Tajaajila Lammiileefi Immigireeshiinii: Hanqina iftoominaatiin komii ummataaf saaxilame

Dhaabbilee biyyattii yeroo ammaa komiiwwan garagaraa irratti dhihaachaa jiran keessaa dhaabbanni Tajaajila Lammummaafi Immigireeshiinii isa tokko yoo ta’u, komiiwwan dhaabbaticharratti ka’an keessaa kanneen akka; yeroo barbaadametti ariitiidhaan tajaajila barbaadan argachuu dhabuu, daballii gatii tajaajilaa humnaa oliifi dhimmootni rakkoolee bulchiinsa gaariitiin walqabatan isaan guguddoodha.

Keessattuu yeroo biyyattiin cabiinsa dinagdee ishee mudatee ture keessaa bahuudhaaf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachaa jirtutti sababoota garagaraa dhiheessuudhaan dhaabbilee ummataa daballii gatii iftoomina hinqabne taassisan keessaallee dhaabbanni kun isa tokko.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas raawwii hojii Tajaajila Lammummaafi Immigireeshiinii bara 2017 kurmaana tokkoffaa tibbana qorateen dhaabbatichi, rakkoo fayyadama faayinaansii, galii E-Viizaa irraa walitti qabamuun walqabatees baay’inni tajaajilamtootaa ragaan dhaabbatichaa ibsuufi kan Ministeerri Teknolojiifi Innoveeshiinii agarsiisuu garaagarummaa qabaachuu, sababa kanaanis baay’inni doolaaraa E-Viizaadhaan walitti qabames rakkoo kan qabu ta’uusaafi dhaabbatichi rakkoolee garagaraa keessa jiraachuu qorateera.

Dhaabbanni Tajaajila Lammummaafi Immigireeshiinii rakkoolee akka dhaabbataatti isa mudataa jiru keessaa bahuuf hojii riifoormii eegale cimsee itti fufuu akka qabu kan akeekkachiise manni marichaa, keessattuu komii lammiileen biyyattii kenna tajaajila dhaabbatichaa irratti qaban furuuf hojii riifoormii eegale bifa ariitii qabuun hojitti geeddaruu akka qabu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Koreen Dhaabbii Dhimmoota Qunnamtii Alaafi Nageenyaa akeekkachiiseera.

Hojmaata dhaabbatichaa fooyyeessuuniifi humna namaa dhaabbatichaa cimsuudhaan komiiwwan lammiilee biyyattii irraa ka’aa jiran furuun dhaabbatichaaf hojii hunda dursu ta’uu kan yaadachiisan walitti qabaan korichaa Doktar Diimaa Nagoo, kanaafis hojiiwwan riifoormii dhaabbaticha keessatti eegalaman cimsanii itti fufsiisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Iddoo hojii hawaasa tajaajiluuf mijataa ta’e uumuufi hojmaatawwan badaa ta’aniifi malaammaltummaa to’achuun hojii ijoo hoggansa jijjiiramaa irraa eeggamu ta’uu himanii, Itoophiyaan daangaa biyyoota ollaa waliin qabdu sirnaan to’achuuf qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin qindoominaan hojjachuu akka qabdus kaasaniiru.

Dandeettii dubartootaa leenjiifi barnootaan cimsuufi dubartootni dhaabbaticha keessatti hojjachaa jiran tasgabbaa’anii hojiisaanii miira guutuu ta’een akka raawwataniif tarkaanfiiwwan dhaabbatichi fudhate jajjabeessaa yoo ta’u, kana keessaas iddoon tursiisa daa’immanii dhaabbaticha keessatti qophaa’uun isa tokkoodha. Hojiin akkanaa kun immoo hojjataan tasgabbii qabuufi yeroo dheeraaf dhaabbaticha keessatti tajaajila isarraa eegamu miira guutuu ta’een akka bahatuuf kan isa gargaaru waan ta’eef hojii cimee itti fufuu qabu akka ta’e jala sararamee jira.

Hoggantootni haaraan Tajaajila Lammummaafi Immigireeshiiniif mudaman rakkoolee walxaxaa dhaabbatichi yeroo dheeraadhaaf keessa ture sirreessuuf sochiin isaan taassisan kan dinqisiifamu ta’uu kan kaasan immoo mana marichaatti Walitti Qabduu Ittaantuun Koree Dhaabbii Dhimmoota Qunnamtii Alaafi Nageenyaa Doktar Fatiyaa Maahdii, hojmaata ifa ta’e diriirsuun namoonni rakkoo qaban akka itti gaafataman taassisuun, teknolojii gargaaramuun hojmaatawwan badaa akka malaammaltummaa to’achuuniifi komii lammiileen biyyattii dhaabbaticharratti kaasaa jiran bifa dhaabbii qabuun furuun hojii manaa guddaa hoggantoota kanaa ta’uu akka qabus eeraniiru.

“Lammiileen Itoophiyaa osoo yeroo barbaadanitti paaspoortii argachuu kan danda’an ta’eetii sababni isaan karaa seeraan alaatiin maallaqa guddaa kanfalanii paaspoortii baafachuudhaaf deemaniif hinjiru” kan jedhan Doktar Fatiyaan, dhaabbatichi deebii gaaffii kanaa argachuudhaaf keessoosaa sirritti qorachuu akka qabu dhaamaniiru.

Miseensoonni koree dhaabbii dhimmoota alaafi nageenyaa kanneen biroos; komiiwwan lammiileen biyyattii tajaajila dhaabbatichaatiin walqabatee kaasaa jiran hatattamaan akka furamu, keessattuu lammiileen tajaajila paaspoortii barbaadan karaa seeraan alaa osoo hintaane karaa seeraatiin akka fudhataniif kenna tajaajilaa fooyyeessuu akka qabu, baay’ina hojjattootaa gahuumsaafi amala gaarii qaban akka dabalu yaadachiisanii jiru.

Lammiileen biyya alaa gara Itoophiyaatti dhufanii hojiiwwan lammiileen biyya keessaa hojjachuu danda’an irratti bobba’uudhaan lammiilee biyya keessaa irratti dhiibbaa akka hinuumneefi lammiilee biyyoota alaa eeyyama jireenyaa biyyattii hinqabne sirnaan to’achuuf hojiin to’annoo naannolee daangaa biyyattii irratti taasifamu cimuu akka qabus yaadni dhihaateera.

Daballiin gatii paaspoortii dandeettii kanfaluu lammiilee biyyattii ilaalcha keessa kan galche akka hintaane komii bal’inaan hawaasa biraa ka’aa jiruuf hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjatamuu dhaburraa kan ka’e yoo ta’u, kanaafis haala waliigala hojmaatichaafi daballii gatii paaspoortii irratti taasifame irratti hawaasichaaf hojiin hubannoo uumuu hojjatamuu akka qabu hubachiisu.

Rakkoolee yeroo dheeraaf dhaabbaticha keessa turan sirreessuuf furmaata teknolojii irratti hundaa’e kennaa jiraachuu kan himan immoo Daarikterri Olaanoon Tajaajila Lammummaafi Immigireeshiini Aadde Salamaawiit Daawwit, hojmaatawwan badaan kanaan dura hannaafi malaammaltummaaf daandii saaqaa turan hedduu tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameen cufamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, dhaabbatichi rakkoolee tanaan dura turan bifa dhaabbii qabuun furuuf tarkaanfii jalqaba fudhateen rakkooleen dhaabbatichaa maal akka turan qorannoo gaggeessuun hojii jalqabaa ture. Bu’aa qorannoo kanarraa ka’uudhaanis furmaata teknolojii irratti hundaa’e kennaa jira. Rakkoolee nageenyaa sababa namoota eeyyama jireenyaa hinqabneen uumamuu malu to’achuufis qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin qindoominaan hojjatamaa jira.

Komii qaala’iinsa gatii paaspoortiitiin walqabatee lammiilee biyyattii irraa ka’u immoo hanqina hubannoo irraa kan madduudha. Sababnisaas baasii paaspoortii tokko maxxansiisuudhaaf bahuufi gatii dhaabbatichi tajaajilamtoota kanfalchiisaa jiruun kan walmadaaluu miti. Gatiin maxxansaa paaspoortii isa ittiin kennamaa jiru kan caalu ta’uusaa qofaa osoo hintaane, biyyootuma ollaa hojii walfakkaataa lammiileesaaniitiif paaspoortii kennaniinis yemmuu walbira qabamu kan biyya kanaa ammas isa gadaanaadha.

Dhugaan jiru garuu dhimma kanarratti hojiin hubannoo hawaasaa gabbisuun sadarkaa barbaadameen kan hinhojjatamne ta’uusaati. Lammiileen biyyattii tajaajila paaspoortiitiif hanga Finfinneetti imaluudhaaf akka hinrakkanneef yaadamee tajaajilli paaspoortii kun gara iddoowwan adda addaatti akka babal’atuufis hojiiwwan guguddoon hojjatamanii jiru.

Keessattuu dhimmoota dhaabbatichi riifoormiidhaan furaa jiruufi hawaasni sirritti hinhubanne kanneen akka hawaasaaf dhiheenyatti iddoowwan garagaraatti dameewwan tajaajilli paaspoortii itti kennaman banamaanii waan jiraniif hawaasni iddoma jirutti tajaajila kana akka argatuuf hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kan hojjatamu yoo ta’u, dhimma kanarratti hojii guddaa hojjachuuf dhaabbilee miidiyaa garaagaraa waliin waliigalteen uumamee jira.

Tajaajilli Lammiileefi Immigireeshiinii Itoophiyaa magaalaa Finfinnee qofatti dameewwan afur banuudhaan itti quufiinsa maamiltootasaa fooyyeessuuf kan socho’aa jiru yemmuu ta’u, Finfinneedhaan alatti kutaalee biyyattii garaa garaatti immoo waliigalaan dameewwan 10 ta’an banuudhaan qaqqabamummaasaa fooyyeessuuf yaalaa jira.

Walumaagalatti, fooyya’iinsa sharafa maallaqa biyyattii taasifameen walqabatee dhaabbilee mootummaa daballii kanfaltii tajaajilaa taassisan keessaa isa tokko kan ta’e dhaabbanni kun, akka dhaabbata ummataa tokkotti daballii tajaajilaa taassisu kamiifuu kan dandeettii ummataa madaalu, akkasumas immoo iftoomina akka qabaatu hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjatamuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You