Qonni Itoophiyaa barootaaf rooba irratti kan hirkate waan tureef guddachuu hindandeenye. Keessumaa biyyattiin biyya ummannishee utuu harka 80 ol qonnaan bulaa ta’ee jiruu barootaaf garuu waanjoo beelaa jalaa ba’uu hindandeenye.
Mootummaan amma aangoorra jirus kanuma hubachuun bonaa ganna qotamee wabiin midhaan nyaataa lammiilee akka mirkanaa’uuf, akkasumas midhaanota alaa galan biyyuma keessatti bakka buusanii isa hafe alatti erguun galii argamsiisuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetaa jira.
Kanaafis dameen jallisii sirnaan hogganamee hojii kana olaantummaan akka hojjetuuf seektarri dhimmicha hogganu sadarkaa federaalaafi naannootti hundaa’ee hojiiwwan jajjabeessoo hojjetaa jira. Akka Oromiyaattis Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa waggoota shan dura akka haaraatti gurmaa’uun hojiilee hedduu hojjetaa jira. Nutis sochii waliigalaa biirichaarratti hogganaa biirichaa Injiinar Girmaa Raggaasaa keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii!
Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa?
Injiinar Girmaa: Isinis waan carraa kana naa kennitaniif galatoomaa jechuun barbaada. Maqaankoo Girmaa Raggaasaa jedhama. Bakki dhalootakoo Godina Iluu Abbaa Boor, Magaalaa Mattuu yoo ta’u, barnootakoo sadarkaa tokkoffaafi lammafaa achumattin baradhe.
Bara 1996 ammoo barnoota sadarkaa olaanaadhaaf gara Yunivarsitii Finfinnee, Faakaltii teknolojii seeneen Injiinar iingiidhaan bara 2000 eebbifame. Isaa booda kallattiidhaan hojiitti seeneen bakkeewwan garagaraa ekispartummaarraa kaasee hanga gaggeessummaatti hojjedheera. Utuman hojiirra jirus Yunivarsitii Baahir Daarirraa “Environmental Engineering’dhaan digriikoo lammaffaa fudhadheera. Akkasuma MBA’ baradheera, hoggansaa wajjin walqabatees leenjiiwwan addaddaa fudhadheera.
Bariisaa: Gara hoggansaattiwoo yoom dhuftan?
Injiinar Girmaa: Hojiirratti gara waggoota 16 dabarseera. Kana keessaa garuu waggaa afur caalaa ekispartummaadhaan hinhojjenne. Gara caalaa bakka addaddaatti hoggansarrattin dabarse. Fakkeenyaaf Godina Iluu Abbaa Boor keessatti Waajjira Bishaan, Albuudaafi Inarjii hogganeera.
Gara Federaalaattis dhufuun Ministeera Indastiriitti damee indastirii maanufaakchariingii hogganaan ture. Gara Oromiyaatti dhufuunis Ejensii Misoomaafi Babal’ina Indastiriitti akkasumas, Biiroo Barnoota Leenjiifi Teknikiifi Ogummaa Oromiyaattis akkasuma ittaanaa hogganaan ture.
Godina Iluu Abbaa Booritti deebi’uun ergan bulchaa godinaa ta’ee hojjedhee booda Hogganaa Ittaanaa Biirolee Lafaafi Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa ta’ee tajaajileera. Wayita ammaa ammoo Hogganaa Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ta’een hojjetaa jira.
Bariisaa: Barataa akkamii turtan? Hawwiin keessan ijoollummaawoo maal ture?
Injiinar Girmaa: Sadarkaa godaarraa kaasee barataa sadarkaan ture. Kanin gara yunivarsitii seenes qabxii gaariidhaan ture. Yeroon baradhus ‘Medicine’ ykn Injiinariingii barachuun hawwa ture. Aniifi warri na waliin yunivarsitii seenan kanneen imaammata kutaa 10ffaa haaraa isa jedhamuun barannee warra jalqabaa waan turreef haala addaatiin maqaan nuu kannamee barataa turre. Ta’us dorgommiin ture cimaa waan tureef barumsa keenyarratti xiyyeeffannee barannee xumurre.
Haala guddinakoo yoon sii kaase, maatiidhuma galii gadaanaa qabanirraan dhaladhe. Ijoollee ofiin of guddisanii ofiin baratanin ture. Kompiyutara namaa kadhannee irratti barreessinee, qormaatawwan hedduu keessa baanee sadarkaa kana geenye.
Bariisaa: Gara hoggansaattoo nan dhufa jettanii yaaddanii beektuu?
Injiinar Girmaa: Dhugaa dubbachuuf hogganummaan ijoollummaadhumatti na jalqabe. Yommuun sadarkaa tokkoffaa baradhurraa kaasee ittigaafatamaa daree (moonitarii) ta’aan ture. Barsiisonnis yeroo baay’ee akkan waa qindeessuuf anatti kennu turan. Akkasumas, ani mana amantii keessattin guddadhe.
Achi keessatti garee faarfannaa (kuwaayeerii) gaggeessaan ture. Kanneenirraa ka’uun hogganummaan akka keessakoo jiru waantin hubadhu nijira. Garuu gaggeessaa siyaasaan ta’a jedhee hin yaadne. Hojiin hojjettu garuu gara sanatti si geessuu danda’a.
Bariisaa: Yeroo barataa turtanis ta’u amma gaafa yeroo qabaattan maaliin dabarsuu jaalattu?
Injiinar Girmaa: Ani gara caalu yeroodhuma boqonnaa jedhamuyyuu hinqabu. Garuu gidduutti gaafan yeroo banaa argadhu kitaaba dubbisuun jaaladha. Kanarraa kan hafe namootaa wajjin hariiroo hawaasummaa uumuun muuxannoo waliif qooduun na gammachiisa.
Bariisaa: Haala maatii keessanii osoo nuu ibsitanii?
Injiinar Girmaa: Ani bultoo dhaabbadhee, ijoollee sadii horadheera.
Bariisaa: Mee gara seektara amma hogganaa jirtaniitti haa dhufnuutii kaayyoo biiroon keessan hundeeffameef maali?
Injiinar Girmaa: Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa seektaroota kana dura jallisiifi horsiisee bulaa jedhamanii gargar turantu walitti dhufe. Dameen jallisii kana dura seektaroota addaddaa wajjin walitti hidhamee hojjetamaa ture. Fakkeenyaaf bishaaniifi qonna jalatti akkasumas, ejensiifi abbaa taayitaa jedhamee moggaasawwan addaddaatiin of danda’ee hojiirra oolaa ture.
Kaayyoo ijoon jallisii qabeenya bishaanii lafarraafi jalaa fayyadamuun misooma qonnaa saffisiisuu, deeggaruu, beeksisuufi qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuudha. Horsiisee bulaan ammoo hawaasni lafa jireenyasaarraa ka’e miidhamaadha.
Irradeddeebiidhaan faalama qilleensaaf saaxilamaa waan ta’eefis bakka hongeen itti babal’atuudha. Akkasumas, bakkee bu’uuraaleen misoomaa itti hinbabal’anneefi haalli jireenyaasaanii horsiisarratti kan xiyyeeffateedha. Bakki kun akka Itoophiyaattis ta’u Oromiyaatti bakka qabeenyi guddaan jiruudha.
Haa ta’u malee sababa xiyyeeffannaa ga’aa dhabuutiin bu’uuraaleen misoomaa naannawa sanatti babal’achuu hindandeenye. Kanarraa ka’uun bakkee beelaa, hongeefi waraanaa ta’aa turaniiru. Sirnoonni darbanis dhiibbaa irraan ga’anii maqaa addaa kennaniifi ummata jiraataa turedha.
Kanarraa ka’uun, kana jijjiiruuf keessumaa qabeenya naannawa kana jirutti hawaasni horsiisee bulaas ta’u biyyi akka irraa fayyadamtu gochuuf, misoomni naannawa horsiisee bulaatti gaggeeffamu xiyyeeffannaa barbaada. Giddugaleessaan xiyyeeffannaan naannawa horsiisee bulaa, rakkoonsaa ijoon bishaani.
Jallisiin ammoo kaayyoonsaa misoomsuu waan ta’eef rakkoo ijoo horsiisee bulaa hiikuuf seektaroonni kunneen yoo walitti dhufan, gamtokkoon lafa bal’aa naannawa baddaa Oromiyaan qabattee jirturratti hojii misooma jallisiitiin hojjechaa, adaduma sanaan naannawa horsiisee bulaatti ammoo bu’uuraalee misoomaa bishaanii bal’isuun jallisiitiin rakkoo horsiisee bulaa furuu danda’a jedhamee walitti dhufe.
Kanaaf kaayyoon seektarichaa tokkoffaa, bu’uuraalee jallisii baddaattis gammoojjittis galtee misoomaa ta’uu danda’an babal’isuu akkasumas, kanneen kanaan dura ijaaramanii jiran ammoo bulchuudha. Oromiyaan qabeenya bishaanii lafarraafi lafa jalaa waan qabduuf qabeenya kanatti sirriitti fayyadamuun galtee misoomaa haa goonu kan jedhurraa ka’a.
Lammaffaan, kaayyoo jiruufi jireenyi naannawa horsiisee bulaa jijjiiramuu qaba jedhudha. Kana jechuun horsiisee bulummaasaa dhiisee qonnaan bulaa ta’a jechuu osoo hintaane akkaataadhuma jireenyaasaatu jijjiiramu qaba.
Kanaafis margaafi bishaan bakka horsiisee bulaa kana akka jiraatuuf gargaaruudha. Kanaanis ofiif fayyadamuurra darbee gurguree galii akka itti argatuufi jireenyisaa akka fooyya’uu taasisuufi. Manneen barnootaa, daandiifi bu’uuraaleen naannawasaa jiru akka fooyya’u hojjeta.
Lafa dheedichaa naannawa horsiisee bulaa bira jiru misoomsuu, jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruu, kunis liqaafi qusannaallee mijeessuufii ni dabalata. Kanneen lamaantu walitti dhufee kaayyoo ijoo mana kanaa ta’e jechuudha.
Bariisaa: Kanneen bu’uureffachuun, keessumaa erga haala kanaan walitti dhufee ijaaramee dhihoodhaatii, maaltu hojjetame? Akkuma jedhame qabeenyi bishaanii misoomee, jiruufi jireenyi horsiisee bultootaa jijjiiramaa jiraa?
Injiinar Girmaa: Waggaa ja’a as erga biyya kanatti riifoormiin hoggansaa taasifamee booda seektarri kun kan hundaa’e. Kunis misooma qonnaa biyyattiirratti tiraansfoormeeshinii fideera. Qonna keessatti akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti waanti haaraan dhufe qamadii ganna malee bona qotuun hinturre. Kanarratti bu’uuraaleen misoomaa babal’ataniiru jechuu baannus paampiiwwan fayyadamuun miira yeroo hinqabnuutiin misoomsuun danda’ameera. Bishaan amma ijaaranii, jallisaniifi mandara keessa yaasanitti waan yeroo fudhatuuf waan qabnu fayyadamuun omishuun dirqama.
Kanaafuu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa olaanaa kennuufiin omisha qamadii lafa hektaara kuma torba ture bara 2017tti lafa hektaara miliyoona afur qotuuf karoorri qabameera. Kanarraas callaa kuntaala miliyoona 200 oltu eegama.
Kun jijjiirama olaanaa yoo ta’u, seektarichi qabatamaadhaan qonna jallisii bonaatiif bishaan dhiheessaafi hirkattummaa rooba jalaa ba’uu isa jedhu mirkaneessaa jira. Tajaajila bishaanii ittifufiinsaan dhiheessuuf ammoo bu’uuraalee jallisii babal’isuun murteessaadha.
Kanaan walqabatee waggaa waggaadhaan yoo xiqqaate pirojektota 100 ol, iskeemiiwwan xixiqoorraa kaasee hanga pirojektota guguddootti ijaarree eebbisiisaa akkasumas, kan qabnu suphaa jirra. Haala kanaan adaduma ummanni keenya jallisiidhaan waggaatti si’a lama sadii omishuun dhaabbataa ta’ee ittifufuu danda’eera jechuudha.
Inni biraan naannawa horsiisee bulaati. Naannawa kanatti hongee waggoota lama dura mudatee tureen horii hedduun dhumaniiru. Osoo hongeen hindhufiin waggaa tokko dura pirojektota finnaa jedhamaniifi naannawa horsiisee bulaatti bishaan cimmisuu danda’an 73 jalqabamaniiru.
Kanneen keessaa ammatti pirojektonni 24 xumuramanii bishaan meetirik kuubii miliyoona 80 ol qabataniiru. Kun silaa bishaan akkasumaan yaa’ee darbee iddoo biraa deemu ture. Barana ammoo pirojektonni 17 xumuramanii hojii kan jalqaban ta’a. Kanaaf amma naannawa horsiisee bulaatti utuu roobni hinroobiin waggaa tokkoof turee bishaan dhabamee rakkoo keessa hinseenamu jechuudha. Haala kanaan akkuma ka’umsa keenyarratti kaayyoowwan guguddaa qabannee kaane lafarrattis bajata biliyoonotaan lakkaa’amu ramadamee hojjetamaa jira.
Bariisaa: Pirojektota finnaa hafan kaan hoo yeroo ammamii keessatti xumuruuf karoorfattan?
Injiinar Girmaa: Akkuma beekamu bulchiinsi pirojektotaa biyya kana keessa jiru rakkoo mataasaa qaba. Kontiraaktarri, gorsaaniifi abbaan pirojektii walitti dhufaniitu pirojektiin tokko milkaa’a. Amalli pirojektichaas akkasuma dhiibbaa mataasaa qaba.
Pirojektonni finnaa qabaman 73n silaa waggaadhuma tokko keessatti xumuramuu qabu turan. Garuu, dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa, qaala’iinsa gabaa, dandeettiin raawwachiisummaa kontiraakataraa dadhabaa ta’uun, rakkoon nageenyaafi dhimmoonni walqabatan pirojektonni waggaa lama sadii akka dheeratan taasisaniiru.
Bariisaa: Pirojektonni finnaa godinaalee rakkoo nageenyaa qabanitti hinhojjetamne taanaan, naannawa sanatti filannoowwan maaliitu hojiirra oolaa jira?
Injiinar Girmaa: Pirojektiin finnaa 73n kan hojjetaman godinaalee Gujii, Arsii, Shawaafa’itti. Pirojektiin kun bishaan cimmisuuf kan fayyadu yoo tahu, bakkeewwan rakkoo nageenyaa nu mudatetti jallisii aadaa fayyadamaa jirra. Bakka bishaan kuufame jiruutti ammoo paampiiwwan kennamanitti fayyadamaa jiru.
Bariisaa: Bakkeewwan kanneeniitti paampiidhuma raabsuufiyyuu mijataa turee?
Injiinar Girmaa: Eeyyee, qonnaan bultoonnis ofiisaanii dhufanii ni fudhatu. Kanarraan ammoo paampii waggaatti yeroo tokko geeffamee raabsama malee hojii waggaa guutuu hojjetamu waan hintaaneef hangas mara rakkoo hintaane.
Bariisaa: Pirojektii Tiblaatiin walqabatee yommuu komiiwwan addaddaa ka’an dhaga’ama. Maddi komii kanaa maalii, ammawoo pirojektichi sadarkaa akkamiirra jira?
Injiinar Girmaa: Pirojektiin Tiblaa wayita ammaa tajaajilarra jira, erga xumurames tureera. Garuu fedhiin naannawa sana jiruufi pirojektichi walhinsimu. Pirojektichi lafa hektaara kuma ja’a qofa omishuu danda’a; fedhiin jiru garuu isaa oli. Komiin ka’us kanumaan walqabata jechuudha. Fuuldurattis qorannoo dabalataa taasisuun haala namoota dabalataa fayyaduu danda’uurratti ni hojjetama.
Bariisaa: Pirojektota haalota addaddaatiin hojjetaman kanneen egaa kunuunfachuu kan qabu hawaasa. Hubannoo hawaasaa cimsuurratti haala kamiin hojjettu?
Injiinar Girmaa: Hojii jallisii amalumasaatiin yommuu hojjetamu hirmaanaan hawaasaatiin hojjetama. Dura akkamiin akka hojjetamu, akkamitti faayidaarra akka ooluufi kunuunsa taasifamuu qaburratti erga hubannoon uumamee booda hojjetama. Utuu kun hinraawwatiin hojiin dizaayiniiyyuu hinhojjetamu. Akka waliigalaatti hojii hawaasa hinhirmaachisne bu’aansaa quufsaa waan hintaaneef biiroon keenya kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennee hojjeta. Sababnisaas pirojektiin yommuu hojjetamu dhimmoonni akka kabachiisa daangaa, eeguufi kunuunsuu waan ka’aniif dirqama hawaasa hirmaachisuu qaba jechuudha.
Haala kanaan mootummaan pirojektota ittigaafatamummaadhaan ijaaree hawaasatti dabarsa. Waan hojjetame kunuunsanii ittifayyadamuun kan hawaasaa yoo ta’u, adeemsi ittiin hordofamu garuu ni jira.
Bariisaa: Haala amma jiruun bishaan jallifame qisaasama malee sirnaan faayidaarra oolaa jira jechuu dandeenyaa?
Injiinar Girmaa: Jechuu hindandeenyu. Jallisiin amalumtisaa teknolojii ta’uusaatiin hubannoofi mala barbaada. Hawaasni keenya ammoo hubannoorratti hanqina qaba. Ujummoo jallisii kana banee gabaafaa kan dhaqutu jira. Kunimmoo bishaan garmalee akka dhangala’uu gochuurra darbee, biqiltuun bishaan humnaa olii fudhachuun omisha kennuu qabu akka hinlaanne taasisa.
Namni tokko tokkommoo akkasumaan bishaaniif xaa’oo baay’ee biqiltuutti naquun omisha waan dabalu kan itti fakkaatu jira. Kanimmoo hamma barbaadamuu gadi itti naquus ni jira. Kana hundumtuu hubatee hojiirra oolchaa jira jechuun rakkisaadha.
Isa kanaaf egaa hojii hubannoo uumuu ittifufiinsa qabu barbaada. Qonniifi jallisiin keenya yoo nama barateen hogganamaa deeme malee bishaan qisaasessuun baay’inaan inuma jiraata. Kanarratti seektaroota akka qonnaafi kanneen dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun irratti hojjetamaa kan deemu ta’a.
Bariisaa: Dhiheessiwwan galtee qonnaaf barbaachisaniin walqabatee waanti jiru maal fakkaata? Keessumaa guddistuu callaafi sanyii filatamaa dhiheessuurratti qoodni biiroo keessanii maali?
Injiinar Girmaa: Hojiin seektara kanaa walhidhataadha. Fakkeenyaaf ergamni biiroo keenyaa qonnaaf bishaan dhiheessuudha. Erga nuti dhiheessinee boodammoo seektarri qonnaa lafti akkamitti saayinsiisaa eegee akka qotamu mijeessa. Galtee qonnaaf barbaachisu kan dhiheessummoo waldaalee hojii gamtaati. Yeroo baay’ee eegaa qaamoleen addaddaa kunniin walitti dhufnee waliin hojjechuuf yaalii ni taasisna.
Akka carraa ta’ee sadarkaa aanaatti seektaroonni kunneen hundi tokko ta’aniiru. Kanaaf kanaa booda dhimmi kun caalaatti fooyya’aa abdii jedhun qaba.
Bariisaa: Hojiin seektara kanaa egaa qindoominaan kan hojjetamudha. Hojiin gama kanaan hojjetamummoo bal’aadha. Kanaaf eenyuurraa maaltu eegama?
Injiinar Girmaa: Qooda fudhattoonni seektara kanaa hedduudha. Inni guddaan hojiin kun hoggansa sirrii argannaan waan baay’ee hojjechuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf Oromiyaan poteenshaala bishaan lafarraafi lafa keessaa hektaara miliyoona ja’a ta’u ittifayyadamuu dandeessu qabdi. Teknolojiin itti dabalamnaan ammoo miliyoona 10 iyyuu ga’uu danda’a. Kanaaf lafti Oromiyaan qabdu bal’aadha jechuudha.
Kanaafis qaamolee hundi hirmaachuu qabu. Fakkeenyaaf biiroon keenya hanga sadarkaa godaatti bishaan dhiheessuuf dirqama qaba. Biiroon qonnaa ammoo ittifayyadamnisaa karaa sirnaan akka deemuuf hojii qonnaa sirnaan gaggeessuu qaba. Waldaan Hojii Gamtaa ammoo harkifannaan torban tokkoo omisharratti dhiibbaa waan fiduuf sanyiifi guddistuu callaa yeroodhaan dhiheessuu qaba. Egaan warri kun sadarkaa gubbaarraa kaasee hanga gajjallaatti qindoominaan hojjechuun isaan barbaachisa.
Inni guddaan garuu, ittigaafatama caalu kan qabu qonnaan bulaa isa omishni maasaa isaarra jirudha. Wantoonni jedhaman hundi dhihaatanii, qonnaan bulaan sirnaan hojiitti hiikee hinfayyadamu taanaan bu’aa hinqabu. Kanaaf qonnaan bulaan keenya of si’eessuun hojjechuu qaba.
Hojii seektaroonni kunneen hojjetan hojii deeggarsaati malee dhaabbataa miti. Dhaabbataadhaan kan hojjetee omishtummaa dabaluu qabu qonnaan bulaadha. Qonnaan bulaan carraa amma argame kanatti sirnaan fayyadamuu qaba. Hojjettoonni seektarootaas deeggarsa ogummaa irraa eegamu hunda ba’achuun manii qabame milkeessuurratti ittigaafatamasaanii ba’achuu qabu. Yoo kana ta’e imalli hiyyummaa keessaa bahu dheeraa hintahu.
Bariisaa: Akka waliigalaatti ergaa yoo qabaattan carraan isinii kenna.
Injiinar Girmaa: Egaa qonni meeshaa hiyyummaa jalaa ittiin baanudha malee kana bara jireenyaa hojjetanii ittiin jijjiiraman miti. Biyyi qonna qofaan guddate baay’een hinjiru. Sababnisaa qonni lafa ittiin nama ga’u kan mataasaa qaba. Achi geenyaan fagoo nama hindeemsisu.
Ammaaf garuu akka biyyaattis ta’u Oromiyaatti filannoo biraa hinqabnu. Amma xiyyeeffannaa keenya ta’uu kan qabu qonna. Qonni guddatee gara indastiriitti ce’uuf omishni dabalamuu qaba. Omishni immoo kan dabalu roobarratti hirkattee miti. Omisha dabaluun kan danda’amu bishaan lafa jalaafi lafarraa duguuganii fayyadamuun yoo danda’ameedha.
Kana gochuuf ammoo qonnaan bulaa hundi oyiruusaa keessatti yeroo rooba argatu bishaan cimmifachuu danda’uu qaba. Kanaaf qaama biraa eeguu hinqabu. Namni hunduu haroo mataasaa qabaachuu qaba ilaalchii jedhu jiraachuu qaba. Namni akkas godhee mana manasaatti yoo jijjiirama fidu of bira darbee jijjiirama biyyaa fida. Omishaafi omishtummaa dabaluuf ittifayyadama bishaanii dabaluu qabna jechuudha.
Qaamoleen ittigaafatama kanaa qabanis qonnaan bulaa gargaaruu qabu. Ogeessonnis deeggarsa teknikii taasisuufii qabu. Fakkeenyaaf qonnaan bulaan waanuma boolla qoteef bishaan cimmisuufii dhiisuu danda’a. Keessoosaatti sharaa gochuu akka qabufaa hubannoo kan uumu ogeessa.
Kanaaf akka waliigalaatti qonni keenya akka jijjiiramuuf hirkattummaa roobaa jalaa ba’uu qabna; qonni keenyas kan jijjiiramu yeroos waan ta’eef. Qonni keenya yoo guddate maleemmoo indastiriitti ce’uu hindandeenyu. Biyyis kan guddattu indastiriidhaani.
Nuti waan bobo’aa gurgurannu hinqabneef jijjiiramni keenya dafqa keenyarra jira jechuudha. Sooramuufi badhaadhinatti ce’uun kan danda’u dafqanii yoo hojjetan qofa.
Gama horsiisee bulaatiinis ilaalchi jiru jijjiiramuu qaba. Naannawaan horsiisee bulaa bakka qabeenyi olaanaa jiruudha. Lafti misoomuu danda’u bal’aanis kan argamu naannawichatti waan ta’eef kanarratti hojjetamuu qaba.
Bu’uuraalee misoomaa guutuunis dirqama. Fakkeenyaaf utuudhuma horii gaanfaa qofa gurgurra jennee hojjennee biyyoota Arabaatti baay’ee barbaadama. Garuu maqaa keenyaan biyyoota kaantu gurgurata. Kanaaf bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bakka tursiisaa ijaaruufa’irratti abbootiin qabeenyaa hirmaachuu qabu.
Horsiisee bulaanis bu’aa horsiisarraa argatuun jireenyasaa jijjiiruu danda’uu qaba. Dinagdee hongee dandamatu yoo hinijaariin, yoomiyyuu hongeen dhufu horii nu jalaa fixe jechuufi qamadii kadhachuun nun baasu. Kanaaf qulqullinarratti xiyyeeffannee hojjechuufi bu’aa isarraa argamuun ammoo dinagdee hongee dandamatu ijaaruu qaba.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017