Finfinnee: Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa yaa’ii idilee 28ffaa har’aafi boru Hoteela Iskaay Laayititti gaggeeffama.
Yaa’ii kanarratti gabaasni hojiilee federeeshinichi waggoottan darban keessa hojjete Miseensoota Mana Maree Federeeshinichaaf dhihaatee maariin akka irratti taasifamu federeeshinichi ibseera.
Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, yaa’ii kanarratti miseensonni mana maree federeeshinichaa, waldaalee ispoortii, bakka bu’oonni federeeshinoota naannoleefi dhaabileen ispoortii addaddaa ni hirmaatu.
Yaa’iicharratti gabaasni faayinaansiifi odiitii federeeshinichaas kan dhihaatu yoo ta’u, bajatni bara 2017 federeeshinichaas kan ragga’u ta’uu ibsu.
Kana malees sochiiwwan ispoortii atileetiksii waggoottan darban biyya keessafi biyyoota alaatti taasifaman, Taphawwan Olompikiifi Shaampiyoonaawwan Atileetiksii Addunyaafi Afrikaarratti gabaasni dhihaatee irratti akka mari’atamu kaasanii, yaadawwan ka’anis akka galteetti fudhachuun federeshinicha cimsuuf kan hojjetamu ta’uu dubbatu.
Akkasumas, walitti dhufeenya federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi federeeshinoota atileetiksii naannoo, waldaalee ispoortii atileetiksii biyya keessaafi biyyooleessaa, kan kilaboota biyya keessaa maal akka ture irratti mariin akka taasifamus ibsaniiru.
Itoophiyaan waggoottan dorgommii darban keessatti biyya keessaafi biyyoota addaddaatti hirmaannaa taasisteen atileetiksiin biyyattii eessa jira kan jedhurrattis yaadonni hedduun ni ka’u jedhamee akka eegamu ibsu.
Karaa biraatiin filannoon pirezdaantummaafi koree raawwachiftuu hojii waggoottan arfan dhufaniif Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa gaggeessanii akka taasifamus ibsaniiru.
Filannoo kanaafis naannoleen maqaa bakka bu’oota isaanii dursanii federeeshinichaaf kan ergan yoo ta’u, calallii taasifameen kanneen itti amanamanis filannoo kanaaf dhihaataniiru.
Haaluma kanaan filannoo pirezdaantummaafi koree raawwachiftuu hojii federeeshinichaaf naannoo Affaarirraa kan hafe Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee naannooleen hundinuu bakka bu’ootasaanii dhiheessuusaanii ibsu.
Naannooleefi bulchiisonni kunneen wayita bakka bu’ootasaanii dursanii sadarkaa waajjirasaaniitti filatan enyuutu guddina ispoortii atileetiksii kanaaf ergamasaa bahaa kan jedhurratti qaamoolee adda addaatiin waliin bal’inaan irratti mari’achuun sadarkaa barumsasaanii, dandeettiifi muuxannoosaanii madaaluun akka ergamanis obbo Yohaannis ibsaniiru.
Haaluma kanaan yaa’iin amma gaggeeffamu kunis eenyuutuu Federeeshini Atileetiksii Itoophiyaa kan waggoota darbaniif jeeqamaa ture bakka duriitti deebisa isa jedhu sirriitti ilaaluun nama biyyaafi ummata isaaf quuqamuufi deeggaruu danda’u filachuu qabu jedhaniiru.
Asirratti wanti dagatamuu hinqabne miidiyaan biyyattii akkuma kanaan dura guddinaafi cimina ispoortii atileetiksiif quuqamaa turan filannoo ammaa kanas duukaa bu’uun ummanni akka beeku gochuun isaan irraa eegama jedhaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017