Finfinnee: Waliigalteen Ankaaraatti Itoophiyaafi Somaaliyaan waliimallatteessan kan Itoophiyaafi biyyoota gaanfa Afrikaa biroo fayyadu ta’uu paartiileen siyaasaa morkattootaa ibsan.
Paartiileen kunneen ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaaf dhimmi ulaa galaanaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef ulaa galaanaa akkaataa itti argachuu dandeessurratti lammiin biyyattii hunduu tumsuu qaba.
Paartiin Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoo waliigalticha ilaalchisee akka jedhetti, Itoophiyaa ummata miliyoona 120 qabduu mitii, maatiin tokkoyyuu yoo balballi itti cufame daran waan rakkatuuf ulaa ittiin ba’ee galu argachuuf ni iyyata.
Pirezidaantiin paartichaa Abbaan Bokkuu Roobalee Taaddasaa akka jedhanitti, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka qabdu paartiinsaanii cimsee barbaada, ummatni bal’aan Itoophiyaafi tumsitootni Itoophiyaa hundis ni barbaadu. Haa ta’u malee, sirni mootummaa jijjiiramaa dura ture keessatti dhimma ulaa galaanaa kaasuun hindanda’amu ture. Mootummaan jijjiiramaa kun garuu dhimma kana ajandaa godhee kaasuusaatiif ummata biyyattii biraa galata guddaa qaba.
Dhimmicha milkeessuuf mootummaan Itoophiyaa Somaalee Laandi, biyya waggoota 30f ofiin of bulchaa turte waliin hojjechuunsaas ta’e, Somaaliyaa wajjin walii mallateessuun faayidaa malee miidhaa hinqabu jedhanii; ergama nageenya Gamtaa Afrikaa milkeessuuf aarsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaffalaa ture waliigalticharratti Somaaliyaan beekkamtii kennuunshees waan daran nama gammachiisu ta’uu eeraniiru.
Barbaachisummaan ulaa galaanaa Itoophiyaaf waan walnama gaafachiisuu miti jedhanii; mootummmaan Itoophiyaa amma aangoorra jiru yoo milkeessuu dadhabeefi paartiinsaanii biyya bulchuuf ummataan filatamee yoo aangoo argate dhimmicha milkeessuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Dura Taa’aan duraanii Paartii Kongirasii Tokkummaa Biyyaalessaa Obbo Garasuu Gasaa gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan Somaaleelaandii wajjin waliigaltee mallatteessuunshee Somaaliyaan akka mufatu taasisee ture. Kanarraa kan ka’e Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa biyyashee gadhiisee akka ba’uuf yaaliiwwan tokko tokko taasifamaa turan.
Ta’us waliigalticha booda Somaaliyaan dhimmicha irra deebiidhaan ilaaluuf murteessuu dandeesseerti. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Somaaliyaatti shororkeessaa Alshabaab waraanuudhaan nageenya Somaaliyaas ta’e kan biyyoota Afrikaa Bahaa kaanii mirkaneessuu keessatti gahee leencaa taphachaa jira jedhanii, waliigaltichi hojii nageenyaa mirkaneessuu akka jajjabeessu ibsaniiru.
Dhimmi hariiroo walitti hidhamiinsa dinagdees waliigalticha keessatti kan ibsame ta’uu yaadachiisanii; biyyootni lamaan ummata aadaafi afaaniin walfakkaatan qaban waan ta’aniif karaa salphaadhaan daldala bu’aqabeessa adeemsisuu danda’u jedhaniiru.
Waliigalteen bu’aa damdaneessa fiduu danda’a jedhamee eegamu kun si’aayinaan hojiitti hiikamuu akka qabus Obbo Garasuun dhaamsasaanii dabarsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017