Finfinnee: Ilmaan Oromoo qe’eefi bosona jiran gidduutti nagaan bu’ee qilleensi nagaafi tasgabbii dachee Oromiyaa akka dhuunfatuuf tattaaffiin ummatni Oromoo sadarkaan jiru taasiseefi taasisaa jiru daran olaanaadha. Tattaaffiin kun hanga tokko ija godhatee mootummaafi qondaaltonni WBO waliigalteerra ga’uu danda’aniiru.
Gaaffiilee, akkamiin waliigalteerra ga’uun akka danda’ame? Waliigaltee kana kan kanaan duraarraa maaaltu adda taasisa? Garri tokko galee gar tokko bosonatti hafee nageenyi Oromiyaa waara’uu danda’aa? jedhanirratti miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Gorsaan Pirezidaantii Mootummaa Naannnoo Oromiyaa Birgaader Jeneraal Hayiluu Gonfaa Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf ibsa kennaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Oromoo gidduutti waldhabbiin jiru karaa nagaan akka furamuuf waliin dubbiin Eertiraatti eegalame osoo adda hincitin biyya keessattis namoota garagaraafi sadarkaalee adda addaatti adeemsifamaa tureera. Waliigaltee tibba darbe mootummaafi qondaaltota olaanaa WBO waliin taasifames taatee halkan tokkoo yookiin baatii muraasaa osoo hintaane firii dhamaatii yeroo dheeraati. Kun ammoo dachee Oromiyaa nagaa dheebotteefi ummata Oromoo qe’eesaarratti goolameef misiraachoo guddaa ta’uu hubachiisaniiru.
Waliigaltee kana maaltu adda taasisa?
Wanti waliigaltee kana adda taasisu faddaaaltonni siyaasaa maqaa nagaa buusuutiin asii achi fakkaachuun summii diinummaa facaasan keessa hinturree jedhanii; qaamota murteessoo lameen fuulaa fuulatti biyya abbaasaaniitti dachee gaaddisaafi gaarren Oromiyaa jalatti waliin mari’atan. Araarsitoonni ammoo osoo alagaa hintaane abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi maanguddoota Oromooti. Hundaa ol, ummatni Oromoo darara hamaa keessummeessaa jiru imimmaan buusaa araarsituu ta’ee dhiyaateera.
Kana malees, waliigalteen kun cimina waliigalteewwan kanaan dura turanii fudhachuun qaawwawwan turan ammoo duuchuurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeranii; karaa miirarraa bilisa ta’eefi bilchina qabuun sanadaan deggaramee kan taasifameefi qajeeltoo nageenya waaressuurratti kan bu’ureeffame ta’uu hubachiisaniiru. Waliigalatti, nageenya ofii waloon tikfachuuf dirqama ba’achuurraa kan hafe waliigaltee kana ilaalchisee akka kana duraa qaawwi ibsamu akka hinjirres dubbataniiru.
Bu’aa ce’iin gara araaraatti dhufuu keessa ture akkamiin ibsama?
Ummatni Oromoo qe’eesaa goolame tasgabbeessuuf ifaaja nagaa buusuurraa daqiiqaa tokkoofuu boodatti jedhee hinbeeku jedhanii; haala qabatamaa amma jiruun waliin mariirra kan darbe ilmaan haadha takkaa jidduutti wanti diinummaatti geessuufi qawwee nama kaasisu akka hinjirre ibsaniiru. Ta’us nageenya buusuun gootummaan adda waraanaatti rasaasa tokkoon wareegamuu caalaa ulfaataa ta’uu imala araara buusuu kana keessatti hubachuusaanii eeraniiru.
Yoo faddaaltota siyaasaa ta’e malee Oromoon bosona jiru Oromoo mootummaa keessa jiru akkasumas Oromoon mootummaa keessa jiru isa bosona jiru ajjeesee geeraruutti ummatni Oromoo gammadu hinjiru jedhanii; kanaaf mootummaan akkuma nageenya buusuuf daandii dheeraa imale ijoolleen bosona jiranis waamicha mootummaafi ummataa fudhatanii gara nagaatti dhufuun gammachuu guddaafi wal dhageetti Oromoo kan calaqqisiise ta’uu yaadachiisaniiru.
Gartokkoon galee gartokkoon hafee nageenyi waara’uu danda’aa?
Akka isaan jedhanitti, waliigalteen nageenyaa amma taasifame kun waan kaleessaa, har’aafi waan dhaloota boriiti. Ummatni Oromoo ilmaansaa bosona jiraniif irra deddeebiin waamicha taasiseera. Karri nageenyaaf banaa waan ta’eef kana booda waamichi addatti taasifamu hinjiru. Dafanii deebii kennuufi kennuun dhawaataan deebii kan argatu ta’a.
Ijoolleen bosonaa deebi’an kunneen akka Oromoo tokkootti qe’eesaaniirratti waan fedhan dalaganii akka jiraataniif haalli fedhiisaaniirratti hundaa’e ni mijataafis jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017