Finfinnee: Roobii darbe, Mudde 9 bara 2017 hiriirri balaaleeffannaa gochaa finxaaleyyiifi deeggarsa mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa jiru guutummaa naannichaatti adeemsifameera.
Akkuma kanaan dura ummanni Oromiyaa ejjennoo mootummaan nageenya waaressuuf qabate deeggaruufi dheebuu nageenyaaf qabu yeroowwan adda addaatti addababa’iitti ba’ee ibsachaa ture ummanni Naannoo Amaaraas baay’inaan hiriira bahee waamicha nageenyaa taasiseera, gocha finxaaleyyii daran balaaleffateera, warra alaala taa’anii doorsisaafi summii facaasaa turanis qaanesseera.
Qondaaltonni mootummaa federaalaafi naannichaas kanuma ilaalchisuun ergaawwan adda addaa kan dabarsan yoo ta’u, Ministirri Muummee Ittaanaan RFDI Obbo Tamasgeen Xurunaa, “Ummanni godinaalee, aanaaleefi magaalota Naannoo Amaaraa dhaadannoo “Nageenyi hundaaf, hundi nageenyaaf’ jedhuun hiriira gaggeessuun murannoo nageenyaaf qaban agarsiisuusaaniif nan galateeffadha.
Ummanni waamicha nageenya mootummaan irra deddeebiin dhiyeessu deeggaruun sochii finxaaleyyii balaaleffachuun humnoonni hidhannoon socho’an gara waltajjii nagaatti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru. Naannoo Amaaraa giddugala nageenyaafi misoomaa taasisuuf yeroo hunda waardiyyaa nageenyaa ta’uu qabna.
Bu’aan walitti bu’iinsarraa argamu waan hinjirreef humnoonni hidhannoon naannicha keessa socho’an gara waltajjii nageenyaatti akka dhufan waamichan taasisa” jedhan.
Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Ittigaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Dimokraasii Obbo Adam Faaraahis, “Ummanni naannichaa dhaadannoowwan, ‘Lammiilee nagaa ajjeesuun Amaaraa bilisoomsuun hinda’amu, nageenya naannoo keenyaaf waardiyyaa ta’uu qabna, waraanniifi walittibu’iinsi’ dhaabbachuu qaba’ jedhu dhageessiseera.
Naannichatti nageenyi akka waara’u, olaantummaan seeraa akka kabajamu, finxaaleyyiin lammiilee nagaa ajjeesan seeratti akka dhiyaataniifi waamicha nageenyaa mootummaan irra deddeebiin taasisu fudhatama akka argatu ummanni gaafateera. Yeroo ittaanu naannoo Amaaraatti ummata hirmaachisuun nageenya waaressuuf tattaaffii cimaan ni taasiifama” jedhan.
Ummanni naannichaa ajjeechaan finxaaleyyiiwwan lammiilee nagaarratti raawwataa jiran akka dhaabatuufi mootummaan nageenya lammiilee tiksuu gaafateera. Hiriirichi fedhiin ummataafi mootummaan tokko ta’uu kan agarsiisudha kan jedhan ammoo Ministira Tajaajila Kominikeeshinii RFDI Doktar Laggasaa Tulluuti.
Nageenya waaressuu, qaamolee hidhannoon socho’aniif karra mootummaa mariif banaa taasisuu, misooma ittifufsiisuufi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun fedhii mootummaafi ummataati. Mootummaan hojii nageenya waaressuu, olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya lammiilee tiksuu eegale cimsee ittifufa jedhan.
Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaas, naannicha bakkeewwan hundatti hiriirri deeggarsa nagaa gaggeeffamuu dubbatanii, hiriirichi walitti bu’iinsi nu gaha, kan nu barbaachisu nageenya ergaa jedhu kan ofkeessaa qabu ta’uu ibsaniiru.
Hiriirri taasifame ummanni keenya nageenya akka barbaadu kan agarsiisudha jedhanii; akka hiriirichi hingaggeeffamneef doorsisniifi shororkaan taasifame fashalaa’uu himaniiru. Hiriirri kun humni gaaffii qaba jedhu hundi rakkoo mariin furuu akka qabuuf kan kakaasu ta’uus eeraniiru. “Ummanni gama keenya jira, mootummaa humnaan ni buqqisna” jechuun yaadaa kan turan kaayyoonsaanii fashalaa’uus kaasaniiru.
Hiriirri kun akka mootummaatti hiika addaa qaba kan jedhan pirezidaantichi, ummanni fuulduratti bahee deeggarsasaa agarsiisuun tattaaffii mootummaan nagaa buusuuf taasisaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru. Ummanni mootummaa qofa osoo hintaane nagaa deeggareera jedhan.
“Ummata keenyaan baay’ee boonneerra, galata guddaa qabnaaf. Caasaalee nageenyaa ummanni nagaan bahee akka galuuf tumsanis nan galateeffadha” jedhan.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017