“Shawaa Bahaatti sassaabbii omisha gannaa dhibbantaa 93 raawwaterraa galiin callaa kuntaala miliyoona 19 argame” – Obbo Masfin Tashoomaa

Warraaqsa dinagdee akka biyyaatti eegalame milkeessuuf godinaalee adda durummaan hojiitti seenanii bu’aa caalmaa galmeessisaa jiran keessaa Shawaan Bahaa isa jalqabaati.

Makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’isuun galteewwan qonnaa bu’uura ta’an waliin gahuun warraaqsa dinagdee hiyyummaa seenaa gochuurra darbee sharafa alaa argamsiisuuf qabsootti seename milkeessuuf godinni Shawaa Bahaa isa jalqabaa ta’uu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa ni ibsu.

Ittigaafatamichi turtii addatti gaazexaa Bariisaa waliin taassisaniin akka godina Shawaa Bahaatti waqtii gannaa darbetti lafti hektaara kuma 500fi kuma 28fi 802 ol midhaan garagaraan haguugamuu kaasaniiru.

Haalli qilleensa godinichaa baddaa, baddadareefi gammoojjiin kan guutame yoo ta’u gosoonni midhaanii akka Qamadii, Garbuu, Boloqqee, Atara Boonsituu, Xaafiifi kanneen biroon uwwifamuun sassaabbiif gahaniiru.

Midhaan gannaa akaakuuwwan garagaraa facaafamee gahe kun dhibbantaa 93 haalaan sassaabamuu kan kaasan Obbo Masfin gosoonni midhaanii Atara Boonsituufi Boloqqee akaakuuwwan afur alergiif qophaa’uus himu.

Kallattii mootummaan kaa’e keessumaa Qamadii alaa galu biyya keessatti oomishuun wabii midhaan nyaataan of danda’uu kanamalees ofirra darbanii gabaa alergiif qopheessuun sharafa alaa argamsiisuu mata duree jedhuun inisheetiiviin Qamadii akka godinichaatti eegalame bu’aa guddaa galmeessiseera.

Jalqabbii inisheetiivii Qamadiin tokko jedhee bu’uura godhate kana Atara Boonsituufi akaakuuwwan Boloqqee afuriin dabaaluun sharafa alaa argamsiisuuf hojii hojjetameen bu’aa guddaan galmaa’eera.

Akka ibsa ittigaafatamtichaatti Atarri Boonsituufi akaakuuwwan Boloqqee afur hektaara 50 irraa sassaabuun danda’ameera. Boloqqeen hektaara kuma afurtamii sadirraa Atarri Boonsituummoo hektaara kuma torbarraa sassaabameera.

Oomishaaleen Atara Boonsituufi Boloqqee barbaadamummaansaanii daran dabalaa waan dhufeef xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, gabaa alergiif qopheessuun sharafa alaa argamsiisuuf haaldureen xumurameera.

Akka godinichaatti oomishaafi oomishtummaa dachaan dabaluun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf ittifayyadamani makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa, lakkoofsi tiraaktaraafi kombaayinaraas dachaan dabalaa jiru. Kanaafis sababa kan ta’e bu’aan argamaa jiru jajjabeessaa waan ta’eef fedhiin dhiyeessii teknolojii qonnaa ammas xiyyeeffannoo akka argatu ta’eera.

Ittifayyadamni teknolojii qonnaa dachaan akka dabaluuf sababa kan ta’e callaa galmaa’aa jiru bu’aa argamaa jiru yoo ta’u, qonnaan bultoonni oomishtummaarra darbanii gara invastimantiitti kanamalees gabaa alergii keessatti akka qooda fudhatan hojjetamaa tureera.

Akka godinichaatti qonnaan bultoonni 1500 ol gara invastimantiitti kan ce’an yoo ta’u; ammas lakkoofsaafi qulqullinaan akka dabalan taasifamaa jira. Makanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’isuu keessatti ittifayyadamni jiru dachaan dabalaa kan jiru yoo ta’u, kombaayinarri amma hojiirra jiru 12 gahetti dabaluuf hojiitti jirra jedhan.

Tiraaktaraan walqabatee gara 200tti guddisuuf karoora qabame keessaa 31 kan raawwate yoo ta’u, isa hafes guutuuf humna guutuun hojjetamaa jira jedhan.

Qonna duubatti hafaa kaleessaatiin warraaqsa dinagdee guddisuuf sochiin taasifamu akka fagoo nama hindeemsine hubannee hojiitti jirra kan jedhan Obbo Masfin oomishaafi oomishtummaa dachaan dabaluun fayyadamummaa qonnaan bultootaa hanga sharafa alaa argamsiisuu danda’anitti galmaan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Oomishaafi oomishtummaa dachaan dabaluu qofti gahaa waan hintaaneef oomishtoonni gara invastimantiitti akka ce’anis hojjetamaa turuu eeraniiru.

Hojiin fedhii invastimantii qonnaan bultoota akka adda bahu taassisuun kan barbaadan hoteelarratti kaan invastimantii, kaan indastirii kanneen hafan ammoo daldala alergii oomishaalee gara garaa keessa seenuun warraaqsa dinagdee biyyasaanii keessatti qooda akka fudhatan taasifamaa jiru.

Yeroo ammaa fedhiin dhiyeessii teknolojii qonnaa akka tiraaktaraa, kombaayinaraafi kanneen biroo dachaan dabalaa kan jiran yoo ta’u mootummaan alatti abbootii qabeenyaanillee akka haguugamuuf hojiin hojjetamaa jira.

Dinagdee biyyittiif bu’uura kan ta’e qonni makaanaayizeeshiniin yoo deeggarame malee warraaqsisaa hinmilkaa’u kan jedhan Obbo Masfin, inisheetiiviiwwanitti ida’uun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf deeggarsi ogummaa walirraa hin cinne taasifamaafii jiraachuu eeru. Bakka deeggarsi ogummaa gaafatamutti ogeessonni misoomaa of kennanii hojjetaa jiraachuu kaasanii, callaa argamaa jiru kana keessatti qoodnisaanii olaanaadha jedhu.

Otoo dadhabe, mudhuke hinjedhiin imaanaa mootummaan kenneef fudhatanii baddaa, baddadareefi gammoojii keessa naanna’uun deeggarsa ogummaa taassisuun bu’aa har’a itti boonnuuf ogeessonni misoomaa bu’uura guddaa buusaniiru jedhu.

Misoomawwan inisheetiivii gara garaa babal’ataa jiraniin qonnaan bultoonnis ta’e hojjettoonni mootummaa gara garaa daran fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, gabaa dhaquurraa gara ooyiruu xiqqoo qabaniratti misoomsuun fayyadamuutti cehuun danda’ameera.

Qonnaan bultoonniifi dargaggoonni hojiikoo jedhanii inisheetiivii qonnawwan gara garaarratti bobbahan hedduunsaanii fayyadamoo kan ta’an yoo ta’u, ofirra darbanii gabaa tasgabbeessuufi carraa hojii uumuunis shoora olaanaa taphataa jiru.

Keessumaa inisheetiiviiwwan 25 bal’inaan xiyyeeffannoo argatanii irratti hojjetamaa kan jiran yoo ta’u kan akka Qamadii, Muuzii, Horsiisa Lukkuufi Qurxummii bal’inaan irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u timaatimaafi qullubbiirrattis dabalataan hojjetamaa jira.

Qamadiin jallisii bonee aanaa 11 keessatti jallisiin misoomaa kan jiru yoo ta’u, aadaan waggaatti yeroo lama oomishuu kana malees misoomni kuduraalees akka babal’atu fayyadamummaansaas akka dabalu ta’ee jira.

Akka hudhaatti rakkoo inisheetiivota keenyaaf sakaallaa ta’aa jiran keessaa giddugalli gabaa dhibuun isa tokko yoo ta’u, kana furuuf sadarkaa Finfinneetti giddugalli gabaa qophaa’ee gidduseentummaan faddaaltotaa akka addaan citu ta’eera.

Misooma lukkuutiin walqabatee yeroo ammaatti hojiin guguddaa hojjetamaa bu’aan jajjabeessaas galmaa’aa kan jiru yoo ta’u, nyaannisaanii daran qaala’uun walqabatee rakkoon mudataa tureera.

Rakkoo kana furuuf alaa bitanii galchuurraa gara biyya keessatti oomishuutti akka ce’an ta’ee yeroo ammatti furamaa kan jiru ta’uu kan kaasan Obbo Masfin gatiin buuphaas duuba kana dabalaa fayyadamummaan misoomsitootaas akka guddatu ta’eera.

Akka ibsasaaniitti misoomni inisheetiiviiwwanii akka naannootti gadibu’e 28 keessaa 25 haalaan godinichatti hojiirra oolee fayyadamummaan oomishtootaa akka mirkanaa’u ta’eera.

Midhaan omisha gannaa lafa hektaara kuma 500fi kuma 28fi 802’rra uwwifame keessaa dhibbantaan 93 ykn callaan kuntaala miliyoona 19 kan walitti qabame yoo ta’u, kan hafe sassaabaa misooma jallisiitti seenamuu Obbo Masfin ni kaasu.

Akka ibsasaaniitti misoomni jallisii akka godinichaatti kan eegalame yoo ta’u, oomisha gara garaarraa callaa kuntaala miliyoona 16 sassaabuuf karoorfamee hojiitti seenameera.

Callaan karoorfame kun qabatamaan akka milkaa’uuf hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinnne taassisuun dirqama ta’uu kan kaasan obbo Masfin ittifayyadama makaanaayizeeshinii qonna ammayyaan deeggaramuun misoomicha milkeessuuf humna guutuun hojjetamaa jira.

Walumaagalatti inisheetiiviiwwan qonnaa teknolojiin deeggarame babal’isuun omisha rooba gannaan galmaa’e cinatti misooma jallisiin lafa hektaara kuma 390 ol misoomsuuf karoora akka Shawaa Bahaatti qabame keessaa lafti hektaara kuma dhibba tokkoofi shantamii jahaa ol kan qotame yoo ta’u, hektaarri kuma 105 ol midhaaniin uwwifameera.

Misooma jallisii kanarraa galiin callaa kuntaala miliyoona 19 kan eegamu yoo ta’u, karoora qabame kana milkeessuuf aadaan kilaastaraan misoomsuu akka gabbatu hordoffiifi deeggarsi ogeessa qonnaa akka mijatuufi dhiyeessiin meeshaalee makaanaayizeeshinii qonnaa akka babal’atu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You