“Abbaa biyyummaa Finfinnee deebisuun madaa dhinsuudha ardii biraa gochuuf yaaluun madaa bal’isuudha” – Obbo Ibsaa Nagawoo

Adaamaa: Finfinneen qe’ee Oromoo Tuulamaa, magaalaa lafee ilmaan Oromoorra dhaabatte Oromootti abidda faanaa taatee qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisuun Oromummaa erga dhiistee bubbulteetti.

Sirnoonni darban marti waan afaan qawweetiin biyya bulchaa turaniif gaaffiin abbaa biyyummaa akka hinkaane ukkaamsuun olaantummaa garee tokkoo, amantaa tokkoofi sirna tokkoon biyya burjaajessaa turuu ragaatu seenaa baha.

Sababuma kanaan qabsoon hidhannoo filannoo ta’aa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa garuu gara aangootti dhufuu mootummaa jijjiiramaa hordofee qabsoon qawwee gara marii biyyaalessatti geeddaramuun jijjiirama guddaa ta’uu Gorsaan ABO Obbo Ibsaa Nagawoo ni ibsu.

Obbo Ibsaan turtii addatti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin mariin biyyaalessaa dhabamuun qabsoo hidhannoof balbala saaqaa turuu himu. Qabsoon hidhannoo ammoo qaama miidha, dinagdee golgoleessa, alseerummaa babal’isa. Akka kun hintaaneef ammoo mariin biyyaalessaa eegaluun jijjiirama guddaadha jedhu.

Seenaa Itoophiyaa keessatti mariin biyyaalessaa takkaa gaggeeffamee akka hinbeekne kan kaasan qondaalli kun; mootummaa jijjiiramaa kana keessa eegalamuun Oromoof injifannoo guddaa dimokraatawaa ta’uusaaf agarsiistuudha jedhu.

Oromoon ummata Gadaan bulu, dimokraatawaadha isa jedhuuf mariin jalqabame kun ibsituudha jedhanii; sabaafi sablammiin loogii tokko malee yaadasaanii akka dhiyeeffatan taasifamuun kan nama jajjabeessu ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaan biyya saboonniifi sablammiileen 76 keessa jiran taatus dhiibbaa sirnoota abbaa irreerraa kan ka’e jiraachuunsaaniillee beekamtii dhabee ture jedhu.

Sirni federaalizimii lafa qabachuu waan eegaleef garuu muraasni gadi bahanii kan mul’atan yoo ta’u, jijjiirama kana keessammoo afaan, aadaan, eenyummaafi duudhaan sabootaafi sablammiilee ukkaamsaa jala ture dhohee bahuus kaasaniiru.

Yeroo ammaatti mariin naannolee baay’eetti gaggeeffamuun hirmaachisummaa dabalaa jiraachuu agarsiisa jedhanii, Oromoonis haqasaa seenaafi seeraan bade deebisiisuuf mari’achuun jajjabeessaa ta’uu eeru.

Akka ibsasaaniitti dhimmoonni Afaan Oromoo afaan hojii federaalaafi Finfinnee taasisuu, abbaa biyyummaa Finfinnee deebisiisuu gaaffii sirrii deeggaramuu qabuudha.

Finfinneen magaalaa ardii biraarraa cittee dhufte otoo hintaane magaalaa lafee qonnaan bulaa Oromoorratti ijaaramteefi haqa Oromoo ta’uu kaasaniiru.

Kana jechuunimmoo saboonniifi sablammiileen keessa jiraachuu hindanda’an jechuu osoo hintaane haqni jiru beekamuun dhugaan abbaaf deebi’uu qaba jechuudha jedhan.

Bu’uuruma kanaan madaan baroota lakkoofsise kun akka dhinsuuf dhugaa deebisuun murteessaa yoo ta’u, yaaliin ardii biraa gochuuf taasifamu madaa kan bal’isuudha jedhaniiru.

Mariin ammaan tana sadarkaa biyyaatti taasifamaa jiru hudhaalee garaagarummaa yaadaa jiran dhiphisuun federaalizimii sabdaneessaa kan lafa qabsiisu waan ta’eef jajjabeeffamuufi deeggaramuu akka qabus dhaamaniiru.

Sabaahimaan ABO Jaal Toleeraa Adabaas gamasaaniin osoo mariin jiraatee walwaraansi filannoo hinta’u jedhu. Sirnoonni darban mariif balbalasaanii cufachuurraa kan ka’e saboonniifi sablammiileen cunqursaa hammaataa jala turuu yaadachiisu.

Cunqursaanimmoo fincila diddaaf waan nama kakaasuuf garaagarummaa mariin furuurra afaan qawweetiin deebisiisuuf taasifamaa turuunimmoo nageenyi waaraan akka hinjiraaanne gochuu himu.

Yeroo ammaa garuu ejjennoo, walwaraansi nigaha, waldhabdee mariin furra jedhuun mariin akka biyyaatti eegalame kan jajjabeeffamudha jedhu.

Mariin sagaleen sabootaafi sablammootaa hundi akka dhagahamu kan taasise ukkaamsaa dur ture kan hambisu waan ta’eef jijjiirama guddaa ta’uu kaasaniiru.

Itoophiyaan akka sirnoonni darban jedhan osoo hintaane biyya saboonniifi sablammiileen hedduu garaagarummaa afaan, aadaa, amantaan waldanda’anii keessa jiraatanidha malee biyya olaantummaa saba tokkoo, afaan tokkoo, amantaa tokkoo miti.

Sirni federaalizimii sabdaneessaa cimaa deemuu qaba jedhanii, mootummaanis hojii gama kanaan sagaleen sabootaafi sablammootaa akka dhagahamuuf marii biyyaalessaa jalqabsiisuunsaa kan nama jajjabeessu ta’uu ibsaniiru.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataafi Gorsaan Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa Obbo Mahaammad Ahmad Qophee gamasaaniin mariin biyyaalessaa yeroo jalqabaatiif gaggeeffamuunsaa rakkoolee hawaasa walitti buusan gama siyaasaan, seenaan walqabatan adda baasuun nageenyi waaraa akka mirkanaa’u kan taasisuudha jedhan.

Bu’uurama kanaan waltajjiin marii qophaa’ee ummanni bilisummaan yaadasaa ibsachuun rakkoo jiru baasee akka dubbatuuf mariin bilisummaan gaggeeffamuunsaa kan nama jajjabeessu ta’uus ibsaniiru.

Kutaaleen hawaasaa gara garaa keessaa babbahan akka biyyaattis akka Oromoottis hudhaalee ijoo ta’an gama seenaan adda baasuun ilaafi ilaameen furuuf tattaaffiin mootummaa jijjiiramaa kana keessa taasifamuunsaa seenaa addaa ta’uus himu.

Itoophiyaan hamma biyya sabaafi sablammii taatetti bulchiinsi sirna federaalizimii hunda walqixxeessu jabaachuu akka qabu, kanamalees heerri mootummaas ciramee kan badu osoo hintaane bakka barbaachisaa ta’etti fooyyessaa deemuun Itoophiyaa hunda hammattu ijaaruun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You