Finfinnee: Sirni federaalizimii Itoophiyaatti heeraan mirkanaa’ee hojii kan eegale bara 1987 ture.
Kunis fedhiifi gaaffiilee dinagdee, demokraasii, walqixxummaafi eenyummaa ummanni kaasaa turerraa kan madde ta’uu hayyoonni seenaa ni kaasu. Bara mootummaa Dargiis abbummaa lafaatiin walqabatee gaaffiin ka’aa turuufi bara ADWUI gaaffiin eenyummaa hamma tokko deebii argachuus ni eerama.
Federaalizimiin kun heeraan beekamtii argatee caasaansaa jiraatus hojiirra oolmaarratti rakkoolee ijoo kan qabu ture.
Pirezdaantiin Yunvarsiitii Naannoo Oromiyaa Doktar Garramaw Hulluqaa dhimma kanarratti yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ADWUIn ijaaramumasaarraa rakkoo kan qabu ta’uu himanii, akka fakkeenyaattis ijaarama paartiilee afurii akka ofiin jedhuufi kanneen kaan akka deggartootaatti kan waamu ture jedhu.
Kunis hanqina qabaachuufi federaalizimii haqaqabressa akka hintaane eeranii, saboonni warri kaan garuu biyya bulchaa akka hinjirre kan agarsiisu ta’uu himu.
ADWUIn paartijlee afuriin kan ijaarame ta’us murteessuurratti aangoo walqixxee hinqaban turan. Olaantummaadhaan ABUTtu murteessaa ture. Federaalizimiin hiiknisaa qoodinsa aangoo ta’ee osoo jiruu, aangoon akkaataa baay’ina ummataatiin kan caaseeffame hinturre.
Aangoo mootummaa giddugaleessaa, mootummaan naannoo, aanaafi kkf jedhamee kan qoodamu walqixa ture. Ummata Oromoo yeroo sana miliyoona 40tti tilmaamamuufi Ummata Tigraay miliyoona shan hinguunne barcuma walqixxee qabuuyyu. Koree raawwachiiftuu hojii sagal sagal akkasumas koree giddugaleessaa 45, 45 qabuuyyu” jedhu.
Inni biraan saboonni biroon heera bu’uureeffachuun gaaffii ofiin ofbulchuu bal’inaan kaasaa turuu himanii, keessumaa gara kibbaatti saboota hedduu bakka tokkotti walitti ukkaamsuun Naannoo Saboota, Sabalammootaafi Ummattoota Kibbaa jedhee waamaa turu kaasu. Achi keessatti garuu Sidaamaan, Walaayittaafi saboonni gaaffii qaban biroon deebii argachuu akka hindandeenye eeru.
Naannoleenumti jiran kanneen akka Oromiyaa ammoo harka lafa jalaatiin namoota duuba taa’anii hogganan ramaduun gaggeessaa turuu eeranii, kunneen hundi federaalizimichi kan sobaa akka ture kan agarsiisan ta’uu ibsu.
Egaan hanqina federaalizimiin bara ADWUI qabu kan qorate paartiin amma biyya bulchaa jiru ( Badhaadhinni) ammoo jijjiiramaa as wantoota sirreeffamuu qaban adda baasuun hojiitti seenuu dubbatu. Haala kanaan paartiin biyya bulchu paartii biyyaalessaa ta’ee sirna federaalizimii sabdaneessaa gaggeessuuf murteeffatee hojiitti seenuu kaasu. Kanaanis paartii saboota hunda hammate hundeessuun sirna hirmaachisaa ijaaruu eeranii, kan akeessatti hunduu akka baay’inasaatti bakka bu’ummaa akka argatu taasisuu dubbatu.
Kana keessatti saboonni gaaffii ofiin of bulchuu qaban akka hireesaanii ofiin murteeffataniifi naannoo ta’an eeyyamaeeraaf. Fakkeenyaaf naannoon Saboota Sablmammootaafi Ummatoota Kibbaa Itoophiyaa jedhamuun bakka tokkotti cafaqamee ture naannolee afuriin ijaaramaniiru. Gaaffileen kaanis adeemsaan deebi’aa kan deemanidha. Kana malees shallaggin bajata Mana Maree Federeshiniitiin ramadamu akkaataa qoodinsaafi baay’ina ummataatiin akka ta’uuf murtaa’ee hojiirra ooleera” jedhu.
Akka ibsa Doktar Garramootti, biyyoota akka Itoophiyaa sabootaafi sabalammoota hedduu qaban keessatti wanti irratti waliigalamu jiraachuu qaba. Isaaf ammoo marii biyyaaleessaa kanaan dura paartileen mormiitoota jedhamanii maqaan kennameef yommuu kaasan itti qeeqamaa turan hojiirra akka oolu ta’eera. Kanaanis yaada waloo qabachuun yaada biyya ijaarra jedhuun kan adeemsifamuufi federaalizimii haqaqabeessa ta’uu kan agarsiisuudha.
Gama dinagdeetiinis naannoleen ofiisaanii bajata mirkaneeffatanii bilisummaadhaan kana hojjetan ta’uu himanii, naannoleen waggoota shanan darban hojiilee misoomaa hedduu inisheetiiviidhaan hojjechuusaanii ibsu. Fakkeenyaaf Oromiyaatti barnootaan walqabatee pirojektonni Ifa Boruufi Bu’uura Boruu kaasuun akka danda’amu dubbatu.
Akkasumas Sirna Gadaafi Safuu sirna barnootaatti dabaluu, Busaa gonofaa, gaachana sirnaa, mana murtii aadaafi kanneen birootti moggaasuun eenyummaa Oromootti deebisuuf tarkaanfiin fudhatame akka garsiistuutti akka ka’u himu.
Kana malees osoo federaalizimii dhugaan hinjiru ta’ee Irreecha Finfinneetti, Fiichee Cambaalaalaafi ayyaanoomta saboota birlo kabajuun akka hin yaadamne kaasanii, hunduu waan qabu as baasuufi waan waloo ammoo biyyaaf yaaduun kan jalqabe jijjiiramaa as ta’uu eeru.
Federaalizimii jijjiiramaa as hojiirra oolaa jiruun gaaffiilee hedduun deebi’anis kanneen akka ijaarsa demokraasii, bulchiinsa gaarii, hirmaannaafi bilisummaa ummataa mirkaneessuufi, kenna tajaajilaa fooyyeessuu akka barbaachisu kaasanii, hojiirra oolmaa kanaafis mootummaa, ummataafi qaamoleen siivikii gahee olaanaa waan qabaniif dammaqinaan irratti hirmaachuu akka qaban hubachiisu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017