Biirichi gabaa ayyaanota Qilleefi Cuuphaaf qophii taasisuu ibse

  • Beeyiladni qalmaa kuma 500 oliifi zayitii liitirri miliyoona 10 ol nidhiyaata

Finfinnee: Ayyaanota Qilleefi Cuuphaa bara 2017tti hanqina galteewwaniin walqabatee qaala’iinsi gatii akka hinumamneef qophii gabaa taasisuu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashuu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, biirichi ayyaanota Qilleefi Cuuphaa bara 2017tti hanqina galteewwaniin walqabatee qaala’iinsi gatii akka hinmudanneef qophii bal’aa taasiseera.

Qophii taasifameenis beeyiladootni qalmaaf oolan kuma 500 oliifi zayitiin nyaataa liitira miliyoona 10 ol gabaaf akka dhiyaatuuf hojiin walitti hidhamiinsa gabaa bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, ayyaanota Qilleefi Cuuphaa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii akka hinmudanneef qooda fudhattoota waliin hojiin walitti hidhamiinsa gabaa bal’aan hojjetameera. Godinaaleefi magaalota Oromiyaa hundatti midhaan akaakuuwwan gara garaa, meeshaalee bu’uuraa zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan industiriifi beeyladaa dhiyaaturratti qaala’iinsi gatii akka hinuumamneef hojiin walittihidhamiinsa gabaa bal’aan hojjetameera.

Walitti hidhamiinsa gabaa gaggeeffamuun midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaalli kuma 122fi 695 gabaa ayyaanota Qilleefi Cuuphaarratti dhiyeessuuf karoorfamuu himanii; haaluma kanaan boqolloo kuntaala kuma 50 ol garbuu kuntaala kuma 18fi 341, xaafii kuntaala kuma 36fi 132fi daakuu qamadii daabboo kuntaala kuma 20, akkasumas kuduraafi muduraa toonii kuma 460fi 968 nidhiyaata jedhaniiru.

Beeyilada qalmaaf oolan kuma 500 ol, re’ee kuma 336fi 149, hoolaa kuma 277fi 632 lukkuun miliyoona sagaliifi killeen miliyoonni 30fi damma toonii kuma tokkoofi 852 gabaaf dhiyeessuuf qindoominaan hojjetamaa jira.

Dabalataanis, dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa zaayitii nyaataa liitiraa miliyoona 10 ol qamadii kuntaala 72,050 akka dhiyaatuuf walitti hidhamiinsi dhiyeessitootaafi warshaalee waliin taasifamuu ibsaniiru. Walitti hidhamiinsi uumames bakka itti gurguran akka barbaachisu himanii; milkaa’ina walitti hidhamiinsa gabaa kanaafis naannichatti gabaawwan Sanbataa 442 hundeeffamaniiru.

Gabaa Sanbataa kunneenitti qonnaan bultoonniifi omishtootni omishasaanii akka dhiyeessaniif caasaa sadarkaan jiru hirmaachisuun hojjetamaa jira. Finfinneettis walitti hidhiinsa yuuniyeenotaa waliin giddugaloota gabaa Saarbeet, Hayaa Hulattiifi Saariisitti jiruun akka dhiyaatu ibsaniiru.

Hawaasni yeroo gabaan akkanaa dhufutti sochii maallaqa sobaa, omisha nyaataa qulqullina hinqabne walitti makameefi omisha yeroon ittidarberraa daldalatoota seeraan dhiyaaturraa akka of eeggatu dhaamanii gocha kana ittisuuf hordoffiifi to’annoon cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You