- Komishinichi qaama daandii nagaa filatee mariif dhufu simachuuf qophiidha
Finfinnee: Oromiyaatti waltajjiin calallii ajandaa marii biyyaalessaa Mudde 7-15 bara 2017tti akka adeemsifamu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Qaama daandii nagaa filatee mariif dhufu kamuu simachuuf balballisaa banaa ta’uus komishinichi ibseera.
Komishinarri Komishinichaa Doktar Yoonaas Adaayee ibsa addatti Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, boqonnaa raawwii komishinichaa hanga ammaatti jiruun naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay osoo hindabalatin calalliin ajandaa marii biyyaalessaa naannolee sagaliifi bulchiinsota magaalaa lamatti goolabameera.
Adeemsa raawwiisaa kana keessatti hirmaannaa qaamolee hawaasaafi qooda fudhattootaa dabalatee hanga ammaatti waliigalaan hirmaattota kuma 105 ol hirmaachisuun marichi hunda hammataafi hirmaachisaa akka ta’uuf komishinichi hojii jajjabeessaa hojjeteera.
Calalliin ajandaa marii biyyaalessaa naannoo Oromiyaa iftaan akka ittifufu himanii; kanaafis qophiileen barbaachisoon taasifamuu dubbataniiru. Waamichi abbootii Gadaafi haadholii Siinqee, qaamolee hawaasaafi qooda fudhattootaa taasifameera. Ittaansuudhaan, leenjii hubannoo uumuu haala mijeessitootaafi qaamolee qooda fudhattootaa akkasumas hojiileen loojistikiin walqabatan bal’inaan hojjetamaniiru.
Bakka bu’oota kutaalee hawaasa naannicha keessa jiraatan aanaalee 356 irraa namoota kuma 7fi 20, qooda fudhattoota kuma 1fi 300, haala mijeessitoota 48, tola ooltota 150fi sadarkaa naannootti dhimma kana milkeessuuf nihirmaatu.
Dabalataanis tumsa abbootii Gadaafi dargaggootni naannichaa hojii komishinchaa milkeessuuf taasisan kana nama gammachiisu ta’uu eeranii; naannichi bal’inaanis ta’e ummaata hedduu waan qabuuf komishinichis akkuma bal’inasaatti xiyyeeffannoo guddaa itti kennuudhaan hojiilee gurguddoo hojjechuudhaan iftaan eegaluun gara goolabuutti dhufa jedhaniiru.
Naannolee Amaaraafi Tigiraayittis haaluma walfakkaatuun kan gaggeeffamu ta’uu himanii; naannoo Amaaraatti hojiiwwan calallii ajandaa marii biyyaalessaa duraa hojjatamaa jirutu ittifufa jedhan.
Naannoo Tigiraayittii haalli jiru yeroo ammaa kana fooyya’aa waan ta’eef komishinichi seenee hojiisaa akka geggeessuuf ifoomeera. waan naannolee biroo keessatti raawwataman hundaa naannichatti akka raawwatu ibsaniiru.
Komishinichi qaama daandii nagaa filate kamuu gammachuudhaan simachuuf qophiidha jedhanii; komishinichi guyyaa hojiinsaa eegalerraa jalqabee qaamolee hidhatanii bosona seenanii Oromiyaa keessa socho’aa turaniif gara marii biyyaalessaatti akka dhufaniif irradeddeebbiin waamicha dhiyeessaa tureera.
Qaamolee daandii nagaa filachuun mootummaa waliin waliif mallatteessan ilaalchisuun komishinichi dubbii dubbataniin tarkaanfichi kan isaan gamamchiise ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017