Finfinnee: Misoomni Atara Boonsituufi Boloqqee bifa addaan Godina Shawaa Bahaa keessatti oomishamaa ture sassaabamee gabaa alergiif qophaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa beeksisan.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Masfin Tashoomaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf Kibxata darbe kennaniin godinicha keessatti misoomni atara boonsituufi boloqqee xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamaa turuu kaasaniiru.
Misooma atara boonsituufi boloqqee lafa hektaara kuma shantamarratti facaafamerraa oomishni kuntaala miliyoona tokko sassaabamuu kan kaasan obbo Masfin gabaa sharafa alaaf qophaa’uu kaasaniiru. Atarri boonsituu lafa hektaara kuma toorbarra, boloqqeen akaakuuwwan afur ammoo lafa hektaara kuma 43rratti facaafamuufi sassaabamee gabaa alergiif qophaa’uus ibsaniiru.
Misoomichi akka godinichaatti bifa addaan xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu yoo kaasan bu’a qabeessummaansaa daran olaanaa waan ta’eef gara bal’inaan oomishuutti seenamuus yaadachiisaniiru. Atara boonsituufi boloqqee omishuu qofti gahaa waan hintaaneef oomishtoonni gabaa alergii keessatti qooda akka fudhataniif haalli mijataa uumamaa jiraachuus kaasu.
Akka godinichaatti qonnaan bultoonni gara invastimentiitti cehan waggaa waggaan lakkoofsaan dabalaa kan jiran yoo ta’u yeroo ammaatti gara 1500tti olguddachuu himaniiru.
Qonnan bultoonni invastimantiitti cehan kunniin alergii keessatti hirmaachuun alatti hojiilee misoomaa indastirii, hoteelaafi misoomaalee biroo keessatti qooda akka fudhataniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Oomishaafi oomishtummaansaanii dachaan akka dabaluuf itti fayyadamni mekaanaazeeshinii qonna ammayyaa akka babal’atu inisheetiiviiwwan mootummaan diriirses haalaan hojiirra akka oolaniif hordoffiifi deeggarsi walirraa hinicinne taasifamaa jira.
Milkaa’inni omisha atara boonsituufi boloqqeerratti argame kun dachaan akka dabaluuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u godinichi misooma inisheetivii qamadiinis maqaa kan qabu ta’uu yaadachiisaniiru.
Alergii oomisha qamadiin Itoophiyaan ittiin maqaa guddaa horattetti Shawaa Bahaan ishee tokko yoo taatu, haalli qilleensashii baddaa, badda dareefi gammoojjii hunda keessattuu omishaafi omishtummaaf mijataa ta’uu kaasaniiru.
Inisheetiiviiwwan akka naannootti gadi bu’an 28 keessaa 25 guutummaa guutuutti godinicha keessatti hojiirra ooluus himanii rakkoon dhiyeessii kombaayneraafi tiraakteraa akka furamuufis xiyyeeffannoon irratti hojjetaa akka jiranis himu.
Barana tiraaktara 200 dhiyeessuuf karoorfame keessaa 31 milkaahuu, lakkoofsi kombaaynaraa dabalaa jiraachuu dubbatanii, aadaan kilaastaraan omishuufi misooma jallisii akka gabbatuufis hojjetaa jiru.
Barana aanaalee 11tti lafa hektaara kuma 390 uwwisuuf karoorfame keessaa lafti hektaarri kuma 156 yoo qotamu, hektaarri kuma 105 ol midhaan garagaraan uwwifamuu himaniiru.
Lafa jallisiin midhaan gara garaan misoome kanarraa galii callaa kuntaala miliyoona 16 argamsiisuuf humna guutuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Hojiin qonnaa lafee dugdaa biyyaa ta’e kun bu’aa hirmaannaa mootummaa, qonnaan bulaafi ogeessota qonnaan deeggaramee dinagdee biyyaa utubuu keessatti adda duree ta’edha kan jedhan Obbo Masfin akka godinichatti xiyyeeffannoon guddaan kennameefii bonaafi ganna hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017