Waliigalteen Ankaaraa gaaffii ulaa galaanaa deebisuun dinagdee biyyaa cimsa

Finfinnee: Tibba darbe mootummaa Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti waliigalteen Ankaaraa mallatteeffamuun ni yaadatama. Waliigalteen kun akka mallattaa’uufis shoora olaanaa kan taphatan Pirezdaantii Tarkiyyee Xaayib Erdogaan yoo ta’an, waliigaltichi hariiroo siyaas dinagdeefi hawaasummaa qaamolee lamaanii kan cimsuudha.

Waliigaltichaan boodas  Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) akka jedhanitti, ummanni Itoophiyaafi Somaaliyaa afaan, aadaafi dhiigaan kan walitti hidhaman ta’uusaaniitiin Itoophiyaan nagaafi misooma waloorratti Somaaliyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdi. Tattaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaa karaa nagaatiin argachuuf taasiftus ida’amuu hawaas- dinagdee naannawichaaf gahee olaanaa qaba; fayyadamummaa waloos akka mirkaneessu eeran.

Bu’uuruma kanaan Itoophiyaan ulaa galaanaa yoo argatte faayidaan gama dinagdeetiin qabu olaanaa ta’uu Gaazexaa Bariisaaf kan ibsan ammoo Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataatti Qorataa Dinagdee Doktar Biraanuu Alamuuti. Itoophiyaan osoo lakkoofsa ummataa olaanaafi lafa bal’aa qabduu biyyoota Afrikaa ulaa galaanaa hinqabne muraasa keessaa ishee tokko ta’uus himu.

Ulaan galaanaa karra omisha alaa itti galchaniifi alatti baasaniin waan ta’eef ulaa galaanaa dhabuun dinagdee biyya tokkoorratti dhiibbaa olaanaa akka uumu himanii, kunis sharafa alaa olaanaadhaan akka kireeffattuuf waan dirqamsiisuuf biyya baasii olaanaaf akka saaxilu ibsu. Baasii olaanaa Itoophiyaan baastu keessaa kan ulaa galaanaaf kanfalamu guddaa ta’uufi kunis dinagdee biyyattii daran miidhaa jiraachuu eeru.

Mootummaanis kana hubachuun ejjennoo, biyyi ummata bal’aa qabdu tun ulaa galaanaa qabaachuu qabdi jedhuun carraaqqiiwwan addaddaa karaa nagaqabeessaan biyyoota ollaa wajjin taasisaa turuu yaadachiisanii, waliigalteen Ankaaraas bu’aadhuma kanaa ta’uufi, ulaan galaanaa karaa nagaatiin akka argamuuf  kan taasisu waan ta’eef faayidaan gama dinagdeetiin qabu olaanaa ta’uu himu.

Akka ibsa qoratichaatti waliigalteen ulaa galaanaa fayyadamuuf dandeessisu mallattaa’uun baasii kiraa olaanaa biyyattiin baastu ni hambisa. Omishawwan addaddaa gara biyyaatti galchuuf sharafni biyyoota biroof kanfaltu deebi’ee misooma qonnaa, indastirii, maanufaakchariingiifi bu’uuraalee misoomaa biyyaaf ooluu danda’a. Kana malees alergii biyyaatiif haala mijataa uumuun Itoophiyaan galii dabalataa akka argatu taasisa.

“Akkasumas, omishaaleen kana dura yommuu gabaaf dhihaatan gatiin omishaa, fe’umsaa, geejjiba, ulaa galaanaafi baasiiwwan addaddaa dabalatee waan dhufuuf gatiin qaala’ee, nama dhuunfaa bira gaafa ga’u gatiin dabalamee gurgurama. Kana jechuun baasii meeshaalee alaa galan daran guddisa. Dhiibbaansaas dinagdee biyyattiifi ummatarratti fe’ama jechuudha” jedhu.

Gaafa ulaan galaanaa argame gaaffiileen kanneen hundi akka xiqqaatan eeranii, hawaasnis omishaalee gatii madaalawaan akka argatuufi qaala’iinsa gatiif (‘inflation’) akka hinsaaxilamne akka isaan taasisu himu. Dabalataanis biyyattiin daldala addunyaa keessatti si’oominaan hirmaachuun dinagdeeshee akka guddifattuuf kan fayyadu ta’uullee ni himu.

Dabalataanis daldalli si’aawaan jiraachuun biyyattiin omishawwanshee haala qulqullinnisaanii eeggameen biyyoota addunyaaf akka dhiheessituuf carraa waan banuufiif carraa invastimantii bal’aallee akka uumu ibsu.

Biyyoonni yommuu gara biyya tokkoo dhufanii invasti godhan omishasaanii gabaa addunyaaf dhiheessuu akka danda’aniif haalonni mijatoon jiraachuu kan ilaalan yoo ta’u, kana jechuun waan ulaa galaanaa wajjin walqabatuuf faayidaansaa damdaneessa ta’uu addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You