Daawwannaa Pirezidaanti Imaanu’el Maakroon, hariiroo Itiyoo- Faransaay daran cimse

Tibba kana gaggeessitoonniifi anga’oonni olaanaan biyyoota addunyaa garagaraa Itoophiyaa dhufuun daawwannaa hojiifi marii gamlamee biyyootasaanii waliin taasisaa jiru. Kunis hariiroo biyyattiin biyyoota addunyaa waliin qabdu cimsuun dippilomaasii cimaa akka qabaattuuf kan gargaaru ta’uu hayyoonni damichaafi miidiyaan addaddaa ni ibsu.

Torban har’aas Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon daawwannaa hojii guyyoota lamaatiif, jijjiiramaa as yeroo lammaffaaf Itoophiyaa kan dhufan yoo ta’u, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) simannaafi gaggeessaa ho’aa taasisaniiruuf. Pirezidaantichis turtiisaaniitiin hariiroo siyaas dinagdee biyyoota lameenirratti mari’achuu cinaatti Masaraa Biyyaalessaafi Godambaa yaadannoo Injifannoo Adwaatti daawwataniiru.

Itoophiyaafi Faransaay hariiroo dippilomaasii jaarraa tokkoo olii akka qaban seenaan kan ibsu yoo ta’u, ALA bara 1904 irraa eegaluun Faransaay, magaalota Finfinneefi Dirree Dhawaatti waajjira dippiloomaasii banachuun hariiroonsaanii bifa caaseffameen eegalame.

Akkasumas ALA bara 1904 Faransaay Imbaasiishee Itoophiyaatti banatte. Ittifufuunis ALA bara 1943 Wiirtuu Walta’iinsa Aadaa Itoophiyaafi Faransaay, bara 1947 Mana Barnootaa Liisee Gabramaariyaam Finfinneetti argamu, 1955 ammoo Dhaabbata Miishinii Arkiyoolojii Faransaay jedhamu Itoophiyaatti gara Dhaabbata Qorannoofi Qo’annoo Faransaayitti jijjiiruun hariiroon biyyoota lamaanii gama hundaan akka cimuuf hojjetameera.

Waraana Addunyaa Lammaffaa boodas Pirezidaantiin Faransaay Jeneraal Guleen Itoophiyaatti daawwannaa kan taasisan yoo ta’u, bara 1973tti ammoo daawwannaa Ministirri Muummee Faransaay Joorji Poompidoo taasisan hariiroo Itiyoo-Faransaay hundee jabaarra dhaabeera. Biyyoonni kunneenis bara hariiroo itti eegalan waggaa 125ffaasaanii bara 2014 sagantaalee addaddaatiin kabajuunsaanii yaadannoo yeroo dhihooti.

Doktar Abiyyi Onkolooleessa bara 2011 wayita biyyoota Awurooppaatti daawwannaa hojii taasisan Faransaay ishee tokko turte. Ji’oota shan boodas Pirezidaanti Imaanu’eel daawwannaa guyyoota lamaatiif Itoophiyaa dhufuunsaanii ni yaadatama.

Haala kanaan hariiroon biyyoota lamaanii siyaasa, dinagdee, hawaasummaa, aadaafi dameewwan addaddaatiin jaarraa tokkoo oliif cimee kan ittifufe yoo ta’u, Mootummaan Faransaay haaromsa Dhagaa Soofamaa (‘Xarabamaa) Laallibalaafi Masaraa Biyyaalessaaf deeggarsa ogummaafi maallaqaa taasisuun michummaashee waggoota dheeraallee gochaadhaan mirkaneessiteetti.

Yommuu waa’een Daandii Qilleensa Itoophiyaa ka’us, xiyyaara Ameerikaa Booyingiitti aanee kan ka’u eerbaasii Faransaayi. Kunis Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya jalqabaa xiyyaara kana fudhatte ta’uunshee hariiroo biyyoonni lamaan indastirii aviyeeshiniirratti qaban kan cimseedha.

Egaan biyyoonni hariiroo cimaa akkanaa qaban yeroo yerootti waliin hojjechuufi haala biyyoonni irra jiran wali iyyaafachuun kan nama dinqu hinta’u. Kanarraa ka’uun Pirezidaanti Imaanu’eel wayita yeroo lammaffaaf gara biyya michuusaanii, Itoophiyaa dhufan Doktar Abiyyi Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Booleetti argamuun simannaa ho’aa taasisaniiruuf. Simannaan boodas fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti “Obboleessakoofi michuu dhugaa Itoophiyaa, Pirezidaantii Rippaabilika Faransaay, Imaanu’eel Maakrooniin waggoota jahan darban keessatti daawwannaa yeroo lammaffaaf baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftanin jedha” jedhaniiru.

Marii gamlamee Masaraa biyyaalessaatti taasisaniinis dhimmoota hedduurratti bal’inaan mari’achuu himanii, deeggarsa Mootummaan Faransaay haaressa hambaalee biyyattiif taasiseefis galateeffataniiru. Mariisaaniitiinis walta’iinsawwan biyyoota lamaanii dameelee garagaraa kan sakkatta’ame yoo ta’u keessumaa, dabalaa dhufuu invastimantiitiin walqabatee addatti hariiroo damee aadaafi barnootaan jiru caalaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu waliigalteerra ga’uusaanii ibsu. Walitti hidhamiinsa seenaqabeessa biyyoota lamaanii daran cimsuufis akka waliin hojjetan cimsanii kaasuu eeru.

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon gamasaaniin, deebi’anii Itoophiyaa dhufuusaaniitti daran akka gammadan ibsanii, hariiroon Itiyoo- Faransaay waggoota dheeraa lakkoofsise kan cimsu ta’uufi hojiilee guguddoo waliin hojjechuuf qabaman xumuruu kan dandeessisu ta’uu kaasu. Haaromsi Laallibalaafi Masaraa Biyyaaleessa addunyaarratti sadarkaa olaanaa jedhamuu danda’amuufi ji’oota ittaananitti eebbifamu Faransaayiif hojii guddaa ta’uu himu.

Fuuldurattis fooyya’iinsa dinagdee Itoophiyaa ammayyeessuun deeggaruufi waliigaltee Piriitooriyaa nagaafi tasgabbii Tigraayiif bu’uura ta’e hojiirra oolchuuf akka tumsan himaniiru. Abdiin egeree Itoopiyaa badhaadhinaafi nageenya akka ta’u Faransaay ni amanti jechuunis ibsaniiru.

Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa kan daawwachiisan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebees daawwannaan booda miidiyaa hawaasummaasaaniirratti, Pirezidaantii Rippaabilikii Faransaay kabajamoo Imaanu’eel Maakroon baga nagaan dhuftan jedhanii simachuusaaniifi Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa ummanni gurraachaa ittiin boonutti argamuun qabsoo bilisummaa ummata gurraachaatiif gootata wareegama kanfalaniif siidaa yaadannoo jalatti abaaboo yaadannoo kaa’uusaanii himu.

Jijjiirama saffisaa Finfinneen mul’isteef dinqisiifannaa qaban isaaniif ibsuusaaniitiifis maqaasaaniifi maqaa bulchiinsa magaalaatiin galateeffataniiru.

Hayyuun Siyaasaafi Hariiroo Idiladdunyaa Pirofeesar Biruk Hayiluu daawwannaa pirezidaantii Faransaay ilaalchisuun yaada miidiyaalee adda addaatiif kennaniin akka jedhanitti, biyyoonni lamaan hariiroo michummaa waggoota dheeraafi cimaa qabu. Daawwannaansaaniis kanarraa kan maddeefi keessumaa inni ammaa bu’aa deeggarsa haaressa Laallibalaa ilaaluun sadarkaa idiladdunyaatti ceesisuudha. Kana cinaatti immoo mariiwwan gamlamee dhimmoota addaddaarratti taasifamuun hariiroo biyyoota lamanii caalaatti cimsuuf kan yaadameedha.

Hariiroon biyyoota lamaanii keessumaa gaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaa wajjin walqabatee Jibuutiif kaastuuf deebii gaariin akka argamuuf shoora olaanaa akka qabu kaasanii, biyyoota addunyaa Jibuutii waliin hariiroo olaanaa qaban keessaa Faransaay tokko ta’uusheetiin waliigalteerra akka ga’amuuf qooda akka qabaatu dubbatu.

Akka waliigalaatti, daawwannaan pirezidaantichaa gaaffii biyyoota addaddaaf deebii, sodaafi shakkii jirus kan qulqulleessu ta’uu eeranii, keessumaa haalli gaggeessitoonni biyyoota lamaanii ‘obboleessakoo, hiriyyaakoo, michuukoo’ jechaa walibsan hiikaan siyaasaafi dippiloomaasiisaa olaanaa ta’uu kaasu.

Gaggeessaan Hojii ‘Kings of Abay’ Ustaaz Jamaal Bashir gamasaatiin, pirezidaantiin biyya guddittii Faransaay, Itoophiyaa daawwachuun mataasaatiin hiika olaanaa akka qabu himanii, keessumaa nageenyaan walqabsiisee yaada qaamoleen muraasni “Biyyattiin biyya, itti deeman, keessa taa’aniifi bulan miti” jechuun kaasaniif deebii akka ta’u dubbatu. Keessumaa biyyoota Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin hariiroo gaarii akka hinqabaanne fedhaniif haala addaan yaadasaanii kan fashaleesse ta’uus ni ibsu.

Haaressa Laallibalaa %50 caale daawwachuu sababeeffachuun dhufanis mootummaan Itoophiyaa, haaressa Masaraa Biyyaalessaa deeggarsisaanii keessa jiru, Godambaa Adwaa akkasumas, Paarkii Tokkummaafi misooma koriidarii hamma tokkos ta’u akka ilaalan taasifamuun deeggarsi pirezidaantichi Itoophiyaaf taasisan sirri ta’uusaaf akka wabiitti kan fayyaduufi caalaattis akka kakaasu dubbatu.

Gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiheessaa jirturrattis deeggarsa akka taasisan waadaa seenuusaanii eeranii, kunis biyyoota akka Itoophiyaa guddinarra jiran biyyoota Awurooppaa wajjin hariiroo qabaachuunsaanii faayidaa damdaneessa akka qabu kan agarsiisu waan ta’eef kan jajjabeeffamu ta’uu eeru.

Waggoota ja’a keessatti yeroo lammaffaaf Itoophiyaa daawwachuu pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel kanas miidiyaan idiladdunyaa bal’inaan gabaasaniiru. Rooyitarsi, ‘VOA, BBC’, Alaayin, Leemondi, Intalajansii Afrikaa, Istilii Vooyis, Gaaroowee Onlaayin, CGTN, TV Arjantiinaafi kkfn uwwisa kennaniiruuf.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You