Finfinnee: Waldaan Hojii Gamtaa Qalma Horii Sulultaa namoota 400 oliif carraa hojii kan uume ta’uu beeksise.
Hojigaggeessaan Waldichaa Lubni Taayyee Lataa torbee darbe ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, waldichi gama hawaasummaafi dinagdeetiin hawaasa naannawaa Sulultaa fayyadamaa taasisaa jira. Qala’iinsa jireenyaa hir’isuu keessattis shoora guddaa taphachaa jira.
Waldichi miseensota 109 kan qabu ta’uu himanii, yeroo ammaa istaandaardii Addunyaatiin hojii qalmaa raawwachuun Finfinneefi naannawaasheetiif raabsaa jira jedhaniiru. Guyyaatti horii gaafaa 1100 qaluuf humna qaba, foon Kiristaanaafi Musliimaa akkaataa duudhaa amantaalee kunneeniitiin qaluun dhiyeessaa jira. Suuqiiwwan raabsaa mataasaa 42fi dhaabbilee maamiltootaa Yunivarsiitiwwaniifi hoteelota gurguddoo hedduu qaba.
Gara biyyoota Baha Fagootti foon erguuf waldichi mul’ataafi tarsiimoo dandeessisan kaawwatee hojjechaa jira jedhanii, haftee qalmaa akka galteetti fayyadamuun warshaalee sadi jechuunis warshaa nyaata loonii, nyaata lukkuufi warshaa saamunaa dhaabuuf dhagaa bu’uuraa kaa’ee ji’a dhufurraa eegalee ijaarsasaa jalqabuuf haaldureewwan barbaachisan xumuree jira jedhaniiru.
Adeemsa warshaalee dhaabuu kana jalqabuun dura waldichi waggoota lamaaf hojii qorannoo taasisaa kan ture ta’uu himanii, qalmi horii yoommuu raawwatamu dhibbantaan 52 foon qulqulluu nyaatamu yoommuu ta’u dhibbantaan 48mmoo haftee qalmaa (waan baduudha) jedhaniiru.
Warshaa nyaata horiifi nyaata lukkuu jalqabuuf maashina barbaachisu biyya Chaayinaarraa galchuuf waldichi waliigaltee mallatteessee kan jiru ta’uu himanii Ji’a dhufurraa eegalee hojiin ijaarsaa kan jalqabamu ta’uu hojigaggeessaan kun ibsaniiru. Warshichi hojii yoommuu jalqabu nama 250f carraa hojii uumuu danda’as jedhaniiru.
Waldaalee Hojii Gamtaa jajjabeessuuf hojmaanni akka biyyaattis ta’ee akka Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti jiru onnaachiisoodha keessattuu Labsiin Caffee Mootummma Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 218/2011 Waldaaleen Hojii Gamtaa galteewwan isaanif barbaachisu ashuurarraa karaa bilisa ta’een akka galfataniifi lafa karaa liizirraa bilisa ta’een akka argatan kan eyyamu ta’uu yaadachiisaniiru.
Hojmaatni mijatoo ta’an jiraatanis raawwiirratti hudhaalee hedduun waldaalee hojiigamtaa mudachaa kan jiran ta’uu himanii, keessattuu Ashuurarraa karaa bilisa ta’een meeshaalee akka alaa galfatan eyyamamee osoo jiruu yeroo isaan ashuuraa gaafataman nimul’ata jedhaniiru.
Ittigaafatamtuun Waajjira Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Magaalaa Shaggar Aadde Wayinisheet Gizaawu gamasaanitiin akka jedhanitti, Waldaaleen Hojii Gamtaa qixa sirriin yoo hoogganaman bu’aan isaan biyyaaf buusan olaanaa waan ta’eef, kana yaada keessa galchuun bu’a qabeessummaasaaniitiif hojmaatonni dandeessisan bocamanii hojiirra oolaa jiru jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017