedhanii waan akkanaa isinirraa eegna jedhanii warra intalaa gurra guddisanii ergaa dabarfatu.

Akka aadaa Sikkoo Mandootti Geega’oon guyyuma cidhaa sana kennama.

Gabbarri duraan hariiroofi kabaja warra soddaatiif qaban agarsiisuuf jecha kennaa kennuudhaan eegalamus, yeroo ammaa kanatti gatiin gabbaraa hanga qarshii kuma 50fi isaa ol akkasumas hawusaa (uffata qorraa) 10fi isaa ol kennuurra gaheera.

“Yeroo ammaa waan gabbarri humnaa ol ta’aa jiruuf daraggeessi intala jaalate fuudhuuf ni rakkata. Kennaan gabbaraa kunis dorgommii ta’aa waan dhufeef baasii humnaa olii ta’aa jira. Hamma liqeeffatanii liqiidhaan fuudhuutti nama geessisa jira” yaadni jedhus ni dhagahama.

Keessumaa immoo gatiin gabbaraa waalta’aa ta’uu dhabuun dhiibbaa guddaa fidaa kan jiru yoo ta’u, kunis bifa aadaafi duudhaa ganamaa qofaan osoo hintaane, namni miira dorgommii keessa galee haalli inni ittiin qabeenyasaa mul’ifatu uumaa jira.

“Namni hammuma qabu gabbara osoo ta’ee gaariidha. Waanti amma jiru ‘ebelu qarshii kuma 50, kuma 100 gabbare, tiyyas intalli kan ebeluutiin gadi miti’ jechuudhaan humnaa ol nama gaafachuunis ni mul’ata.

Gama biraatiin immoo gabbarri bultii ijaaruufi kabaja intala heerumtuu mirkaneessuuf warra dhiiraarratti qofa dhiibbaa kan uumu waan ta’eef jaalala gaa’ila booda qabaatanirrattillee dhiibbaa qabaachuu akka malu warreen shakkanis hindhabamne.

Naannawawwan tokko tokkotti immoo dureeyyiifi kanneen biyya alaatii dhufan gabbara dubartii olkaasanii waan kennaniif gatiin gabbaraas haalli ittiin dabalaa deemu kan mul’atu yoo ta’u, kun namoota harkaqal’eeyyii gabbara akkasii hindandeenyerratti dhiibbaa uumaa jira.

Rakkoo kana furuuf yeroowwan adda addaatti yaaliiwwan gatii gabbaraa daangessuuf taasifamaa turanis yeroo murtaa’eef abbootii gadaatiin lallabamus guututti hojiirra oolee garaa garummaa furuu hindandeenye.

Gatiin gabbaraa olka’uun namni humna hinqabne akka bultii hinijaarranne waan dhiibbaa uumuuf butiin deebi’ee akka babal’atu gochaa jiraachuus warreen sodaa qaban jiru.

Akka ilaalcha kanaatti; kan ijoollee dhiiraa barsiifata boodatti hafaa ta’e butiitti deebisaa jiru, kan ijoolleen durbaas ‘fedha kiyya’ jettee akka dhiira jala kaattee wajjin galtu taasisaa jiru olka’iinsuma Gabbaraa kana. Ijoolluma gabbara jalaa olfageessanii rakkisan kanatu gara yakkaatti nama dhiibaa jira. Butiinimmoo seerota hundaanuu dhorkamaadha.

Sababa gabbara kaffaluu sodaaf butiin babal’achaa jirus gocha yakkaa ta’uunsaa hubatamee dhaabachuu qaba. Bakkawwan hedduutti, maatiin intalaa erga gabbara fudhatanii booda ijoollee walfuudhaniif meeshaa manaafi kennaawwan biraa kan kennan jiraatanis, kanneen gabbara fudhatanii harkuma duwwaa intala heerumsiisanis hindhabamne.

Gatiin gabbaraa haalota gara garaatiin olka’ee ijoolleen dhiiraa gara butii akka yaadan gochuun dhugaa mul’atu ta’ullee, gabbarri hariiroo hawaasummaafi soddoomaa cimsuufis shoora olaanaa kan taphatuudha.

Qorattoonni seenaa tokko tokko gabbarri akka aadaa waliin hidhata hinqabne kaasanis soddaan kennaa walii kennuun kabajaafi waljaalala cimsuuf gahee qaba. Keessumaa Arsii biratti kennaa warra mucaatiif bakka guddaatu kennamaaf. Dura akkuma kennaatti ilaalamaa ture, amma garuu gatiinsaa daran olka’eera.

Waan maallaqni kaffalamu dabaleef ‘Gabbarri akka sababa ka’umsa butii’ ta’aa dhufuun kun garuu waan sirratuu qabuudha. Gadaan Arsii gabbarri humnaa olii akka hafuuf tumaa tumus, amma ummanni jaalalaan kennaa walii kennetti dirqiidhaan yaa hafu jechuun waan hindanda’amneef homaa gochuun hindanda’amne.

Gabbarri fedhiifi jaalalaan kennama malee seerri irratti bahee dirqama ammana kaffaluu qabda jedhu hinjiru. Warruma tumaa tumetu deebi’ee gabbara kana gabbarsiisaa jira waan ta’eef, gama abbootii Gadaatiin tumaa walirratti tumuun jijjiirama fiduun ni ulfaata.

Furmaanni waaraan garuu ummanni waliigalee kan qabuufi kan hinqabneefis akka ta’utti waan mana dhiiraatii gabbaraaf bahu kana akka jiruusaanii itti utubataniif mariidhaan murteeffachuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti; sirni jaalala soddoomaa maatii walirraa fuudhaniifi walitti heerumsiisan gidduutti uumu; Gabbarriifi Geega’oon karaa waldorgommii hinqabneefi gochoota seeraan alaa kanneen akka butiitiif osoo karaa hinbanne duudhaa ganamaatiin gaggeeffamuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You