Oromiyaatti sochiin ispoortii atileetiksii maalirra jira?
Biyyi keenya, Itoophiyaan addunyaarratti akka beekamtu kanneen taasisan keessaa tokko dorgommii atileetiksiiti.
Dur atileetiksiidhaan Itoophiyaa kan beeksisan dhiiraan Kumaalaa Baashaa Waamii Birraatuu, Irreessaa Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Mahaammad Kadiriifi Isheetuu Turaa yoo ta’an, warri isaan dhaalan Fiixaa Baay’isaa, Hayilee Gabrasillaasee, Gazzaahaanyi Abarraa, Tasfaayee Tolaa, Qananiisaa Baqqalaafi Silashii Sihin, har’a ammoo Taammiraat Tolaafaan urjiiwwan biyyaati.
Dubartootaan gootota olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Daraartuu Tulluu, Geexee Waamii, Faaxumaa Roobaa, Masarat Daffaar, Ijoollee Dibaabaa (Ijigaayyoo, Xirunashiifi Ganzabee), Tikii Galaanaafaan dirriiwwan irratti hirmaatan maratti alaabaan Itoophiyaa olka’ee akka tallisu taasisaniiru.
Atileetonni waltajiiwwan addunyaa adda addaarratti maqaa Itoophiyaa waamsisan kunneeniifi kaan garri caalu Naannoo Oromiyaarraa burqan. Burqaan kun akka ittifufuufi hingogneef maaltu hojjetamaa jira jechun Gaazexaan Bariisaa torbee darbe ittigaafatamaa Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa, Inistiraaktara Addunyaa Shimallis Daawwit waliin gaafii deebii ittaanu taasiseeraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Damee ispoortii atileetiksii kana keessa waggoota hammamiif turtan Inistiraaktar? Dubduubee barnootaa keessanis otoo nuu ibsitanii?
Shimallis: Daa’imumaa koorraa kaasee ispoortii atileetiksii keessan ture, ammas keessuman jira. Ergan yuunivarsitiidhaa bahee akka carraa ta’ee leenjiiwwan murteessummaafi leenjisummaa keessan gale. Atileetiksiitti dabalee yeroon barataa yuunivarsitii ture tapha kubbaa miilaarrattis hirmaadheera.
Kan baradhes saayinsii ispoortii waan ta’eef damicha keessa bubbuleera. Ergan hojiitti galee bara 2000 irraa kaasees hojiidhuma atileetiksiin hojjechaa jira.
Bariisaa: Tolee. Akka nama damee kana keessa tureetti hanqina damee atileetiksii keessatti muldhatu akkamiin ibsitu mee?
Shimallis: Duraan dursee atileetiksiin waliigalaan ummata Oromoo wajjin akkamitti walqabata kan jedhu kaasuun barbaada. Atileetiksiin ummata Oromootiif enyummaadha.
Gaafan kana jedhu baroota darbanitti atileetonni gootonni keenya Oromiyaa beeksisuurra darbanii Itoophiyaan addunyaarratti akka beekamtu taasisaniiru. Kanaafis Irreessaa Abbabaa Biqilaa dabalatee atileetota heddu kaasuu dandeenya.
Kanaaf atileetota harka 99.9 ta’an Olompikiirratti, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaarratti atileetuma ummata Oromoo keessaa bahantu alaabaa biyyasaanii tallisiisaa ture, ammas jiru.
Ta’us waggoota muraasaa as haalli kun hanga tokko qabbanaa’eera. Sababiin kanaa maali jedhee akka qorataa, ogeessa muuxannoo idiladdunyaa qabuufi jaalataa ispoortii atileetiksii tokkootti ilaalaan ture.
Gaafa kana ilaallu dhugaa dubbachuuf hanqinni guddaan sagantaa leenjii dargaggootaa sadarkaa naannootti qabnu qixa barbaadameen “Tallent Area” jennee adda baasnee kennuu dhabuu, oggeesi beekumsa qabu, oggeesi saayinsiidhaan leenjisu ilaalanii kennu dhabuun, hordoffii deeggarsa walirraa hincinne taasisuu dhabuu, akkasumas dafqa leenjistootaa, hidhannoon leenjitootaa yeroo jedhametti qulqullinasaa eeggatee dhaqqabuu dhabuusaatiin atileetiksiin keenya bakkasaatii mucucaateera. Kana sirreessinee qabxii gaarii fiduuf ammoo qajeelfama pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa kennaniin karoora baafannee hojiitti seenneerra.
Kana malees akkuman kaase iddoon itti mucucaanne eessa kan jedhu ilaaluun, keessumaa kutaa leenjistoota guddattootaa, hidhannoo, dhimmoota dafqa leenjistootaafi filannoo atileetotaatiin walqabatanirratti sirnaan gaggeeffamaa akka hinturre addaan baafneerra. Wantota hedduus riiformii gooneerra.
Bariisaa: Qabxiin atileetiksii akkuma biyyaattuu gadibu’aa dhufeera. Kana sirreessuuf keessumaa akka Oromiyaatti maaltu hojjetamaa jira?
Shimallis: Qabxiin gadibu’uun dhugaadha. Keessattuu qabxii Olompikii bara darbee keessatti nutis of ilaallee kana jijjiiruun dirqama keenya jennee fudhanneerra. Rakkoonsaa maali kan jedhu xiinxaluudhaan hoggansi kutannoodhaan sagantaa leenjii guddattootaa facaatiirraa kaasee godinaalee bulchiinsa magaalaaf kennamee sirreessuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira.
Facaatii sirreessuu qofa osoo hintaane sagantaa leenjii guddattootaa 34 akka naannootti qabnu deeggaruudhaan baay’ina sagantichaas gara 60tti guddisuun, kan nama dhunfaas jaha itti dabaluudhaan manneen marii aanaafi magaalaa 46, kanneen federeaalaan deeggaraman saddeetti, walumaagala sagantaa leenjii guddattootaa 120 qabaannee iddoo kennaa adda baasnee hojjechaa jirra.
Gara filannootti deemuun dura leenjistoota sadarkaa aanaatii kaasee hanga godinaalee jiran magaalaa Bishooftuutti waamuudhaan humna raawwachiisummaa leenjii saayinsummaa ta’e kennuudhaan atileetiksii keenyas, ispoortiiwwan garagaraa akka naannootti laafaa jiru kana fooyyessuuf yaadamee ulaagaa bahe sanaan filannoon akka gaggeeffamu ta’e.
Kallattiidhaan barana sagantaa leenjii guddattootaa 120 atileetota kuma sadii ol kan ta’aniif leenjii saayinsaawaa akka argatan taasifameera jechuudha.
Bariisaa: Atileetiksiin Ummata keenya biratti fudhatama olaanaa qaba. Hanqinnisaa garuu furmaata argataa hinjiru. Akka Oromiyaatti maaltu yaadame?
Shimallis: Ummata keenyaaf atileetiksiin eenyummaasaati. Eenyummaarra darbee duudhaasaati. Qabxii atileetiksii keenya bakka duriitti deebisuuf hojiin sagantaa leenjii guddattootaarratti hojjetame bareeda. Hojjii boonsaan hojjetame atileetota abdii egeree, alaabaa biyya keenyaa addunyaarratti mirmirsuu danda’an waggoota sadii/afur booddee guddisuuf karoorfannee tattaafachaa jirra. Akkasumas deeggarsi hidhannoo ispoortii akka sirratu, maallaqni leenjistootaaf akka dabalamu taasifamee hojiin kun edda eegalamee ji’oonni darbaniiru.
Riiformii Shaggariin walqabatee kilabni tokko akka magaalaatti hundaa’eera. Hundaa’uunsaa gaariidha. Biraandii Shaggar qabsiisanii kilaba atileetiksii tokko hundeessuun waan gaariidha. Ta’us kilaboonni maqaansaanii eerame moggaafama maqaasaanii ammoo kilaba kutaa magaalaa Gafarsa Gujee, kilaba atileetiksii Mana Abbichuu, kutaa magaalaa Koyyee Faccee, kutaa magaalaa Galaan Guddaa, kutaa magaalaa Lagaxaafoo jedhaman kun xiqqoo laafeera.
Sababiinsaas deeggarsi kan taasifamu kutaa magaalaa Shaggarirraa waan ta’eef magaalichi ammoo erga magaalicha riifoormii godhee Biiroon, yookiin caasaan magaalaa Shaggar kun kallattumaan kilaboota kana hordofuu, deeggaruu, keessattuu mindaan isaanii akka wal irraa hin cinne gochurratti rakkoon uumameera jechuudha.
Kana bu’uura gochuun atileetota Gafarsaa Gujee mindaa ji’a sadii, ji’a lamaa warra hinkaffalaminiif hubannee barana haala haaraan riiformii goonee akka bu’aa ittifiduu danda’an ijaaruufi gurmaa’inasaanii cimsuurratti hojjechaa jirra.
Kilaba Sulultaas hoggansa kutaa magaalichaa wajjin haasofnee kaampiisaanii, nyaataafi bishaansaanii, bakka itti shaakalan, hidhannoo ispoortii, mindaa leenjistootaafi atileetotaatiin walqabatee rakkoo ta’uu erga waliigalee booda yeroo gabaabaa keessatti furmaanni kennameera.
Gara biraatiin kilaboota kanneen irra naannofnee hojii keenya hojjechuuf rakkoowwan hin hiikamne kallattumaan magaalaa Shaggar wajjin kana furuuf, yoo kana ta’uu baate ammoo hanga Kantiibaatti dhimmi kun ka’ee kilaboonni kunniin akka kilabaa ta’anii ittifufaniifi leenjii saayinsaawaa argatan naannoo keenya bira darbanii hanga biyya keenyaatti bu’aa gaarii argamsiisan hojii guddaa hojechaa jira jechuudha.
Qajeelfama ittiin bulmaataa kilaboota atileetiksii ilaalchisees kan bara 2002 ba’etu hanga ammaatti jira. Qajeelfamichi hanqina guddaa waan qabuuf yaa’ii waliigalaa 3ffaa Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa dhiyaate irratti mari’atameera. Qajeelfamni haaraan kilaboonni ittiin hogganamanis yaa’ichaan ragga’ee mirkanaa’ee gadi bu’eera.
Qajeelfamichi kilaboota keenya baraaruuf, bakka duriitti deebisuufi atileetota qulqullinaafi dandeettii qaban horachuuf ga’ee oolaanaa kan qabuudha. Hojjiirra oolmaasaas hordofaa jirra.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017