Hojiin misooma koriidarii Harar hawwattummaan magaalattii akka dabalu taasiseera

Finfinnee: Misoomni koriidarii Nuur Pilaazaafi naannawaansaa xumuramuu Mootummaa Naannoo Hararii beksise.

Pirezidaantii Ittaantuufi Hoggantuu Biiroo Qonnaa naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka ibsanitti, misoomi koriidarii Nuur Pilaazaafi naannaawaasaa %100 xumuraeera. Misooma koriidariin walqabatee hojiin daandii asphaalii gurguddaa magaalaa keessaa %48 irra ga’eera. Hojiin misooma koriidarii baadiyyaas kallattii taa’een hojiirra oolaa jira.

Misoomni koriidarii umuriifi seenaa magaalaa Hararii madaalu bakka sadiitti qooduun adeemsifamaa jiraachuu himanii, isaanis misooma koriidarii Jogol, naannawaa Jogoliifi daandiiwwan aspaaltii magaalattii keessatti argaman hordofee geggeeffamaa jira.

Akka ibsasaaniitti, Harar magaalaa Dhaabbata Muutummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaa Barnoota, Saayinsiifi Aadaatti hambaa taatee galmoofte waan ta’eef misoomni koriidarii duudhaafi seenaa magaalattii eeggate keessoo Jogolitti hojjetameera. Misooma koriidarii Jogoliifi naannawasaatti Nuur Pilaazaa, daandiiwwaan aspaaltii guguddoofi magariisummaa dabalatee hojii hojjetameen jireenyaafi hawwata tuurizimiif daran akka mijattu taasiseera.

Hojiin misooma koriidarii Magaalaa Harar keessatti raawwatameefi raawwatamaa jiru magaalattiin jireenyaafi turizimiif daran akka mijattu taasisaa jiraachuu himanii, misoomni koriidarii hawaasa biratti duraan ija shakkiin ilaalamaa tures yeroo ammaa hawaasa biratti fudhatamummaa guddaa argateera. Namoonni manni isaanii daangaa misoomichaa keessa ooles beenyaa malee diiguun tumsa guddaa taasisaa jiraachuus himaniiru.

Misooma koriidariin walqabatee magariisummaa bal’inaan hojiirra oolaa jiru kunis qulqullina magaalattii mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu himanii, hojiin misooma koriidarii kun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumeera. Hojiin misooma koriidarii aadaa hojii yeroo gabaabaa hojjechuun yeroo dheeraa taa’uu jijjiiruun pirojektoota yeroo qabameef keessatti xumuruun akka danda’amu muuxannoon kan irraa horatame ta’uus eeraniiru.

Milkaa’inni koriidarii Magaalaa Finfineetti eegale gara magaalota naannoleetti babal’achuun jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu himanii, kutannoo hoggansaafi ministira mummeetiin pirojektiin misooma koriidarii beekamtii argachuun miira waldorgommii magaalota gidduutti uumuun milkaa’aa jiraachuus himaniiru.

Inisheetiivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin dhiyeenya kana misoomni koriidarii baadiyyaas jalqabuu himanii, misoomni kun aanaalee naannichaafi magaalota waliin walitti hidhuuf hojjetamaa jira. Hojiin misooma koriidarii baadiyyaa kun aanaalee naannichaa hunda keessatti hojiirra oolaa jiraachuus eeraniiru

Mootummaan naannichaa qarshii miliyoona 70 gurgurtaa kitaaba Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahmad irraa argametti qarshii miliyoona 170 dabaluun Ikoopaarkiin agarsiisa waraabessaa ijaaruun Magaalaan Harar jireenyaafi hawwata turiizimiif daran akka mijattuufi filatamtu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphateera jedhu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You