Finfinnee: Ameerikaatti kan argamu dhaabbanni gargaarsaa ‘Muslim Aid America’ jedhamu meeshaalee fayyaa gara garaa yaala balaa tasaatiif ooluufi qarshii miliyoona 800tti tilmaamamu arjoome.
Deeggarsi kun tattaaffii dhuunfaa Ustaaz Abubakar Ahmadiifi mijeessummaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Federaalaatiin kan argame ta’uu Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaammummaa Federaalaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa ibsaniiru.
Meeshaaleen gargaarsaan argaman kunniin Hospitaalota biyyattiitti argaman shaniif kan hiramu ta’uu sirna walharkaa fuudhiinsa meeshaalee fayyaa kanarratti kan himan Sheek Hajii Ibraahim; meeshaaleen deeggarsaan argaman kunneen amantaadhaan osoo addaan hinqoodne lammiilee harkaqal’eeyyii kaffalanii yaalamuu hindandeenyeef kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Manni marichaa hojiiwwan lammiilee biyyattii deeggaran karaalee adda addaatiin hojjechaa jiru cimee akka ittifufuuf meeshaaleen gargaarsaan argaman kunniin waan yaadamaniif ooluusaaniis gadi bu’ee kan to’atu ta’uu ibsaniiru.
Meeshaaleen deeggarsa ‘Muslim Aid’n Itoophiyaaf arjoomaman kunniin sadarkaa qoricha Awurooppaafi Ameerikaa kan eeggatan ta’uu kan himan immoo Ittigaafatamaa Waajjira Ministeera Fayyaa Doktar Mabraatuu Markebooti. Meeshaalee kunneen waan yaadameef oolchuun gahee hojii ministeerichaa ta’uus ibsaniiru.
Hospitaalonni Dil Corraa, Jigjigaa, Muhur, Asoosaafi Silxee warreen meeshaaleen deeggarsaaf argame kunniin hiramuuf ta’uunis barameera.
Dhaabbanni gargaarsaa muslimaa ‘American Aid’ kanaan duras yeroo jahaaf deeggarsa walfakkaatu Itoophiyaaf kan taasise yemmuu ta’u, hanga ammaatti deeggarsa doolaara miiliyoona 15 ta’u Itoophiyaaf kennuu Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa Ustaaz Abubakar Ahmad ibsaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017