![](https://press.et/oromifa/wp-content/uploads/2024/12/1-18-800x528.jpg)
Finfinnee: Miidhaan dubartootarra qaqqabu haalaafi bifasaa jijjiirrachuun yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufuu qoronnoowwan adda addaa ni mul’isu.
Rakkoon kun ammoo keessumaa biyyoota dinagdeen hinguddannetti hundee gadifageeffateera. Dubartoota reebuu, dirqisiisanii gudeeduufi barmaatilee boodatti hafoo irratti raawwachuun kan mul’atu bal’inaan biyyoota hinguddannetti.
Rakkoon kun kan addunyaa yoo ta’u, ardiiwwan akka Afrikaatti ammoo daran bal’aadha. Itoophiyaattis miidhaan dubartootarra ga’u hammaachaa dhufuu taateewwan addaddaa raawwatamanii ajandaa miidiyaalee ta’an yaadachuun ga’aadha. Taateewwan naannolee biyyattiitti mudatanis yeroo baay’ee kan raawwataman namoota dhihoo jedhamaniifi humna ni qabu jedhamaniin ta’uunsaa ammoo rakkinicha ittuu ulfaataa taasiseera.
Oromiyaattis dubartootaafi daa’mmanirratti miidhaan bifasaa jijjiirrate, haala safuu hawaasaa cabseen raawwatamaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa ibsanii, miidhaan kunis sosochiidhaan qofa kan hiikamu akka hintaaneefi hundeerraa hiikuuf hunduu tumsuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.
Keessumaa abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaafi qaamoleen hawaasaa hundi ittigaafatamasaanii ba’achuu akka qaban sosochii hubannoo uumuu tibbana Oromiyaatti eegale ilaalchisuun ibsa biiroosaaniitti kennaniin ibsaniiru.
Miidhaa dubartootarra ga’u kana amantiin kamuu kan balaaleeffatu yoo ta’u, namni dubartootarraan miidhaa ga’ees cubbamaa ta’uufi ajaja uumaallee kan irra darbe ta’uu Macaafni Qulqulluufi Quraanni akka ibsu, duula ittisa miidhaa koorniyaa akka biyyaatti ji’a Sadaasaa keessa akka addunyaatti yeroo 39ffaa akka Itoophiyaatti immoo yeroo 19ffaaf mataduree “Miidhaan dubartii miidhaakootis, hincallisu” jedhuun adeemsifamaa ture ilaalchisuun abbootiin amantii Kiristaanaafi Islaamaa yaadasaanii Gaazexaa Bariisaaf kennan ni ibsu.
Gaggeessaan Amantii Ortodoksii Abbaa Daani’eel Xibabuu akka jedhanitti, Waaqayyo jalqaba fakkaattiisaatiin dhiira kan uume yoo ta’u, qofaasaa jiraachuun gaarii waan hintaaneef dubartii tokkommoo uumeef.
Kanaaf dubartiin jireenya namaa keessatti barbaachistuufi murteessituudha jechuudha. Gaafa uumuus lamaan isaanii fakkaattiisaatiin waan uumeef tokko tokkorra hincaalan. Kennaasaa hafuura qulqulluu, gaafa kennuufis lamaaniifuu kenneera. Raajii akka dubbataniif dhiiras dubartiis dibee kaaseera. Waaqayyo mana amantii kiristaanaa dubartiitti fakkeessee kan waamuuf kabajaafi jaalala isaaniif qaburraa ka’eetu.
Kanaaf uumama uumaan walqixxeessee uumerratti tokko olaantummaa fudhachuun haala humnaafi gara jabinaan guutameen miidhaa irratti uumuun ajajasaa cabsuu ta’uu himanii, kanaaf namni amantiisaa jaallatuufi jecha uumaasaa dhagahu kamuu dubartiirratti miidhaa geessisuufi harkasaa irratti kaasuurraa of qusachuu akka qabu hubachiisu.
Keessumaa dhiirri tokko fedhii yeroo muraasaaf jecha yoo dubartii miidhu madaa qaamaafi xiinsammuu yoomillee hinqoorre dubartii sanarra geessisaa waan jiruuf dhaabatee of ilaaluu akka qabu kaasanii, kanas yaadachiisuufi barsiisuun ammoo ittigaafatama abbootii amantiiti jedhu.
“Namni yommuu sammuunsaa sirriitti yaaduu dhiisuudha waan badaa kan raawwatu. Hamma keessasaa Waaqayyoo jirutti garuu waan badaa gochuuf ija jabina hinqabu. Akkuma gaafa qaruuraa keessaa bishaan buufamu qilleensi bakka duwwaa qabatu sana, nutis waan gaariin nu keessaa bu’ee akka wanti badaan bakka hinqabanneef ofeeggachuun barbaachisaadha” jedhu
Abbaa Amantii Islaamaa Haji Suleeymaan Mursalaa gamasaaniin, dubartoonni haadha, obboleettii, intalaafi haadha warraa ofii ta’uu akkasumas Ergamaa Rabbii Mohaammadiin, gootota, jeneraalotaafi namoota guguddoo addunyaarratti dinqiisifatan kan da’e dubartii ta’uu kaasanii, namni kanneen hinjaallanneefi miidhaa irraan ga’uu nama ajaja Rabbii hinfudhanne ta’uu ibsu.
Dubartiin haaluma kamiinuu miidhaan irra ga’uu akka hinqabneefi, nama hundumaarraa kan eegamu isaan eeguu, kununsuufi mirgasaanii kabachiisuufi akka qabu kaasanii, kanaafis qaamoleen seeraa, mootummaafi hawaasni miidhaasaanii miidhaa ofii taasifachuu akka qaban hubachiisu.
Haaluma kamiinuu dubartootarra akka miidhaan hingeenyeef yoo seerri addaa ba’uu barbaachisellee ba’uu akka qabus ni gaafatu
Abbaan amantii Pirotestaantii Paastar Iyyuu’el Tasfaayees, seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti miidhaan dubartii tokkorra ga’e hanga biyyoota walitti buusuu qaqqabuusaa kaasanii, akkuma nama dhuunfaattillee namoonni miidhaawwan addaddaa dubartiirraan ga’an hafteen jireenyasaanii nagaa kan hinqabneefi eebbi kan irraa fagaate ta’uusaatiin jireenya gadadoo jiraatanii lubbuunsaanii darbuu eeru.
Amantii kamiinuu dubartiirratti miidhaa geessisuun cubbuu ta’uusaatiin amanaan kamuu akka abboommii Waaqayyoo ijootti ilaalee ittiin jiraachuu akka qabu hubachiisu. Kanaafis abbootiin amantii ittigaafatamasaanii akka ba’atan gaafatu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017