Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa liigii piriimeerii Itoophiyaa waggaa waggaan kilaboota naannooleefi bulchiinsa magaalootaa jidduutti adeemsifamuu erga jalqabee waggoota 27 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti kilabonni naannoleefi Bulchinsa Magaalaa Finfinnee sagal shaampiyoona ta’uudhaan waancaa fudhataniiru.
Shaampiyoonicharratti kilabonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa, naannooleerraammoo Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Giddugaleessa Itoophiyaa, Kibbaafi, Tigraay hirmaataniiru.
Walmorkiiwwan adeemsifamanitti Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgis yeroo 16 shaampiyoonaa ta’uun dursaa jira. Kilabichi yeroo hedduu walitti aansee shaampiyoonaa ta’uun waancaawwan sadii fudhateera.
Humni Ibsaa yeroo lamaaf, Bunni Itoophiyaa, Dadabiitiifi Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ammoo si’a tokko tokko shaampiyoonaa ta’aniiru. Haaluma kanaan waancaan kilaboota liigii piriimeerii kun yeroo 21f magaalaa Finfinneetti hafeera.
Kilabni naannoo Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaar, kan Sidaamaa Bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa, kan Amaara Magaalaan Faasiil si’a tokko tokko shaampiyoonaa ta’uun waancaa fudhataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa, Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaafi Naannoon Kibbaa waancaa fudhatanii hinbeekan.
Shaampiyoonaan kun baranas yeroo 27ffaaf ji’aa Onkololeessaa bara 2017 eegalee adeemsifamaa jira. Kilaboota Naannoo Tigiraay dabalatee Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa, Sidaamaa, Giddugaleessa Itoophiyaa, Naannoo Kibbaafi Oromiyaa 18 jidduutti Magaalaa Dirree Dhawaatti adeemsifamaa jira.
Shaampiyoonaa marsaa duraa torban 10ffaa Kibxata darbe Qiddus Giyoorgisifi Machaal jidduutti adeemsifametti Machaal 4-3n mo’achuun shaampiyoonicha qabxii 20n dursaa jira.
Akkasuma Bulchiinsi Magaalaa Baahirdaar shaampiyoonaa bara darbee kan ture Baankii Daldalaa Itoophiyaa 3-0n mo’achuun qabxii 17n sadarkaa lammaffaarratti argama. Bunni Itoophiyaa Arbaamincii 2-0n mo’achuun sadarkaa isaa 12ffaarraa gara 9ffaatti fooyyeesseera.
Kilabni Machaal bara 1983 dura kilaboota ciccimoo biyyattii keessaa tokko yoo ta’u yeroo 11f shaampiyoonaa ta’eera. Haata’u malee, bara 1983 booddee kilabichi diigamuun taphattonnis bittinnaa’anii gara diviziyoonii lammaffaatti gadi bu’ee, akka haaraatti gurmaa’uun shaampiyoonaa ta’e liigii piriimeerii Itoophiyaatti guddateera.
Shaampiyonaa baranaa kanatti taphattoota ciccimoo hirmaachisuun liigicha dursaa jira. Kilabni kun torban darbe Itoophiyaa bakka bu’uun Taphawwan Guutuu Raayyaa Ittisaa Afrikaa 2ffaa Naayijeeriyaa, Magaalaa Abujaatti adeemsifamerratti biyyoota 25 keessaa meedaaliyaa warqii torba, meetii saddeetiifi nahaasa lama, walumaagalatti meedaaliyaawwan 17fi dippilomaa 10 fudhachuun atileetiksiidhaan sadarkaa lammaffaa, dimshaashumatti ammoo sadarkaa shanaffaa argachuun biyyatti deebi’eera.
Kilabichi wayita biyyatti deebi’e Shuumiin Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaan simatamuun badhaasa addaddaa argataniiru.
Seenaa Shaampiyoonaa liigii piriimeerii kilaboota Itoophiyaa keessatti maqaa gaarii kan qabu Machaa waggoota dhihodhaa as akaakuuwwan ispoortii adddaddaatiin mo’achaa jira.
Shaampiyoonummaadhaan kan beekamu kilabni Qiddus Giyoorgisi ammoo waggoota muraasaa as qabxiin isaa gadi bu’aa dhufeera.
Shaampiyoonaa baranaa kanatti Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaafi Walaayittaa Dichaa garaagarummaa galchaan wal caaluun qabxii 15niin sadarkaa sadaffaafi afraffaarratti argamu.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017