
Harargeen Bahaa godinaalee Oromiyaan qabdu keessaa tokko yoo ta’u, maqaa kanas kutaa biyyaa dur Harargee jedhamurraa akka fudhatetu himama.
Harargeen bahaa kibba-dhihaan Laga Shaabaleefi Bodina Baaleetiin, dhihaan Harargee Lixaan, kaabaan Dirre Dhawaafi kaabaafi bahaan immoo Naannoo Sumaaleetiin daangeffamee argama. Naannoo Hararii immoo guutummaatti kallattiilee hundaanuu godinichaan kan marfameedha.
Godinni kun omishaawwan akka Jimaafi Bunaatiin kan beekamu yoo ta’u, waggoota jijjiiramaa kana keessattuu haala kanaan dura hinbaramneen gara omisha midhaan akka qamadiifi xaafiitti ce’ee jira. Keessattuu bunni godina kanatti baay’inaan omishamuu baatus gatii qaaliitti gurguramuudhaan kan akka biyyaatti dorgomaa hinqabneedha.
Haaluma walfakkaatuun jimaan Itoophiyaan alatti erguudhaan sharafa alaa olaanaa irraa argattus jimaa Harargeetti omishame qofarraayyi.
Aanaaleen Baabbilee, Midhagaa Tolaa, Dadar, Konbolchaa, Fadis, Mayyuu Mulluqe, Gurawaa, Baddannoo, Jaarsoo, Cinaaqsan, Gooroo Guutuu, Meettaa, Gooroo Muxii, Gola Odaa, Qarsaa, Malkaa bal’oo, Kurfaa Callee, Qumbiifi Gursum godinichatti argamu.
Akka ragaan tajaajila Istaatistiksii Itoophiyaa kan bara 2005 ibsutti, godinni kun baay’ina ummataa 2,555,635, yoo qabaatu; kana keessaa miliyoonni 1,298,104 dhiira yoo ta’an, 1,257,531 immoo dubartoota.
Waggoota jijjiiramaa kanneen keessatti hojiiwwan bu’uraalee hawaasaa murteessoo ta’anirratti xiyyeeffatamee hojjatamaa kan jiru yemmuu ta’u, raawwiin pirojektotaas bifa nama abdachiisuun karooraa ol raawwatamaa jiraachuu ittigaafatamaan Waajjira Faayinaansii Godina Harargee Bahaa, Obbo Musxafaa Jamaal nidubbatu.
Akka ibsasaaniitti; bara 2017 hanga ji’a Bitooteessa 30tti pirojektota 319 hojjatamanii xumuramuudhaan tajaajilaaf banaa ni taasifamu jedhamee abdatama. Pirojektonni kan baranaa qofa otoo hintaane buleeyyiis kan dabalatuudha.
Haala hojii pirojektotaa kanaan dura akka biyyaatti baratamaa ta’e keessaa bahuudhaan kallattii ijaarsa pirojektotaarratti akka godinichaatti jijjiiramni guddaan mul’achaa kan jiru yemmuu ta’u, kunis kanaan dura hojiiwwan pirojektii raawwataman hundi bajata mootummaa qofarratti kan rarra’an turan. Yeroo ammaa kanatti garuu ijaarsi pirojektotaa baasiifi bajata dhaabbileefi namoota dhuunfaatiin bocamanii hirmaannaa ummata bal’aatiin dabaalamanii raawwataman babal’achaa jiru.
Haalli kun baasii mootummaan pirojektotaaf ramadu hir’isuuf kan gargaaru qofa osoo hintaane, pirojektonni hedduun hirmaannaa dhaabbileefi namoota dhuunfaa akkasumas hirmaannaa hawaasa bal’aatiin ijaaramaa jiraachuun miira jaalala biyyaas kan dabaluudha.
Hojiiwwan babal’ina bu’uuraalee misoomaafi pirojektonni gara garaa iddoowwan adda addaatti diriiraa jiranitti hirmaannaan hawaasaa cimaa dhufuun miira abbummaafi pirojektota ijaaraman kanneeniifis tajaajila yaadamaniif akka oolaniif eegumsa abbummaa akka taasisuuf carraa kan uumuudha.
Hirmaannaan hawaasni bal’aan ijaarsa pirojektota bu’uuraalee misoomaarratti agarsiisaa jiru gama maallaqaafi humna qabu gumaachuu qofaan osoo hintaane, waldaalee IMX ijoollee qonnaan bulaa barnoota xumuranii carraa hojii hinargatiniin hojiiwwan pirojektii kunniin akka hojjataman taasifamuun hawaasni kallattiidhaan hojii ijaarsa bu’uraalee misoomaa keessatti kallattiidhaan akka hirmaatuufi irraa fayyadamus taasifamaa jira.
Pirojektiin ijoolleen qonnaan bulaa waldaadhaan gurmooftee ijaarsasaa keessatti hirmaatteefi abbootnisaanii maallaqaafi humna qaban qindeessanii akka gumaachan ittitaasifame kana akka kan dhuunfaasaaniitti waan ilaalaniif eeggumsaafi kunuunsa barbaachisu taasisuudhaan pirojektotni ijaaraman yeroo qabameefiin olitti tajaajila dheeraa hawaasichaaf akka kennaniif carraa kan uumuudha.
Pirojektota barana ijaarree ni xumurra jennee qabanne 319 kanaan ummanni godinichaa miliyoona 2.1 ta’u ni fayyadama jedhamee kan eegamu yoo ta’u, pirojektota kanneen keessaa guguddoon kanneen akka; daandii cirrachaa, keellaawwan fayyaa, madda bishaan dhugaatiifi babal’ina manneen barnootaa maqaa dhahuun ni danda’ama.
Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaallamu biyyuma kamittuu hojiileen misoomaa mootummaa qofaadhaan hojjatamanii hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa baasan akka hinjirre hubachuudhaan, yeroo ammaa hirmaannaan hawaasni godinichaa bifa tola ooltummaafi kanneen birootiin hojiiwwan ijaarsa pirojektota keessatti taasisaa jiru godinaalee birootiifis kan fakkeenya guddaa ta’uu danda’uudha.
Sochiin hirmaannaa ummataa hojiilee misoomaa keessatti gabbisuu kun baroota jijjiiramaa keessattuu erga labsiin tola ooltummaa Caffee Oromiyaatiin ragga’ee as cimaa kan dhufe ta’us, keessattuu kan bara darbee qofa yoo ilaalle kanneen hanga bara darbeetti ture dachaa hedduun kan caalu ta’ee argameera.
Kun immoo miirri tola ooltummaafi aadaan walgargaarsaa dhalootarraa dhalootatti darbe hawaasa kana keessa jiraatus, kallattiin mootummaan hirmaannaa lammiilee hojiiwwan misoomaa keessatti cimsuuf baafates bu’aa buusaa jiraachuu kan agarsiisuudha.
Hubannoon hawaasni misooma naannawasaa irratti qabus bakka kaleessaa hinjiru. Sochii mootummaan hojiiwwan bu’uraalee misoomaa babal’isuudhaaf taasisu hunda miira “Na ilaallata, pirojektiin kun gaafa ijaaramee xumurame kan ittifayyadamu anaafi maatii kooti” jedhuun osoo affeerraa mootummaas ta’ee qaama biraa hineegganne hawaasni dhufee fedhiisaatiin keessatti hirmaachaa yeroo itti jirurra gahuun daran kan nama boonsuudha.
Dhugaa dubbachuuf haala amma keessa jirruun Godina Harargee Bahaatti osoo mootummaanuu karoorsee hojiilee bu’uura misoomaa gara garaa hojjachuu dhaabeeyyuu hawaasni mataasaatiin walgurmeessee qabeenyaafi beekumsa qabu walitti buusuudhaan sadarkaa ofiisaatiin pirojektota hojjachiisee xumursiisuurra gaheera jechuun ni danda’ama.
Pirojektota barana hojjatamaniif sadarkaa aanaaleefi bulchiinsa magaalotaatti qarshiin ramadame biliyoona 1.1 yemmuu ta’u, kana keessaa bajata mana qopheessaatiin qarshii miliyoona 533 kan hafe bajata idileetiin kan uwwifamaniidha.
Sadarkaa godinaattis pirojektota bajanni qarshii miliyoona 213 kan qabameef yemmuu ta’u, bifa waliigalaatiin akka godinichaatti bara bajataa 2017 pirojektotni qarshii biliyoona 1.5 qabameefii hojirratti kan argamaniidha.
Gama kenna tajaajila lammummaatiin yemmuu ilaalamus bara darbe gama kanaan hirmaannaan hawaasni taasise qarshii biliyoona 15 raawwachuuf kan karoorfame yemmuu ta’u, raawwiinsaa garuu bifa hin yaadamneen biliyoona 30.1 ture.
Bara bajataa kanaafis gama kenna tajaajila lammummaa kanaan raawwachuuf kan karoorfame hojii qarshii biliyoona 30.4tti tilmaamamu yemmuu ta’u, raawwii hanga ji’a kanaatti jiruun qarshii biliyoona 23 irra gahuun danda’ameera.
Sababa kenni tajaajila lammummaa kun akkanatti dagaageefis baadiyyaatti lafa fageenya kiiloomeetira tokko hingeenye keessatti manneen barnootaa lamaa sadii arguun danda’ameera.
Walumaagalatti; waggoota jijjiiramaa kanneenitti hojiiwwan hawaasa biratti fudhatama argataniifi bu’aansaanii qabatamaan mul’achaa jiran keessaa tokko kenna tajaajila lammummaati. Godinaaleen akka Haraargee Bahaafaan kenna tajaajila lammummaatiin hojiilee bu’uuraalee misoomaa hedduu raawwachaa jiran jajjabeeffamuufi badhaafamuu qabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017