Itoophiyaan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 38ffaa baranaaf qophii barbaachisu xumuraa jirti

Finfinnee: Itoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaafi walga’ii koree hojraawwachiiftuu 46ffaan  Guraandhala 5-9 bara 2017tti Finfinneetti adeemsifamuuf qophiin barbaachisu xumuramaa jiraachuu himu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Miseensi Koree Dhaabbii Dhimma Hariiroo Alaafi Nageenyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa keessummeessuufi keessummootashee haala gaariin simachuudhaan muuxannoo baroota dheeraa qabdi. Biyyattiin Yaa’ii Gamtaa Afrikaa baranaa haala kan duraaniirra caaluun keessummeessuuf qophii barbaachisu hunda xumurteetti. Keessummoota yaa’ichaa haala gaariin simachuu, bakka isaan qubatan mijeessuufi iddoowwan hawwata turizimii isaan daawwatan mijeessuu dabalatee  qophii gahaan taasifamuu himaniiru.

Hojiin misoomni koriidarii Magaalaa Finfinneetti hojjetames miidhaginniifi magariisummaan magaalattii daran Yaa’ii Gamtaa Afrikaa baranaaf haala gaariin qophaa’uushee kan agarsiisu ta’uu himanii, hojiin misoomaa kun haala gaarii biyyattii caalaatti kan beeksisuu akkasumas invastimantiifi turizimiin biyyattii akka dabalu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa baranaa mataduree “Maatiiwwaniifi lammiileen Afrikaa miidhaman murtii haqaa argachuu qabu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu himanii, ajandaan marichaas tokkummaa, nageenya,  tasgabbiifi  guddina dinagdee Afrikaarratti xiyyeeffachuun marii bal’aan kan adeemsifamu ta’uus eeraniiru.

Yaa’ichi sirni dimokraasii Afrikaa keessatti akka cimuufi bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’uufi dhaga’amummaan Afrikaa akka dabalu taasisuurrattis kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa baranaa ilaachisuun leenjii tola ooltotaa maqaa gaarii biyyattii akka beeksisaniifi aadaa keessummoota simachuu keenya ittifufiisuuf gargaaru Giddugala Leenjii Hoggansa Afrikaatti kennameera.

Ministir De’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo haasaa baniisaa leenjicharratti taasisaniin akka jedhanitti, leenjichi faayidaa ijaarsa maqaa gaarii biyya keenyaa guddisuufi hariiroo biyya alaafi Paan Afrikaa milkeessuu keessattis gahee olaanaa qaba.  Leenji leenjitoonni hojiilee riifoormii biyyi keenya gama siyaasaafi dinagdeen hojjechaa jirtu hubatanii akka hubachiisan taasisuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You