Finfinnee: Harariitti inisheetiiviin mishingaa bu’aa qorannoon deeggaramee hojiirra oolaa jiru wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf abdachiisaa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Omisha mishingaa hanga ammaatti gaggeeffameen callaa kuntaala kuma 36 sassaabameera.
Pirezidaantii Ittaantuufi Hoggantuun Biiroo Qonnaa Naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka himanitti, naannichatti omishaafi omishtummaa guddisuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf inisheetiiviin mishingaa bu’aa qorannoon deeggarame hojiirra oolaa jira. Sanyiin mishingaa bu’aa qorannoo Yuunivarsitiin Haramayaatiin argame qonnaan bulaa bira ga’uudhaan hektaara 800 irratti hojiirra ooleera.
Sanyii mishingaa hawaasni naannawaa ittifayydamaa ture faca’ee ji’a torbaa hanga sagaliitti maasaarra kan turu ta’uufi lafa heektaara tokkorraa callaa kuntaala 13 argamaa turuu himanii, mishingaan bu’aa qorannoon argame garuu ji’a sadii keessatti kan ga’u ta’uufi lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 42-45 kan argamu ta’uus eeraniiru.
Rakkoo lafa qonnaa naannicha keessa jiru dabalatee sanyii mishingaa naannawa hanga ji’a sagaliitti oyiruurra turu fayyadamuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun akka hindanda’amne himanii, inisheetiiviin mishingaa bu’aa qorannoon argame ji’a sadiitti waan ga’uuf omishaafi omishtummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qabus himaniiru.
Naannichatti bara omishaa 2016/17tti lafa waliigalaa hektaara kuma 11fi 774 sanyii gosa gara garaan uwwisuuf karoorfame guutummaatti milkeessuun danda’ameera. Lafa sanyiidhaan uwwifame keessaa kilaastariin qamadii hektaara 450, mishingaan hektaara 800, akaakuuwwan midhaanii biroo dabalatee inisheetiiviifi kilaastaraan hektaarri kuma tokkoofi 250 sanyiidhaan uwwifamuus eeraniiru.
Biirichi inisheetivii kana milkeessuuf hojii hawaasaan walbarsiisuu bal’inaan hojjechuu himanii, yeroo ammaa kana sassaabbii omisha mishingaa hektaara 800 irraa callaa kuntaala kuma 36 sassaabameera. Aanaalee muraasarratti omishni sanyii mishingaa sadarkaa bilchinaa fixachaa jiraachuus himaniiru.
Akka Aadde Roozaan jedhanitti, omishi sassaabii duraafi booda akka hinqisaasofneef hojii bal’aan hojjetameera. Aanaalee sadiitti inisheetiviin omisha mishingaa bal’inaan jiruuf maashinoota calleessan sadii dhiyeessuun qisaasama omishaa oolchuuf hojjetamaa jira. Maashiniin dhiyaate yeroo qusachuufi dadhabbii hir’isuun muuxannoo fayyadama maashinii qonnaan bultootaa gabbisuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Midhaan gahe rooba yeroo maleetiin akka hinqisaasofneef hawaasa, hojjetaa mootummaafi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun omishni duulaan sassaabamaa turuu himanii, omishni sassaabamu garmalee fayyadamuun akka hinqisaasamneef qonnaan bulaafi hojjettoota misoomaaf leenjiin hubannoo uumuu bal’aan kennameera.
Qonnaan bultoonni sanyii mishingaa qorannoon ba’e omishan kan nyaataaf isaan ga’u hambifatanii Biiroo Qonnaatti akka gurguru taasisuun bittaa guddaa raawwachuu himanii, bittaan gaggeeffamus bifa qusannootiin karaa baankii raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017