Kaappitaalli Yuuniyenii Qonnaan Bultoota Amboo miliyoona 260 oliirra ga’eera

Ambo: Kaappitaalli Yuuniyenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Amboo qarshii miliyoona 260 olirra gahuu Yuuniyeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Amboo beeksise.

Ogeessi Qorannoo Walittihidhamiinsaafi Qorannoo Gabaa Obbo Qixxumaa Caalchisaa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kaappitaalli yuuniyanichaa hanga ammaatti jiru qarshii miliyoona 260 olirra gaheera. Yuuniyanichi bara 1991 waldaa bu’uuraa shaniirraa gara 274 guddachuun aanaalee godinichaa 18rraa miseensota horachuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluuf hojiiwwan bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, kaayyoon hundeeffama yuuniyanii kanaa miseensotasaarraa omisha qulqullinasaa eegee sassaabuudhaan gabaa ittibarbaaduudhaan gatii madaalawaan gurguruun bu’aasaa waggaatti argamu deebisee qonnaan bultootaaf qooduun fayyadamoo taasisuudha.

Dabalataanis, omishaafi omishitummaan qonnaa bulaa akka dabaluuf dhiyeessiiwwan garagaraa xaa’oo, sanyii filatamaa kanneen akka boqqolloo, xaafii, qamadii bara darberraa kaasee raabsaa jira. Keemikaala farra aramaan walqabatee mootummaa waliin akka hojjetamu himanii, baroota darban keessatti karaa waldaalee bu’uraan qonnaan bulaa biraan gahameera. Guddistuu callaa kuntaala kuma 500 ol qonnaan bulaa biraan gahuun danda’ameera jedhan Obbo Qixxumaa.

Faayidaa qonnaan bulaa faddaaltotni gudduu seenaanii akka hinhir’anneef karaa waldaa bu’uuraasaaniirraa sassaabamee gatii madaalawaa ittibarbaaduun sirna gabaa daldaltoota seeraan alaan daddaaqamu tasagabeessuu keessaatti gumaacha olaa taphachaa jirra jedhaniiru.

Yuuniyanichi fayyadamummaa miseensotasaa milkeessuuf Federeeshiniii Qonnaan Bultoota Oromiyaa, Buusaa Gonofaa, Yuuniyeenoota garagaraa godinichaan ala jiran akkasumas mootummaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumee bu’aa gurguddaan argamaa jira. Walittihidhamiinsa kanaan qonnaan bultootni omishasaanii gurgurachuuf qisaasa’uu yeroo, humnaafi baasii gargaraaf utuu hinsaaxilamiin waldaa bu’uuraasaaniitti akka dhiyeessan himaniiru.

Yuuniyanichi waldaalee bu’uuraarraa fuudhee sona ittidabaluun gabaaf dhiyeesuun bu’aa argamu waggaatti deebisee qonnaan bultootaaf hiruudhaan fayyadamoo taasisaa jira.

Yuuniyanichi daakuun qamadii kiiloon tokko hanga qarshii 78 wayita dhiyaatu gabaarraa garuu hanga qarshii 95-100 ta’uun faayidaa qabeessummaa yuuniyanichaa mul’isa jedhaniiru. Bu’aan haala kanaan argamus %70 deebi’ee qonnaan bultootaaf hiramuun %30 ofeeggannoof kaazinaa keessa akka taa’u Obbo Qixxumaan ibsaniiru.

Mala qonna aadaarraa gara ammayyaatti ceesisuuf tiraakitaraan qotanii kombaayinaraan akka sassaabaniifi hojii bal’aan hojjetamee jira. Hojii hanga ammaatti hojjetameen yuuniyanichi tiraaktara 15, kombaayinara tokko, konkolaataa FSR afur, Isuuzii fe’umsaa lama, mankuusaa guddistuu callaafi sanyii filatamaa, dabalatee qonnaan bultootni haalli qilleensaan rakkisu akka tajaajilaman ta’aa jira. Dabalataanis, warshaa daakuu daabboo, warshaa nyaata beeyiladaa (furdisuufi aannaniif) bituudhaan hawaasa magaalattiifi naannawaa magaalattiif tajaajila kennaa jira jedhaniiru. Hojiiwwan kunneen raawwachuufis gamoo abbaa darbii afurii yuuniyanichi akka qabu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You