Ji’oota afran darbanitti bunarraa galii doolaarri miliyoona 678 ol argame

Finfinnee: Ji’oota afran darbanitti bunaafi mi’eessituuwwan garaagaraa toonii kuma 157 ol gabaa alatti ergamerraa galiin doolaarri miliyoona 678.33 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa beeksise.

Argama buna Arabikaa kan taate Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa alergii bunaatiin sadarkaa tokkoffaarrattifi bunicha erguudhaan ammoo addunyaarraa sadarkaa shanaffaarratti argamti.

Daarektarri Olaanaa Ittaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa Obbo Shaafii Umar ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, potenshaala qabeenya bunaa qabnurraa biyyattiin galii maluuf argachuu akka dandeessuuf sektarichatti rifoormiiwwan garagaraa taasifamaa jiru.

Bara bajataa baranaa ji’oota afran darbanitti, ergitootni bunaa 97 eeyyama fe’iisa bunaa baasuun, buna toonii kuma 15fi 727 doolaara miliyoona 73, kuma 730fi 786n erguuf waliigalteen daldalaa 617 mallattaa’eera.

Buna qulqulluu omishuun gabaa alaatiif erguuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira jedhanii; bunni miiccame hanqinni qulqullinaa akka hinmudanneef to’annaafi hordoffiin dhaabbilee ergitoota 140f taasifamuu ibsan.

Abbaan taayitichaa gabaa bunaa dabaluuf imbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota garagaraa keessa jiran waliin ta’uun agarsiisni buna Itoophiyaa biyyoota akka Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi Chaayinaafaatti qopheesseera. Agarsiisa qopheessuufi hojii piromooshinii hojjechuun walitti hidhamiinsa gabaa 1500 taasisuuf karoorfate keessaa 3,091 milkeesseera jedhan.

Kanaan dura slergii bunaa keessatti loojestikiin hudhaa guddaa turuu yaadachiisanii; hudhaa kana furuuf Waajjira Ministira Muummee, Ministeera Qonnaafi qooda fudhattoota biroorraa koree hundeessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Abbaa Taayitichaatti Gaggeessaan Hojii Kominikeeshinii Obbo Saayilamaariyaam Gabramadiin gamasaanitiin akka jedhanitti, ji’oota afran keessatti bunaafi mi’eessituu toonii kuma 157fi 257.98 erguun doolaara miliyoona 678.33 argachuun danda’ameera. Kunis yeroo walfakkaataa bara darbee faana yommuu walbira qabamu baay’ina omsha ergameetiin dhibbantaa 70, galiidhaan ammoo dhibbantaa 50n dabalata qaba.

Alergiin buna Itoophiyaa baay’ina omisha ergamuutiinis ta’e galii argamuun waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jira. Ji’a Onkoloolessa qofa toonii kuma 20 erguun doolaara 108 argachuuf karoorfamee, toonii kuma 35fi 171. 82 erguun doolaara 155. 53 argachuun danda’ameera jedhan.

Raawwiin kun raawwii Onkoloolessaa bara darbee waliin yommuu walbira qabamu hamma omisha ergameetiin dhibbantaa 75, galiidhaan ammoo dhibbantaa 66n dabalata kan agarsiise ta’uu eeraniiru.

Buna Itoophiyaa bituun Jarmaan, Sawud Arabiyaa, Beljiyeem, Ameerikaa, Koriyaan Kibbaa, Jaappaan, Gamtaan Emereetota Arabaa Jordaan, Xaaliyaaniifi Awustiraaliyaan biyyoota walduraa duubaan sadarkaa tokkoffaa hanga kurnaaffaatti argaman ta’uus himaniiru.

Akka ibsa Obbo Saayilamaariyaamitti, buna ergaman keessaa bunni Naqamtee baay’inaan dhibbantaa 35 gahee kan qabuufi sadarkaa tokkoffaarratti kan argamu yoo ta’u; bunni Jimmaafi Sidaamaa dhibbaantaa 23fi 18n walduraa duubaan sadarkaa lammaffaafi sadaffaarratti qabataniiru.

Dhaabbata buna erguun beekamu Qarcaanshee Tireedingiitti Daarektarri Sabqunnamtii Obbo Mulugeetaa Kabbadaa akka jedhanitti, barana dhaabbatnisaanii buna meetirik toonii kuma 47 erguun doolsara miliyoona 234fi kuma 413fi 795.24 argachuuf karoorfatee hojjechaa jira. Hanga ammaattis toonii kuma 21fi 466 erguun doolaara miliyoona 105fi 486 argachuu danda’eera.

Bu’aqabeessummaa alergii bunaa dabaluuf haalli mijataan kallattiilee hedduudhaan kan uumame ta’uu himanii; deggarsi tekniikiifi sharafni alaa haala gaariidhaan dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Fooyyessi Dinagdee Gooroo bu’aaqabeessummaa dhaabbilee alergii bunaarratti bobba’aniif gaheen taphachaa jiru olaanaa ta’uus Obbo Mulugeetaan dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You