Waltajjii calallii ajandaa marii Oromiyaatti taasifamurratti namootni 7000 ol ni hirmaatu

– Paartileen Siyaasaa Itoophiyaa ajandaa marii Komishinichaaf dhiyeessan

Finfinnee: Waltajjii calallii ajandaa marii biyyaalessaa Mudde 7 Oromiyaatti eergalurratti namootni 7000 ol kan hirmaatan ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Manni Marii Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaaf ajandaa marii dhiyeessuunis ibsameera.

Koomishinarri komishinichaa Doktar Ambaayee Ugaatoo Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Koomishinichi naannolee sagaliifi bulchiinsa magaalotaa lama keessatti calallii ajandaa goolabeera. Naannolee hafan Oromiyaa, Amaaraafi Tigiraayittis kan itti fufu yommuu ta’u, Mudde 7 irraa eegalee Naannoo Oromiyaatti adeemsisuuf qophii barbaachisuu taasisaa jira. Qonnaan bulaa, Haawwan, Dargaggoota, Hayyoota, Abbootii Gadaa, Haadholiin Siinqeefi hawaasni sadarkaan jiru kan hirmaatan ta’a.

Akka ibsa isaaniitti, Oromiyaan naannoo lakkoofsa ummataa guddaa qabu ta’uurra darbee Saboota, Sablammootaafi Ummattoota garagaraa of keessaatti hammatee jira. Komishinichis akkuma bal’ina naannichaatti xiyyyeeffanoo guddaa kennuun hirmaattota aanaalee 350 irraa babba’an hirmaachisuun calallii ajandaa ummata naannichaa bakka bu’u geggeessuuf hojiiwwan loojistikii garagaraa geggeessaa jira.

Namoonni kuma torbaa ol ta’an bakka tokkotti walitti qabamuudhaan mari’achiisuun hojii ulfaataa ta’uu himanii; bakkaafi wantota hirmaannaaf barbaachisaan bakkeewwan marii garee xixiqqaan itti geggeeffaman 80 magaalaa Adaamaatti qopphaa’aa jira. Hojjettootni komishinichaa haala mijeessuuf torbee darberraa eegalanii hojii garagaraa hojjechaa jiru. Waltajjiin kun waltajjii marii ajandaa itti dhiyeeffatu qofaa osoo hintaane waltajjii walbaruun ajandaa waa’ee Oromiyaa, Itoophiyaafi naannawaasaanii itti ibsataniidha jedhaniiru.

Abbaan Gadaafi Haadholiin Siinqee ummata Oromoo biratti bakka guddaa qabaachuu himanii; marii komishishinichi naannicha keessatti geggeessuuf gumaachisaanii barbaachisaadha. Kanaaf, muuxannoo rakkoo waldhabdee ittiin hiikamu duudhaa sirna Gadaa keessa jiru gad baasuudhaan yaadni biyyaafi naannichaaf ta’a jedhamu akka dhiyaatuuf hawaasa hirmaachisuufi ofiisaanii hirmaachuudhaan ga’ee isaanii akka ba’aniif komishinichi waamicha dhiyeessaaf jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun komishinichi ajandaa Walitti Qabaan Mana Marii Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa Sadaasa 24/2017 fidan komishinichi harkaa fuudheera. Naannolee hafan Amaaraafi Tigiraayitti hojiiwwan komishinichaa hafu galmaan ga’uuf miidiyaaleen hundi akkuma baratame hubannoo hawaasaa cimsuufi akka hirmaatan taasisuuf gaheesanii ba’uu akka ittifufan waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You