Haalli galmeessa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa (Faayidaa) maal akka fakkaatu ilaaluuf Roobii darbe Finfinnee, Kutaa Magaalaa Araadaafi Aanaa 6 kutaadhuma magaalichaatti argamu dawwanneerra.
Dawwannaa keenyaanis galmeessi waraqaa eenyummaa kun haala gaariin adeemsifamaa jiraachuufi namoonnis bal’inaan irratti hirmaachaa jiraachuu argineerra. Dhimma kanarratti ittigaafatamtootaafi namoota galmaa’uuf dhufan dubbifneerra.
Kutaa Magaalaa Araadaatti, Ittigaafatamtuun Waajjira Tajaajila Galmeessa Siiviliifi Jiraattummaa Aadde Ababaa Shantamaa galmeessa Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa (Faayidaa) adeemsifamaa jiru ilaalchisuun gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, galmeessi waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa Onkoloolessa 1 bara 2017 irraa eegalee kutaa magaalichaafi aanaaleesaa saddeettanitti haala gaariin adeemsifamaa jira. Galmeessi waraqaa eenyummaa kun kutaa magaalaafi aanaaleetti qofa utuu hintaane waajjiraalee mootummaafi dhuunfaa kutaa magaalichaa keessa jiran akkasumas manneen jireenyaafi gabaa Sanbataafi Dilbataa dabalatee bakkeewwan ummanni bal’aan itti argamuttis adeemsifamaa jiru. Galmeessa kanaaf hojjetoonni kiitota (meeshaalee hojiif barbaachisan) qabatanii galmeessaa jiraachuus eeraniiru.
Yunivarsitiin Finfinnee kaampaasiiwwan Araat Kiiloofi Amisti Kiiloo, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen hojjettoota baay’ee qaban biroon Kutaa Magaalaa Araadaa keessa jiraachuu himanii, galmeessitoonni kiitota fudhatanii gara dhaabbilee kunneenii dhaquun galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa adeemsisaa jiru. Piyaasaa, naannawaa Araadaatti Itiyoo Telekoom waliin ta’uun dunkaanota afur dhaabanii galmeessa waraqaa eenyummaa kana adeemsisaa jiraachuus himaniiru.
Kiitota galmeessa waraqaa eenyummaa kanaaf barbaachisan dabalataan Waajjira Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaafi Itiyoo Telekoomirraa dabalataan kan argatan ta’uu himanii, hojiin galmeessa waraqaa eenyummaa kun dhaabbilee gara garaa, manneen waliin jireenyaa, tarminaalota taaksiifi bakkeewwan ummanni bal’inaan argamutti haala gaariin adeemsifamaa jiraachuufi baay’inni namoota waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa argachuuf galmaa’anii dabalaa jiraachuu himu.
Jiraattonni waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa galmaa’anii akka argataniif hojii hubannoo uumuu bal’inaan geggeessaa turuus himanii, jiraattonni tajaajiloota gara garaa argachuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa galmaa’uu akka qaban ta’eera jedhu.
Kunis baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Faayidaa argachuuf galmaa’anii daran akka dabalu taasiseera. Jiraattonni tajaajiloota waraqaa eenyummaa gandaa, sartifikeetii dhalootaa, kan hinfuuneefi hinheerumne, fuudhaafi heerumaa, walhiikuufi du’aa baafachuuf yeroo dhufan dura waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaaf akka galmaa’an taasisaa jiraachuus eeraniiru.
Namni waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa qabatee gara waajjirasaanii dhaqee tajaajiloota gara garaa (sartifikeetii dhalootaa, kan hinfuuneefi hinheerumne, fuudhaafi heerumaa, walhiikuufi du’aa) argachuu danda’a kan jedhan Aadde Ababaan, kanaan dura tajaajiloonni kunneen waraqaa eenyummaa gandaa qofaan kennamaa turan. Tajaajilli kunis baay’inni Faayidaaf galmaa’anii daran akka dabalu taasisaa jiraachuu himu.
Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad jedhan faayidaa waraqaan eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ kennu kan Hidha Laga Abbayyaarraa argamuu gadii miti. Ummanni faayidaa waraqaan eenyummaa kun qabu sirriitti hubatee akka galmaa’uuf hojiin hubannoo gabbisuu bal’inaan hojjetamaa turuufi ummannis baay’inaan galmaa’aa jiraachuu himu.
Kutaa Magaalaa Araadaatti barana namoota kuma 90 galmeessuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuus eeranii, galmeessi kun Onkoloolessa 1 bara 2017 kan jalqabamuufi hanga Roobii darbeetti namoonni kuma 67fi 295 (%75) galmaa’aniiru jedhu. Karoora waggaa qabameen daanga’uu utuu hintaane hanga namoonni galmaa’an jiranitti galmeessi kan itti fufu ta’uus eeraniiru.
Namoonni faayidaa waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa qabu akka sirriitti hubataniif sosochiifi hojiin hubannoo gabbisuu bal’inaan raawwatamaa turuu himanii, hojiin hubannoo gabbisuu kun waltajjii argameefi manneen waliin jireenyaa, manneen barnootaa, kollejootaafi yunivarsitootafi dhaabbilee gara garaa irra naanna’uun kennamaa jira jedhan. Tajaajiloonni gara garaa kennaman waraqaa eenyummaa kanaan akka walqabatan ta’uunis fedhiin ummanni waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa galmaa’uuf qabu akka dabalu taasiseera jedhu.
Galmeessa kana milkeessuuf ummanni bal’inaan gara keenya dhufaa jira; nus gara uummataa dhaqaa jirra kan jedhan Aadde Ababaan, ilaalchi duraan waraqaan eenyummaa kun faayidaa tokkoyyuu hinqabu jedhu cabuu dubbatu. Tajaajiloonni baay’eenis waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaan walqabatanii akka kennaman taasifamuus himaniiru.
Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa namni tokko eenyummaa tokko akka qabaatu kan taasisuudha. Lakkoofsi addaa Faayidaa dijitii 12 qabu nama tokkoof erga kennamee booda yoomiyyuu hinjijjiiramu. Kun namni tokko eenyummaa tokko akka qabaatu taasisuun yakkoota namni tokko maqaa geeddaratee waraqaa eenyummaa tokkoo ol baafachuun raawwatu ittisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Waraqaaleen eenyummaa gandaa, eyyama konkolaachisummaa, eyyama daldalaa, paaspoortiifi kanneen biroon waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa waliin akka walitti hidhaman taasisuun namni tokko eenyummaa tokko akka qabaatuuf hojjetamaa jira jechuu eeraniiru.
Yeroo addunyaan gara dijitaalaatti galaa jirtu kanatti nutis addunyaa waliin tarkaanfachuu qabna. Kanaafis dura qabeenyaafi humna namaa keenya ragaadhaan qabachuu qabna. Galmeessi waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa ragaa humna namaa keenya teknolojiin deeggarree ibsuuf kan gargaaruudha jedhu.
Galmeessi waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa kaffaltiirraa bilisa ta’uu himanii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa maxxansaan fudhachuun walqabatee waajjiraalee Poostaatti dabareen baay’achuun akka komiitti ka’aa waan jiruuf dhimmichi xiyyeeffannaan irratti hojjechuu barbaada jedhu.
Waraqaan eenyummaa kun hojiilee gara garaarratti mindeeffamuufis nama gargaara. Tajaajiloota argachuufis daran kan barbaachisu waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa utuu hintaane lakkoofsa addaa Faayidaa abbaa dijiitii 12 erga galmaa’anii karaa ergaa gabaabaa lakoofsa bilbilaatiin nama gahuudha. Lakkoofsa kana ammoo bilbila, waraqaafi kaardiirratti maxxansanii qabachuun nidanda’ama jedhu.
Kutaa Magaalaa Araadaa hojiilee aanaaleen saddeettan guyyuun raawwachaa oolan iskiriiniidhaan kallattiin kan hordofan ta’uus himanii, yoo rakkoon mudates duubaatti deebi’anii ilaaluun kan danda’amu ta’uufi kun ammoo rakkoo sassaabdummaa kiraafi bulchiinsa gaariin furuun tajaajilli haqaqabeessa kennuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Galmeessaa Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaafi Hojjetaa Ejensii Tajaajila Galmeessa Siiviliifi Jiraattummaa Magaalaa Finfinnee kan ta’an Obbo Barakat Ijjiguu akka jedhanitti, waajjiraaleefi bakkeewwan namoonni baay’inaan argamanitti socho’anii namoota galmeessaa jiru. Hawaasni faayidaa waraqaan eenyummaa dijitaalaa qabu hubachaafi tajaajiloonni biroonis waraqaa kana waliin akka walqabatan waan taasifameef baay’inaan galmaa’aa jira.
Waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa argachuuf yeroo tokkoo ol galmaa’uun hinbarbaachisu jedhanii, namni tokko galmaa’ee torban tokko keessatti lakkoofsi addaa abbaa dijitii 12 karaa ergaa gabaabaa bilbila harkasaa akka isa gahu dubbatu.
Lakkoofsi kun yoomiyyuu kan hinjijjiiramneefi eenyummaa nama sanaa guutummaatti ibsuuf kan gargaaru ta’uus ni eeru. Namni tokko galmaa’ee torban tokko keessatti lakkoofsi addaa abbaa dijitii 12 karaa bilbila mobaayilii harkasaa isa qaqqabuu danda’a jedhu.
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaatti, Ittigaafatamtuun Waajjira Tajaajila Galmeessa Siiviliifi jiraattummaa Aanaa 6 Aadde Yetimwarqi Admaasuu akka jedhanitti, aanichatti guyyaatti namoonni 60-350 ta’an waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa argachuuf galmaa’aa jiru.
Hojiin galmeessa waraqaa eenyummaa aanichatti Onkoloolessa 7 bara 2017 irraa eegalee adeemsifamaa jira. Hojii galmeessa waraqaa eenyummaa kana waajjiraan ala yunivarsitootaafi manneen barnootaa dabalatee dhaabbilee gara garaa bira deemuudhaan adeemsisaa jira.
Faayidaa waraqaan eenyummaa dijitaalaa qabus waltajjiiwwaniifi bakka namoonni walitti qabamanirratti hubannoo uumaa jiraachuu himanii, namoonni tajaajiloota gara garaa (waraqaa eenyummaa gandaa, tajaajila taateewwanii) argachuuf gara waajjirichaa dhufanis dura waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa akka galmaa’an taasisaa jiraachuus himaniiru.
Aanichatti barana namoota kuma 12fi 180 waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa akka galmaa’an taasisuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuufi hanga Roobii darbeetti namoota kuma torbaafi 800 (%61) galmeessuu himanii, hojii galmeessuu kana waajjiraan alas dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa bira deemuudhaan adeemsisaa jiraachuu eeraniiru.
Tajaajilli sartifikeetii dhalootaa hanga du’aatti jiru kanaan dura waraqaa eenyummaa gandaan kennamaa ture yeroo ammaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaan kennaa jiraachuu ibsanii, kun ammoo namoonni ittiyaadanii waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaaf akka galmaa’an kan taasise ta’uu himu.
Obbo Tasfaayee Bazzaa namoota waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa baafachuuf aanichatti argaman keessaa isaan tokko. Gibira kaffaluufi Baankii Awaashitti waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa waan gaafatamaniif waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaaf galmaa’uu dubbatu.
Lakkoofsa addaa abbaa dijitii 12 erga waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa galmaa’anii booda isaan gahe fayyadamuun tajaajiloota dhaabbileen gara garaa kennan argachaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa immoo kaardii waraqaa eenyummaa kana maxxansiifachuuf kaffaltii raawwatanii eeggachaa jiraachuu eeru.
Haalli galmeessi waraqaa eenyummaa ittiin adeemsifamaa jiru gaariii ta’uufi tajaajiloota gara garaa argachuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaaf galmaa’uun dirqama ta’aa waan dhufeef ummanni dafee akka galmaa’uuf dhaamaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017