Akkam nagumaa fayyumaa; hiriyyaa hinqabuu qofumaa; dhuftee yoo nalaalte sigaarumaa jedhe jennaan Artistii gameessi Xilaahun Gassasaa. Gaazexaan Bariisaas manaabaan fagaattee Gibee qaxxaamurtee qalbiishii gara Shanan Gibee, walakkaa Jimmaatti ceessiftee artistii qaalii dukkana keessa ifa aartiifi muuziqaa Oromoo dhoostee baaste tokko iyyaafannaaf deemteetti.
Gibee ce’anii wayita fuula ofii gara Shanan Gibee Jimmaatti kaasan walleen qalbii nama nyaatu yaadannoo durii namatti kaasu yoo jiraate “Burtukaanii mitii hadha’aadhaa kun jaalala mitii maraachaadha” kan jedhuudha.
Burtukaanii mitii hadha’aadhaa, Gurraalee, Ushururuu, Oromiyaa bareedduu, Sinwaama yaaboonaa, Yaaji’aa naaf bahii, Dammashoolee, bara dukkanaa keessa wallee weellifame yoo ta’u, walleeshii Ushururuu Abdii Mahaammad (Abdii Qopheen walaleeffamee Artistii gameettii sagaleen kiilolee kan dacheen Oromiyaa Shanan Gibeen biqilchite, Sittiinaa Abbaaduulaatiin miidhagee weellifamee simboo ganamaa aartii Jimmaaf ibsaa ta’ee tajaajlaa jira.
Jimmi aartii muuziqaan qofa miti ogummaawwan bobboca meeshaalee mana keessaa kanneen akka barcumaa, siree, misooma bunaafi jimaadhaan kan badhaateedha. Bu’uuruma kanaan guddina aartii Oromoofis artistoota qaalii ga’umsa muuziqaan sagaleensaanii qoraafame hanga har’aa dhalootaaf galaa ta’an arjoomuu keessatti maqaa qabdi.
Jimmaaf hedduun weellisaniiru. Kanneen akka Artisti Xilaahun Gassasaa, Haacaaluu Hundeessaa, Mohaammadsaanii Zubeer (Abbaagiddii) Muktaar Usmaan, Sittiinaa Abbaaduulaa fi obboleettiishii Nafiisaafaa Abdulaakiim maqaa dhahuun ni danda’ama.
Barreeffama keenya kana keessatti gaafdeebii gabaabaa Artistii qaaliin tun bara Afaan Oromoon dubbachuun akka yakkaatti ilaalamaa ture yeroo dukkanaa sana keessa sirba Burtukaanii mitii hadhaa’aadha jedhu gurra ummataatiin ga’uun Oromoo mataa olqabachiisaa turte.
Artisti Sittiinaan Godina Jimmaa, Aanaa Limmuu Kossaa, Magaalaa Limmuu Gannat, Ganda 04 keessatti dhalattee guddatte. Fedhiifi kennaa muuziqaa keessashii buleen umriishii ganna sagal hincaalleen Hawwisoo Godina Jimmaa keessatti qooda fudhachuun muuziqaa Oromoo ol kaasuu kan jalqabde yoo ta’u, fedhiifi ogummaanshii walsimachuurraa kan ka’e artistii dukkana keessa iftedha jechuun danda’ama.
Ga’umsi muuziqaashii dachaan dabalaa dhufuurraa kan ka’e Artisti Sittiinaan duubarra Orkeestiraa Poolisii Jimmaa keessattis adda durummaan qooda fudhachuun imala muuziqaashii olkaasuu ittifufteetti.
Warraaqsi dhohee Dargiinis kufee Orkeestiraan Poolisii Jimmaa waan bittinnaa’eef fuulashii gara magaalaa guddoo Oromiyaa, Finfinneetti naanneffattee carraa obboleeyyanshii goleewwan Oromiyaa kaanirraa babahan waliin walarguuf carroomte.
Baandiin muuziqaa Oromoo wayita sana maqaa qabu Baandii Gadaa yoo ta’u, Artisti Sittiinaaf balbala banuun nooruu jedhee ishee simateera.
Baandicha keessatti Artistoota qaalii kanneen akka Adam Haruun, Raayyaa Abbaamaccaa, Abbabaa Abbashuu, Daawwit Mokonnon, Muktaar Usmaan, Hayiluu Kitaabaa, Mohaammad Sheekaa,Yoseef Gammachuu, Qurqunjii Simbiifi kanneen biroo waliin hojjechuuf carraa argatteetti.
Baandii Gadaa Bilisummaa Ilfinash Qannoo, Fitaaber Guddinaa, Eebbisaa Addunyaafi Usmaayyoo Muusaafaa waliinis hojjechuun sirba aadaa Jimmaa gadtumee oltumee, Gondaa, Washiifi kanneen biroo weellisuun Artistii seenaa addaa hojjetteedha.
Artistoota warraaqsa indastirii muuziqaa Oromoo ammayyeessuun aartii Oromoo cimsuuf baandii Maccaafi Tuulamaa hundeessan keessaa Sittiinaan ishee tokko.
Artisti Sittiinaan Albamii muuziqaa tokko kan qabdu yoo ta’u, caalaatti weelluushii “Burtukaanii mitii hadha’aadha kun jaalala mitii maraachaadhaa” jedhuun ofis Jimmas beeksisteetti.
Milkaa’ina Artisti Sittiinaaf fedhii muuziqaa qabachuunshee isa ijoo yoo ta’u, walaloo gurratti mi’aawuun jechoota qaaliin kukkuulee Afaan Oromoofi Sumaaliffaan ichimee kan kenneef Artisti Abdii Qopheedha.
Artisti Sittiinaan ammaan tana hojii muuziqaa keessaa baatee hiyyumaan wal’aansoo walqabaa jiruufi jireenyashii gaggeessaa jirti. Sittiinaan haadha ilmaan sadii (dhiira lamaafi durba tokkoo)ti.
Kaleessa dheengadda bara dukkanaa keessa qabsaa’ota osoo lubbuusaaniif hinwaakkatiin aartiin qabsoo siyaasa Oromoo humneessaa utubaa turan keessaa Sittiinaan ishee tokko.
Artistoonni ishee waliin turan hedduun wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu kanfaluun seenaa addaa hojjetan kanneen akka Artisti Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yoseef Gammachuufaa maqaa dhahuun nidanda’ama.
Artistoonni kunniin seenaa jiraataa bara baraan dhalootaan dhaggeeffatamaa galaa ta’ee tajaajilu olkaa’anii kan darban yoo ta’u, Oromiyaan fakkaattotasaanii kumaatamas akka horattuuf bu’uura buusaniiru.
Artistoonni Oromoo hedduu qabsoo warraaqsa siyaasaa Oromoo humneessuu keessatti shoora olaanaa kan taphatan ta’us faayidaasaaniirra Oromummaaf hojii guddaa hojjetaniiru; hojjetaas jiru. Gama fayyadamummaa dinagdeen yoo ilaalle garuu ammam hojii muuziqaa boonsaa ta’e hojjetanis bu’aan achirraa argamu hamilee ummataa yoo ta’een ala kana kanadha jedhamu miti.
Akka fakkeenyatti Artisti Sittiinaan bara dukkanaa sana keessa wallee, “Burtukaanii mitii hadha’aadhaa” jedhu weellistee albamashii tokkorraa qarshii kuma tokko hincaalle argachuu himtee, maallaqicharra fedhii ogummichaaf qabduufi hamileen ummatarraa argattu daran akka ishee quubsu dubbatti.
Barri dukkanaa sun darbee har’a Artisti Sittiinaan ofii dhokattee yeroo hojiinshii qofti miidiyaarraa dhaga’amu yaadatamti. Sittiinaan Magaalaa Jimmaa mana gandaa keessa jiraatti. Qaxaleen umrii sabiyyummaa hanga dargaggummaa waakkii malee fayyadamuun ogummaa miidhagaafi hindulloomne dhalootaaf olkeesse tun har’a jireenya gadadoo keessa jirti.
Akkuma, “Loomii shantamni nama tokkoof ba’aadha, namoota shantamaaf faaya” jedhamu Oromoon hojiishii darbetti quufinsa qabu waanuma qaburraa osoo hiixateefii ishee humneessuu danda’a.
Artistoonni keenya hedduun hojii miidhagaa hojjetanii Oromoofi Oromummaa olkaasanii ofii rakkatanii nama isaan gaafatu dhabaniiru. Kanneen keessaa Artisti Sittiinaan ishee tokko yoo taatu, ammaan tana fuulashii aartiirraa garagalchitee jiruufi jireenyashiin wal’aansoo qabaa jirti.
Bara Oromummaan yakka turetti wallee jaalalaafi warraaqsaa weellisuun hojiin hojjette seenaqabeessa ta’us, har’a dinagdeedhaan duubatti haftee harka lammiishii ilaaluun hunda quuquu qaba.
Hojii aartii Sittiinaan hojjettee dhalootaaf olkeesse ummata Oromoo kan boonsu; sanuu hojii dukkana keessa calaqqisee olbahe waan ta’eef Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa bakka mana jireenyaa isheefi obboleettiishii, Artisti Nafiisaaf arjoomeera.
Tarkaanfiin karaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Artisti Sittiinaafi Nafiisaa humneessuuf fudhatame kan jajjabeeffamu yoo ta’u, lafti qofti mana hinta’uutii lammiileen faana dhaabachuun murteessaadha.
Turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisteen rakkinan keessa jiru caalaa kan nagammachiisu hojii boonsaa Oromookoof olkaahuukooti kan jette Artisti Sittiinaan, Rabbi lafa mana jireenyaa naa kennisiiseeraa maallaqa ittiin ijaaramus innuu niqopheessa jechuun eerti.
Abdiin isheen Oromoorraa qabdu ammas olaanaa yoo ta’u, isheen aartii keenya ijaarteetti nutimmoo mana jireenyaashii ijaaruufiif waliin dhaabachuun barbaachisaadha.
Aartiin Oromoofi Oromummaa cimsuu warraaqsa siyaas dinagdeefi hawaasummaanis Oromoo jajjabeessuu keessatti shoora olaanaa kan taphatu yoo ta’u, faayidaan muuziqaarraa argamu quufsaadha jechuun hindanda’amu.
Har’as artistoonni keenya bu’aa dhamaatiisaanii argachuu caalaa hamilee ummataan jiraachaa kan jiran yoo ta’u, aadaan waliin dhaabatanii walhumneessuu ammallee dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabuudha.
Kaleessi dukkana ture. Muuziqaa Oromoo sirbuu miti Afaan Oromoonuu dubbachuun yakka ta’ee wayita ilaalamutti kaan gadi bahee hojjetee wareegama qaalii kaffaleera, kaan hidhamee hiraarfameera, har’a garuu yeroon akkasii sun darbeera.
Afaan ofiin weellisanii aartii ofii guddisuun ifatti gaggeeffamaa jiraachuun carraa gaariidha. Artistoonni keenya dirqama itti gaafatamummaa aartii muuziqaa Oromoo guddisuu haalaan bahachuu qabu jetti Artisti Sittiinaan.
Artistoonni keenya guddina aartii muuziqaa Oromoo olkaasuu keessatti shoora olaanaa kan taphatan yoo ta’u, dinagdeen kufanii arguu caalaa wanti nama gaddisiisu hinjiru.
Walumaagalatti dhimmi aartii Oromoofi artistoota keenya dinagdeen humneessuu harka keenya keessa waan jiruuf waliin dhaabannee waljabeessuun Oromoofi Oromummaa guddisuun murteessaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017