Sabdaneessummaan tokkummaa biyyaalessaaf hudhaa hinta’u

Finfinnee: Sabdaneessummaan tokkummaa biyyaalessaatiif rakkoo akka hintaane Manni Maree Federeeshinii beeksise.

Mana marichaatti Daarektarri Kominikeeshiniifi Sabqunnamtii Obbo Tarrafaa Badhaadhaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya sabootni, sablammootniifi ummattootni hedduun jaalalaafi obbolummaadhaan keessa jiraachaa turaniidha.

Ta’us, erga mootummaan giddugaleessaa biyyattii keessatti hundaa’ee afaan, eenyummaan, aadaaniifi ilaalchi sabootaafi sablammootaa kunneenii ukkamamee turuurraan kan ka’e qabsoo hidhannoofi yaadaa taasisaa turaniiru.

Qabsoon isaan taasisan kun bara 1983 mootummaan biyyattii akka jijjiiramuuf sababa ta’uun yeroo jalqabaatiif heerri sabdaneessummaaf beekkamtii kennu  bara 1987 akka ragga’uuf sababa ta’e.  Ittaansee  bara 1998, Manni Maree Federeeshinii Sadaasni 29 waggaa waggaadhaan guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa jedhameee akka kabajamu murteessee yeroo jalqabaatiif Sadaasa 29, bara 1999 guyyichi kabajamuu eegaluu yaadachiisaniiru.

Qindeessummaa mana mariichaafi keessummeessummaa naannooleefi bulchiinsa magaalotaatiin ayyaanichi waggoottan 18 darban keessaatti dhaadannoofi sagantaa garagaraatiin kabajamaa kan ture ta’uu yaadachiisanii, ayyaanichi sabootaafi sablammootni biyyattii akka aadaa walii baran, turizimiin akka babal’atu, bu’uuraaleen misoomaa biyyattii keessatti akka guutaman taasisaa ture jedhan.

Kanamalees, sabootaafi sablammootni biyyattii akka lammii lammaffaatti akka of hinilaalle, obbolummaafi waloominni biyyattii keessatti akka dagaagu taasisaa jiras jedhanii, gama misoomaatiinis ayyaanni sabootaafi sablammoota kun yoommuu kabajamu geeba Hidha Abbayyaa naannoo tokkorraa gara naannoo biraatti naannessuun ijaarsa hidhichaatiif maallaqni oolu walitti qabamaa tureera, sadarkaa hidhi kuni irra gaheef ayyaanichi shoora guddaa taphachaa turuu Obbo Tarrafaa dubbataniiru.

Barana ayyaanichi yeroo 19ffaaf Magaalaa Arbaa Mincitti dhaadannoo ‘’Marii biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf’’ jedhuun kan kabajamu ta’uu himanii, dhqadannichi mariin biyyaalessaa furtuu rakkoolee biyyattii akka ta’e, mariin biyyattiif barbaachisaa ta’uu hubannoo hawaasaa cimsuuf kan qophaa’edha jedhaniiru.

Tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun biyya ijaaruuf  Sadaasa 25 hanga Sadaasa 29 bara 2017tti Naannoo Itoophiyaa Kibbaatti, guyyaan Saboota Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa moggaasa akka Guyyaa Waloominaa, Guyyaa Marii, Guyyaa Itoophiyaa Kibbaafi Guyyaa Itoophiyaanotaa jedhamuun sagantaalee adda addaatiin kabajamaa jira jedhan.

Hubannoo hawaasaa cimsuuf Sadaasa 01 hanga 24tti naannoolee biyyattii hunda keessatti ayyaanichi sagantaa addaddaatiin  kabajamaa tures jedhaniiru.

Itoophiyaa keessatti saboota, sablammootaafi ummattoota 76f mana maree federeeshiniitiin beekkamtiin kan kenname ta’uu  yaadachiisanii,  garaagarummaan eenyummaa sabummaa 76 afaan 76 jiraatus tokkummaa biyyaatiif qixa sirriidhaan yoo ittifayyadamne biyya ittiin ijaaruu dandeenya jedhaniiru.

Jiraachuu garagarummaa osoo hintaane biyyattii keessatti hudhaa waliin jireenyaa kan ta’e ilaalcha garagarummaa jiru amananii fudhachuu dadhabuuti jedhanii, ilaalchi akkanaa kun kanaan duras galma gahee hinbeeku gara fuulduraattis galma hin gahu jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You