Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa pirezidaantii waggoota afran dhufaniif federeshinicha gaggeessu filachuuf guyyoota muraasatu hafa. Kaadhimamtoonnis yoo filataman maal hojjechuuf akka qophaa’an tooftaalee adda addaatiin ibsaa jiru.
Gaazeexaan Bariisaas kaadhimamtoota torba dhiyaatan keessaa sadii kanneen Finfinnee, Oromiyaafi Tigraayi bakka bu’an (Kabajamoo Duubee Jiloo, Atileet Silashii Sihiniifi Gabra’igzaabeer Gabramaariyaam) wajjin gaafdeebii taasise akka armaan gaditti dhiheesseera.
Kabajamoo Duubee Jiloo
Atileetiksii biyyattii jijjiiruuf waanin fedhii qabuuf qophii olaanaa taasisaan jira. Atileetiksii biyya keenyaa Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti beekamaadha. Qabxiin duraan ittiin beekamaa turre akka deebi’uuf sirriitti karoorfadheen hojjedha. Atileetiksii waanin durumaan keessa tureef akka cimuus akkasumas hanqina jiru furuuf nan hojjedha.
Qophii barnootaatiin, digrii jalqabaa Saayinsii Ispoortiitiin Yunivarsitii Kotobeerraa, digrii lammaffaas akaakuu barnootaa walfakkaataatiin Yunivarsitii Finfinneerraa fudhadheera. Biyyoota alaattis koorsiiwwan addaddaa, fakkeenyaaf Keeniyaatti, Yunivarsiitii Keeniyaattaarraa Kochingi divilopmentiidhaan sartifikeetii, Morisheesitti atileetiksii kochiidhaan dippilomaa, walumaagalatti sartifikeetota dorgommiifi leenjii, addunyaarratti ammoo shaampiyoonaa Dohaatti bara 2019 badhaasawwan addaa argadheera.
Muuxannoo hojiin walqabatees waggoota 20 oliif damee ispoortii kana hogganeera. Ammaan tana ammoo bakka bu’aa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’een tajaajilaa jira.
Qabxii atileetiksii biyyattii gadi bu’aa jiru kana garee cimaa taasisee ijaaruuf nan hojjedha. Naannoleen yeroo ammaa ispoortiidhaan gadi bu’aa jiru. Isaanis cimsuuf kilaboota baay’inaan horachuun dargaggoota ciccimoo baasuun maqaa biyyattiin kanaan dura addunyaarratti qabdu akka deebi’uun taasisa.
Akkasumas rakkoo bakka shaakallii furuuf hanga gandaatti caasaa diriirsuudhaan dargaggoota dorgomtoota ta’an filachiisuun guddinasaa ilaaluun barbaada. Kana gochuuf ammoo boordii filatamu wajjin tokko ta’ee guddina atileetiksii biyyaatiif bu’aa gaarii buusuuf of kenneen hojjedha.
Muuxannoo hojiifi qophii barnootaan qabuun yoon filatame imaanaa ummanni natti kenne akkan sirnaan hojiirra oolchu nan amana.
Namoonni yommuu pirezdaantii federeshinichaa filatan nama atileetiksii biyyattii gara duraatti adeemsisuu danda’u, keessumaa guddina ispoorti pirojektota guddattootaa atileetiksii nama cimsuu danda’uufi wayita ammaa qabxii gama atileetiksiin addunyaarratti gadi bu’aa jiru sirreessu filachuu qabu.
Rakkoo koree olompikii keessatti waggootaaf tures hiikuun koricha irra deebiin ijaaree cimsuun fuulduratti hojii hedduu nan hojjedha. Rakkoo ijoon olompikii hanqina leenjii waan ta’eef kana hiikuun xiyyeeffannaa hojiikoo ta’a.
Akka waliigalaatti filannoo kanarratti miidiyaan yaada filatamtootaa sirnaan ummatatti dhiheessuun, ummanni nama sirrii atileetiksii biyya kanaa fayyisu karaa haqaqabeessaan filachuun irraa eegama. Mootummaanis milkaa’ina filannichaatiif waan irraa eegamu taasisuu qaba.
Atileet Silashii Sihin
Filannoo kanaaf sirnaan qophaa’aan jira. Yoon filatame atileetiksiin maal akka ta’e qabatamaadhaan waanin beekuuf atileetotaaf, leenjistootaaf, akkasumas hawaasa atileetiksii hundaaf waan malu nan hojjedha.
Karoorrikoo bal’aadha. Federeeshiniin atileetiksii biyyattii guddaa waan ta’eef waan maqaasaa gitu hojjechuun yaada. Gareen biyyaalessaa diigameera. Yeroo ammaa bakkeen atileetonni itti shaakalan rakkisaadha. Isaan walqabatees wanti hojjetamu jira. Dorgommiin biyya keessaafi alaa haala kamiin adeemsifamaa jira kan jedhu sirriitti iftoominaan irratti hojjechuu gaafata. Anis haala kanaanin hojjechuuf karoora qaba.
Hojii kanaaf ammoo maallaqni waan barbaachisuuf dhaabbilee addaddaa waliin ta’uun galiin federeeshinichaa guddatee mataasaa danda’ee akka dhaabbatuuf nan hojjedha. Pirojektota atileetiksii babal’isuufi kilaboota cimsuun hojii guddaa narraa eegamuudha.
Ani kanin ba’e mana barumsaa keessaati. Achii ka’eetan biyyarra darbee hanga sadarkaa addunyaatti hirmaachuu danda’e. Ispoortiin atileetiksii bakka tokkotti dhaabachuu hinqabu. Carraa hirmaannaa dargaggootaa babal’isuun barbaachisaadha. Naannoon Oromiyaa kanaan dura guddina ispoortiif hojii guddaa hojjechaa ture. Kanaafuu isa cimsuuf manneen barnootaarratti xiyyeeffadhee hojjechuun barbaada.
Filatamuuf kanin dorgomaa jiru naannoleefi magaalotatti. Ummanni magaalaafi naannolee sirriitti na beeka; keessumaa Oromiyaa keessaa waanin ba’eef ummanni na beeka. Kanaaf ummanni na guddisee sadarkaa kanaan na ga’e ammas dorgommii kana akkan injifadhuuf na cinaa akka dhaabatun gaafadha.
Atileet Gabra’igzaabeer Gabramaariyaam
Ani qophii addaa hingoone. Waanuma jiruun dubbadha. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa yeroo ammaa maal akka fakkaatu hundi keenyaa ni beekna. Qabxiin keenya gadi bu’aadha. Hogganaa mitii daawwataanuu qabxii keenya sirriitti beeka. Qabxiin kun kan gadi bu’e rakkoolee addaddaaf waan saaxilameef ta’uun hubadha.
Keessumaa hoggansarratti hanqinni olaanaan akka jiru nan beeka. Seerriifi danbiiwwan leenjistootaa, atileetotaafi murtee kennitootaaf ba’anis sirnaan hojiitti hiikamaa akka hinjirre natti mul’ata. Kana sirreessuuf nan hojjedha.
Akkasumas, iddoowwan oolmaa ispoortii gahaa qabaachuu dhabuun rakkoo ijoo Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaati. Tiraakiin Istaadiyoomii Finfinnee tajaajilaa ala ta’aa waan jiruuf rakkoo ta’eera. Rakkoolee eeraman kanneen sirreessuuf karooran qaba. Keessumaa karoorrikoo naannoleefi akkaadaamiiwwanirratti hojjechuudha.
Itoophiyaa bakka bu’uun olompikiirratti atileetonniifi qaamoleen adda addaa hirmaachuuf yoo ka’an yeroo baay’ee walitti bu’insi uumamaa ture. Walitti bu’iinsa kana hiikuuf dursa qaamoleen lameen Koreen Olompikiifi Federeeshinii Atileetiksii gaheesaanii beekuun mari’achuun barbaachisaadha.
Tokkoffaan duraan dursanii qophii gochuutu isaanirraa eegama. Lameenuu mirga qabu. Kanaafuu taa’anii mari’achuu qabu. Kun ammoo osoo olompikiin hinga’iin hojii dursee hojjetamuudha. Walumaagalatti qabxiin waggoota afur eegamee dhufu kan ammaarra fooyya’uu qaba. Kunis karoora koo keessa akka jiru ibsuun barbaada.
Miidiyaan waanuma jiru hawaasaaf ibsaa jiru. Isa kanaaf baay’een galateeffadha. Hanga ammaatti waanuma jiru ummataaf dabarsaa jiru. Haata’u malee humni guddaan kan jiru qaama sagalee kennu bira waan ta’eef dhiibbaafi rakkoo tokko malee hoggansa biyyaafi atileetiksii fayyadu filachuun harkasaa keessa jira; kanaaf ittigaafatamasaa sirnaan akka ba’atun gaafadha.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017